Waayee ajjeechaa Giddaa Ayyaanaatti raawwatee hanga ammaa maal beekna?

Giddaa Ayyaanaatti haleellaa raawwateen lubbuun darbe

Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa keessatti haleellaa hidhattoonni imaltoota konkolaataa keessa turan irratti bananiin lubbuun namootaa darbee, kan miidhamaan ammoo hospitaala galuusaanii BBCn maddeen mana yaalaafi godinicharraa mirkaneeffate.

Ajjeechaan kun Jimaata har'aa Fulbaana 15, 2023 bakka Andoodee Dichoo jedhamutti akka raawwatame Hogganaan Waajira Bulchiinsaafi Nageenyaa Godina Wallagga Bahaa BBC'tti himaniiru.

Hogganaan Godinichaa koloneel Lammeessaa Dheeressaa ''taateen kun naannoo Dichootti kan raawwate. Konkolaataa uummata fe'ee Angar Guutee (Guttin) irraa ka'ee gara Giddaa deemaa jirurratti raawwatame,'' jedhan.

Koloneel Lammeessaan qaamooleen ajjeechaa kana raawwatanis hidhattoota naannicha keessa socho'an ''hidhattoota finxaaleyyii Amaaraati'' jedhan.

''Hidhattoonni finxaalessaa nageenya naannoo sanaa jejjeeqan ni jiru. Hidhattoonni finxaalessaa Amaaraa uummata konkolaataan deemaa jiru karaatti dhaabanii rakkoo geessisaniiru.''

Miidiyaa hawaasaa gubbaa gabaasni ajjeechaa Dichootti raawwate kanaa hedduun naanna'a kan jiru yoo ta'u, ajjeecha kanaan lubbuun namoota hanga 30 gahuu akka darbe gabaafamaa jira.

Haata'u malee Koloneel Lammeessaan garuu hanga ammaatti ''namoonni shan ajjeefamanii afur ammoo miidhamanii hospitaala jiruu,'' jedhan.

Hospitaala Giddaa Ayyaan bakka miidhamtonni kunneen waldhaansaaf itti geeffaman irraa ogeessi yaada isaanii BBC'f kennan tokkos, haleellaa kanaan walqabatee lakkoofsi namoota du'uu isaanii beekanii shan akka ta'an mirkaneessaniiru.

Ogeessi nageenyaaf jecha eenyummaan isaanii akka hin ibsamne gaafatan kun, ''jalqaba namoonni shan miidhaan cimaan irra gahe nu bira dhufan. Isaan yaala ariifachiisaa erga argatanii booda ammoo reeffii namoota afurii dhufe,'' jedhan.

Namoota shan miidhamanii hospitaalicha qaqqaban keessaa ammoo namni tokko osoo waldhaansarra jiruu lubbuunsaa darbuu himan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ogeessi kun waluumagalatti haleellaa kanaan walqabatee namoonni du'an shan ta'uu mirkaneessanii, kanneen miidhaan irra gahee yaalamaa jiran afur keessaa sadii miidhaa jabaan irra gaheera jedhan.

Akka ogeessi kun jedhanitti, namoonni miidhamanii isaan biratti yaala argachaa jiraaniifi reeffi isaan bira gahe hunduu dhiirootadha.

''Amma nama afur yaalaa jirra isaan keessaa sadii miidhaa cimatu irra gahe. Isaaniin riifaroo gochuuf karaan mijataa miti. Miidhaan irra geahe humna keenyaan oliidha. Hanqina dhiigaa qabna,'' jedhan ogeessichi.

Qaamni nageenyaa miidhamtoota kana dabaalee gara iddoo waldhaansa fooyya'a argatanitti isaan geessu yoo argame boru sana gochuuf yaadni akka jirus dubbatan.

Namoonni miidhamanii yaala argachaa jiran hunduu rasaasaan kan rukutaman ta'uu dubbatan.

Waliif TV, Itti gaafatamaan Eejensii Geejjibaa Aanaa Giddaa Ayyaanaa Obbo Fayyeeraa Bulii waabeffachuun gabaasa baaseen, konkolaataan imaltoonni irraa ajjeefaman lakkoofsa gabatee saa ibsuun, teessuma 28 kan qabuudha jedheera.

Hogganaan Waajira Bulchiinsaafi Nageenya Godina Wallagga Bahaa Koloneel Lammeessaan, miidiyaa hawaasaa gubbaa lakkoofsi namoota haleellaa kanaan ajjeefamanii guddaa ta'uu gabaasamaa jiru kijiba akka ta'e dubbatan.

Bakka amma haleellaan kun raawwateefi fi iddoowwan kaanis sochiin hidhattoota finxaaleyyii Amaaraa namoota nagaarra miidhaa fi buqqaatii qaqqabsiisaa akka jiru dubbataniiru.

''Aggaammiin kunis nageenya fiduudhaaf hojii hojjetamu keessatti gufuu ta'uuf, carraaqqiin nagenyaaf godhamu duubatti akka deebi'uufi hojii misoomaatti akka hin deebine hojii diinotni hojjetaniidha,'' jedhan.

Namoota rakkoo kana uuman hordofanii tarkaanfii irratti fudhachuudhaaf hojiin hojjetamaa jiras jedhaniiru.

Godina Wallaggaa Bahaa iddoo addaatti amma dura badii lubbuufi qabeenyaa akkasumas buqqatii uummataa qaqqabaa tureef hidhattootni finxaaleyyii Amaaraati jedhaman ni himatamu.

Ofii hidhattoonni kunneen naannoo Amaaraarraa gara naannoolee kanaatti ce'anii? jedhamanii yoo gaafataman, Koloneel Lammeessaan, ''diinni gamasii as nutti ce'e hin jiru,'' jedhan.

''Gaammojjii naannoo san jiru keessa uummata Amaaraatu jiraata. Achi keessa qaamoleen humna xixiqqaadhaan gurmaa'anii hidhannoo qabaniin socho'an jiru. Waarrumma uummata keenya Alirraa buqqisan sani. Achuma keessa jiraatu,'' jedhan.

Gama kaaniin naannoodhuma haleellaan har'aa raawwatametti guyyaa kaleessaa hidhattoota finxaaleyyii AMaaraatiin konkolaattotarratti saamiichi raawwatmuu jiraatan tokko BBC'tti himaniiru.

''Kaleessa aniyyuu keessan jira hidhattootni qabeenya keenya akkuma jiruun saamani. Na fudhatanii caakkaa keessa na kaahanii maallaqaa fi mobaayila na harka fudhatan.''

Dhiiraafi durba osoo hin jedhiin konkolaata lama guutuurraa saamanii jedhan namni kun. ''Haalli nageenyaa jiru yaachisadha maatiin walarguuf hin jiru'' jedhan.