Barattoonni yunivarsiitii garagaraa ajjeechaa sukkanneessaa Darraatti raawwatame mormaa oolan

Madda suuraa, OMN
Barattoonni yunivarsiitiiwwan garagaraa keessa jiran ajjeechaa sukkaneessaa godina Shawaa Kaabaa aanaa Darraatti dargaggoo Darajjee Amaaree Tasfaa jedhamurratti hidhattoota Faannootiin raawwatame mormuun nyaata lagachaafi hiriira ba'uun mormii dhageessiaa oolan.
Barattoonni yunivarsiitiiwwan Dambi Doolloo, Adaamaa, Jigjigaa, Waraabeefi Waachaamoo har'a hiriira bahan dararaan finxaaleyyiin Amaaraa hidhatan ummata Oromoo godina Shawaa Kaabaa (Salaalee), Wallagga Bahaafi Horroo Guduruu Wallaggaa irratti raawwatan akka dhaabsisuuf mootummaa gaafachaa ooluu maddeen BBCtti himaniiru.
Guyyaa kaleessaas, barattoonni yunivarsiitiiwwan garagaraa keessa baratan darara ummatarra gahu mormuun hiriira bahaniiru.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa ajjeechaa suukaneessaa Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraatti raawwate kana balaaleffateera.
Naannichi ibsa kenneen, "gochi badii gara jabeenyummaan guutame finxaaleyyiin’’ raawwatan ‘’jibba hamaa’’ sabootaaf qabanirraa madda jedhe.
Torban kana viidiyoon dargaggeessi tokko haala suukaneessaa yeroo ajjeefamu mul'isu erga qoodamee booda ajjeechaa kana balaaleeffachuun barattoonni dhaabbilee barnoota oolaanoos mufii ibsuuf hiriira bahaniiru.
Ajjeechaa kanaaf jiraattoti BBC’n dubbise hidhattoota Faannoo kan mootummaan ‘finxaaleyyii’ jedhee waamu himatani.
Mootummaan ibsa baasen ‘’… nageenya lammilee tiksuuf finxaalessaa uummata nagaa irraa adda baasee tarkaanfii barbaachisaa ni fudhata,’’ jedheera.
Ajjeechaa irra deddeebiin raawwataa jiruun walqabatee nageenya lammiilee tiksuu hin dandeenye jedhamee mootummaan komatamaa jira.
'Miira keessa galle'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Barattoonni yunivarsitii garagaraa viidiyoo ajjeechaa suukaneessaa dargaggoo tokkoorratti raawwate arguun hiriira bahuu himan.
Viidiyoo kana ilaaluun ‘’miira keessa galle. Doormii keessattillee boo’aa bulle. ..hirriballee nyaatallee nu dhorke.
“Ajjeechaan ummata Oromoorraa yaa dhaabbatu jennee hiriira bahaa turre” jedhe Barataan Yunivarsiitii Amboo tokko BBC’tti dubbate.
Badii mootummaan ittiin himatamuun alatti hidhattoonni maqaa sabaa dhahatan bakkeewwan Naannoo Oromiyaa adda addaatti ajjeechaa raawwatuun himatamaa turaniiru.
Godina Shawaa Kaabaa Aanaa Darraa kan Naannoo Amaaraa daangessu kanattis hidhattoota Faannoon ala hidhattooti WBO kan mootummaan Shanee jedhus badiin himatamu.
Mootummaan ibsa isaa keessatti hidhattooti lamaanuu ‘walitti bu’iinsa sabaa uumuuf’ kana godhu jechuun himate.
‘’Gocha gara jabeenyaa kana Finxaalessaan Faannoo wayiita raawwatu Shaneen ummata hidhannoo hiikkachiisuun haala mijeesseera,’’ jedheera mootummaan.
Yunivarsitii Ambootti barattoonni mormiif bahan kaayyoonisaanii gara magaalaatti bahuun mormii isaanii dhageesifachuu ta'ullee qaamolee nagenyaan mooraa Yunivarsiitii keessaa bahuu fi reebamuu barataan BBC'tti dubbate hime.
“Kan harka rukkutame ni jira. Kan dhiigellee ni jira. Barataan walirra bahee adda bittinnaa'e.
‘’Nuti ajjechaa suukaneessa sana balaaleffachuuf baane malee wanta mootummaa qeequllee hindubbanne” jedhe.
Kana malees barattootni Yunivarsiitii Jimmaa, Mattuu, Arsii, Wallagaa fi kanneen birollee hiriira bahuun mormii gaggeessuu odeeffannoon BBC ga'an mul'isu.
Gama kaaniin, namoonni gadda itti dhagahame miidiyaa hawaasummaa gubbaas ibsaa jiru.
'Balaaleeffatamuu qaba'
Namoonni siyaasaafi paartileen ajjeechaa suukaneessaa Darraatti raawwate balaaleeffataa jiru.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Itoophiyaa Dr Laggasaa Tulluu ‘’gochi tasa dhala namaarraa hin eegamne kuni balaaleeffatamuu qaba,’’ jechuun ibsan
‘’Gartuun finxaalessa Faannoo jedhee waamuufi Shaneen tokkuma,’’ jechuun ibsan.
Kaayyoon isaaniis saba walitti buusuufi ummata sodaa keessa buusuudha jechuun himatani. Ta’us, ‘’hin milkaa’u’’ jechuun miidiyaa hawaasummaa isaanii gubbaa barreessan.
Qondaalli KFO Jawaar Mohaammad gama isaan ajjeechaa raawwate balaaleeffate.
''Ajjeechaan suukanneessaan Salaaletti gurbaa qacalee irratti raaw’atame garaa nama guba,’’ jechuun katabe.
Kuni viidiyoon waan waraabameef barame kan jedhe Jawaar sababa ajjeechaa suukaneessaa irra deddeebiin dhagahamuuf waan sababadha jedhe ibseera.
‘’Dhumaatii ilmaan biyyaa kana maraaf sababni ijoon walwaraansa biyyattii goolaa jiruudha,’’ jechuun kanaaf kan itti gaafatamu mootummaa jechuun ibse.
‘’Rakkoo siyaasaa biyyattii karaa siyaasaatiin furuu diduutu walwaraansatti nu geesse,’’ jechuun mariin akka furaman dhaame.
Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) immoo ibsa baaseen, ajjeechaan sun duula qindaa'aa hidhattoota Faannoo ofiin jedhan, kan 'babal’ifannaa lafaafi saamichaaf bobbaaafamiin' kan rawwatamedha jechuun balaaleffateera.
Yakki wal fakkataan keessumaa bakkeewwaan naannoo Amaaraan wal daangessan keessatti rawwatamaa turuu eere.
Ajjeechaan suukaneessaa Aanaa Darraatti dargaggoo tokkorratti yeroo raawwatu mul’isu "haleellaa yakka waraanaati" jechuunis ibse.
Dubbii Himaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Hayiluu Addunyaas yaada miidiyaaleef kennaniin, “haleellaan raawwatamaa jiru finxaaleyyii Afaan Oromoo fi Afaan Amaaraa dubbataniini raawwatamaa jira” jedhanii turan.
Kanaafis mootummaan tarkaanfii barbaachisaa ta'e fudhataa jira jechuun ibsani.
ABO'n gama isaan "yaadni mootummarraa kenname kuni itti gafaatamummaa fudhachuu irraa baqachuu kan agarsiisudha" jedhe.
Ajjechaa, qe'ee irraa buqqisuu, saamichaafi lafa babal'ifannaa nannawa dangaatti taasifama jiru akka dhaabbatus waamicha dhiyeessuu ibsi dhaabichi baase eera.












