Aanaa Oromiyaa hidhattoonnii fi rakkooleen hawaasummaa itti walfuran

Madda suuraa, Komunikeeshinii Aanaa darraa
Aanaan Darraa aanaalee Godinni shawaa kaabaa qabu keessaa bal’ina lafaatiin tarree duraarra kan jiru yoo ta’u, waggoota shanan darban kanatti dirree hidhattootni keessa socho’an keessaa tokko.
Hidhattoonni WBO kan mootummaan ABO Shanee jechuun waamuu fi paarlaamaa Itoophiyaatiin shororkeessaan farrajamee jiru akkuma aanota Godina shawaa kaabaa biroo gandoota aanichaa keessas mandheeffatanii akka jiran jiraattonni ni himu.
Aanaa Darraa wanti rakkoo nageenya aanota biroo irraa adda godhu garuu hidhattootni naannolee lamaa (WBO fi Faannoo) kan keessa socho’an ta’uudha.
Deessuun sababa qorichi dhabameef hospitaala keessatti duute…
Sababa rakkoo nageenyaa aanicha keessa jiruun daandiin tokkichi magaala Guddoo aanichaa Gundo masqal irraa gara Fiichee geessu yeroo adda addaatti walitti fufiinsaan ji’ootaf yeroo cufaamee turu jira.
Sababuma Kanaan barattoonni qorumsa kutaa 12ffaa fudhatan aanicharraa gara Yunvarsiitii Salaalee kan deemanii fi deebi’an eegumsa raayyaa Ittisa biyyaatiin ture.
Ogeessa waajjira fayyaa aanichaa kan ta’anii fi sodaa nageenyaaf jecha maqaan isaanii akka hin ibsamne kan gaafatan gaaffiif deebii BBC waliin taasisaniin gama fayyaatiin rakkoo hawaasni aanichaa keessa dhufee fi jiru dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, daandin aanicha magaala fiicheetiin wal qunnamsiisu jI’oota lamaaf walitti fufiinsaan cufamee waan tureef dhiheessiin qorichaa guutumatti buufataalee fayyaa keessaa hanga dhabamuutti gahee ture jedhan.
“Deessuun tokko sababa filudiin birrii 50 dhabameef hospitaala keessatti duute. Deessuun kun hojjetuu waajjira lafaa turte. Kuni magaala aanaatti. Baadiyyaatti buufataalee fayyaa keessas qorichi hin turre” jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Tajaajilli geejjibaa gara aanichaa geessu cufamuu hordofee ji’a jalqabaa keessa qorichi mana mootummaa keessaa dhabame manneen qoricha dhuunfaa keessatti gatii dachaa hedduun gurguramaa akka tures himu.
“Amma filuudiin mana mootummaatti qarshii 50 gurgurama. Sababa mana mootummaatii dhumeef jecha mana dhuunfaatti hanga qarshii kuma sadii gurguramaa ture. boodammoo innumti kunuu nidhabame” jedhu.
Namootni dhukkubni itti cimee Hospitaala fi waajjira fayyaa dhufanii ciisaa turan.
Akka ogeessi fayyaa kuni jedhanitti aanicha keessatti sababa daandiin cufamuutiin dhiheessii qorichaa ji’oota lamaaf adda citeen dhukkubsattoonni qoricha farra HIV Eedsii, dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraa fudhatan hundarra rakkachaa turan.
“Qoricha farra HIV Eedsii ji’atti yeroo tokko fudhatu ture. ji’oota lamaaf guutumatti aanaa keenya keessa hin turre. Dhukkubsattoonni dhiibbaa dhiigaa fi sukkaaraas qorichi dhabamee hedduu rakkachaa turan.”
“Dhukkubni itti cimee namni baayyeen Hospitaala dhufee akkasumatti ciisaa ture. namootni waajjira fayyaa biiroo dhufanii ciisaa turanis jiru. Namni lubbuun darbe jiraachuu baatus hedduu rakkatanii ture” jedhu.
Daandiin aanicha geessu ji’oota lamaaf cufamee turuu isaatin qorichi, omishaaleen bu’uuraa fi namootni gara aanichaa deebi’uu barbaadan yeroo dheeraaf magaala Fiichee keessa turan.
Yeroo barattoonni Kutaa 12ffaa qorumsa xumuranii gara aanichaa deebifaman raayyaan ittisa biyyaa eegumsa taasiseen konkolaattonni ji’ootaf dhaabbachaa turan 240 caalan imala guyyoota fudhateen booda aanicha seenan.
Kanaanis dhiheessiin qorichaa adda cite ture hammeentaa murtaa’een dhufee rakkoo ture furus, daandichi deddeebiif amansiisaa waan hin taaneef qorichi dhufe kuni yeroo gabaabduu caalaa kan tursiisu miti jechuun yaaddoon dubbatu ogeessi fayyaa kuni.
Gandoonni ja’a Faannoodhaan, gandoonni afur ammoo ABO Shaneen too’atamee jira
Haala Nageenya waliigala aanichi amma keessa jiru ilaalchisuun BBC’n angaa’aa aanichaa tokko waliin gaaffii deebii taasiseen uummanni aanichaa rakkoo dinagdee sababa cufamuu daandiitiin isa mudate cinaatti rakkoo nageenyaa cimaa keessatti marfamee jira jedhu.
“Eenyummaankoo yoo barame du’uukooti” kan jedhan angaa’aan kuni eenyummaa fi aangoo isaanii BBCtti himanis oduu keessatti akka hin caqafamne gaafatan.
Hawaasni aanaa Darraa hidhattoota naannolee lama irraa dhufaniin daandii cufame keessatti dararamaa jira kan jedhan angaa’aan kuni, gatiin namaa amma miliyoona keessa seeneera jedhu.
“hidhattoonni Faannoos, hidhattoonni ABO Shanees nama ukkaamsanii fudhatu. Gatiin gadhiisuuf gaafatan ammoo amma miliyoonan ta’eera. Hawaasni kuni dararaa hamaa keessa jira” jedhan.
Haleellaa hidhattoonni lamaan yeroo adda addaatti raawwataniin waggaa tokko darbe kana keessatti manneen qonnaan bulaa 100 caalan gubachuu fi caasaan mootummaas gandoota baadiyyaa aanichaa hedduu keessaa manca’uu himu.
“caasaan mootummaa amma sochii kan qabu magaaluma Gundomasqalii fi naannawumasheetti. Faannoon Gaandoota ja’a, ABO Shaneen gandoota afur guutumatti too’atanii qabatanii jiru” jedhan.
Raayyaan ittisa biyyaa yeroo aanichatti bobbaafamu nageenyi fooyyee ta’e akka mul’atu kan himan angaa’an aanichaa, yeroo raayyaan bahu ammoo haaluma duraatti deebi’a jedhu.
Hawaasni aanichaa yeroo nagaan ture daandii tokkocha gama Fiichee geessu Kanaan alatti gara naannoo Amaaraa Marraabiteetinis gabaa deemaa kan ture yoo ta’u, amma ulaan sunis hidhattoota Faannootin waan qabameef hawaasni marfama keessa jiraachuus himan.
Yeroo ammaa daandii konkolaataa tokkicha aanicha kutaalee Oromiyaa kaanin walqunnamsiisu kanarra eegumsa raayyaa ittisaatin ala sochiin konkolaataa guutumatti dhaabbatee jira.












