Uummanni Salaalee rakkoo nageenyaan dararame meeshaa ulfootiin bahee araaraf waaqa kadhate

Hawaasni Rakkoo nageenyaan dararame meeshaa ulfootin bahee araaraf waaqa kadhate.

Hawaasni rakkoo nageenyaan dararame meeshaa ulfootin bahee araaraf waaqa kadhate.

Godina shawaa kaabaatti rakkoon nageenyaa erga dhagahamuu eegalee waggoota afurii ol lakkoofsiseera. Godinni madda goototaa fi omisha aannaniiti beekamu kuni erga gaaddiduun rakkinaa irra buufatee, qe’ee nagaan bahanii galuun itti ulfaate ta’eera jedhu jiraattonni.

Jiraattonni godinichaa gaga’ama lubbuu, mancaatii qabeenyaa fi buqqaatii sababa rakkoo nageenyaatiin godinichatti qaqqabaa jiru kuni dhuma dhabeera jechuun tibbana akka aadaatti meeshaa Ulfootiin bahanii araaraf waaqa yoo kadhatan mul’atan.

Kadhaan ‘Araaraf Waaqatti boo’udha’ jedhame kuni kutaalee godinichaa rakkoo nageenyaan raafamaa jiran hedduu keessatti gamtaan gaggeeffamaa ture.

Maanguddoon aanaa kuyyuu irraa dubbisnee fi namoota kadhannaa kana qindeessan keessaa tokko ta’uu himan ‘Kunumtuu waan natti fidu hin beeku’ jechuun maqaan isaanii akka hin caqasamne nugaafatanis waa’ee gocha aadaa raawwatame kanaa nutti himan.

“Salaale dur maqaa gaarii qaba. Abbootiin keenya fi Gootonni salaalee Kaleessa qabsoo gabrummaa sabarraa ittisuuf Oromoofuu bu’uura kaa’ani. Har’a wanti jiru faallaa kanaati. Sabuma tokko gidduu jaalalli dhabame”

“Namni keenya wal ajjeesuu qofa miti kan ajjeefameyyuu awwaala dhabaatii jira. jireenyi uummataa baayyee miidhame. Uummanni buqqaatiirra jira” jedhan.

Aanaa D/Libaanositti Haadha siinqee kan tahan aadde Faayituu Wadaajoo rakkoo nageenyaa amma salaale mudate Kanaan kan wal ajjeesaa fi waldararaa jiru obbolaawuma jedhu.

“dhibdee Obbolaa gidduu kanaan kamtu yakka kam hojjete kan jedhu adda baasnee hin beeknu. Garuu namni keenya saamamaa jira. ajjeefamaa jira. manneen barnootaa gubachaa jiru. Ambulaansiin deessuu tajaajiltu gubachaa jirti” jedhan.

Araara ulfoon waaqa kadhachuu…

Dhibdee hidhattoota fi waraana Mootummaa gidduutti deemuun dararamni hawaasarra gahu dabalaa deeme malee hir’ina hin agarsiisfne kan jedhan jiraaattonni kunneen, rakkoo kanaaf karaa aadaa fi safuu naannichaatiin gamtaan waaqa kadhachuu himu.

“sangaa camadnee, kallachaa fi caaccuu baasnee, jaartii cifiree baatee, farda luugamnee “Izgoo’jennee waaqa kadhanne. Ummanni cinqameeti kan qotiyyoo camadee, ibidda baasee kana godhu. Waan salphaadhaaf kuni hin godhamu” jedhan aadde Faayituun.

“Ejersa Guddaa lafa gaaraa

Ulfaataa Rabbuu nugargaara, mee araara” jechaa gamtaan bahanii waaqa kadhachuus himu.

Maanguddoon aanaa Kuyyuu irraa dubbisne ammoo “araaraa Kadhaa waaqaa” kanaaf kallachaa fi meeshaalee ulfootin dabalata dhiirri uffata dubartii, dubartiin ammoo uffata dhiiraa uffatanii bahuu fi kunis seera dabe kana agarsiisuuf ta’uu eeran.

Qotiyyoofi ijoollee waanjoo itti hidhuu, farda luugamuufi uffata waljijjiiranii uffachuun maal ibsa?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Shimallis Xaafaa ogeessa waajjira aadaa fi turizimii Godina Shawaa kaabaati. Gochi tibbana hawaasni godinichaa rakkoo isarra gahe ibsachuuf dhimma itti bahe kuni aadaa fi safuu Oromoon yeroo rakkinaa ittiin ibsatu jedhan.

“Ulfaa fi qotiyyoon camadamee, daa’imatti waanjoon godhamee, fannoo fi kaanis bahee addunyaatti rakkoo irra gahe agarsiisuun guddina rakkinichaa mul’isa. Gochi akkanaa rakkoon humnaa olii gaafa dhufu raawwatamaa” jedhan.

Salaale jiruu fi jireenya idilee ammaan dura keessa ture rakkoo nageenyaa isa mudate kanaaf jecha haala duraatin gaggeefachuu dadhabuu kan himan ogeessi kun, akkaataa duudhaa ganamaatiin rakkoo isaa ibsate jedhu.

“Godina kana keessatti ijoolleen baayyeen barnoota dhabee jira. fayyaadhaanis rakkootu jira. abbootii haadholiin kabaja dhaban. Safuun badee jira. maallaqa namni lakkaa’ee hin beeknetu gaafatama. Kuma 50 hanga miliyoona afurii yeroo gaafatamutu jira” jedhan.

Uummanni sababa rakkoo nageenyaa Kanaan dhiibbaa guddaa jala waan galeef akka duudhaa ganamaa abbootirraa dhaaletti safeeffanna isa guddaadhan waaqa araaraf kadhachuuf bahe jedhan.

“Oromoon salaalee seenaa keessatti rakkoo akkanaa argee hin beeku. Kanaafi uummanni ulfoo qabatee waaqatti, namatti , uumama jirutti bahee’ Izgoo’ jedhee kan kadhate.” Jedhan.

Safuun hawaasni uffannaa dhiiraa fi dubartii waljala dabarsanii uffatanii bahan kunis seerri uumaa cabeera erga jedhu dabarsuuf ta’uus himu.

Akka duudhaa fi aadaa godinichaatti gochi hawaasni rakkoo irra gahe ibsachuuf ittiin bahe kuni murtii isa olaanaa ta’uu kan himan obbo Shimallis, rakkinichi tarkaanfii kanarra yoo darbee deeme ammoo akka aadaatti abaarsatu itti aana jedhu.

“kanarra yoo darbee deeme qaamni suni nama keenya, lammii Oromootii miti jedhamee lallabama. Safuun gaafa cabe abaarsatu itti aana. Abaarsi yoo dhufe namni safuu cabse suni hin milkaa’u nidu’a” jedhan.

Godinni Shawaa kaabaa godinoota hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan ‘ABO Shanee’ jechuun waamu bal’inaan keessa socho’an keessaa isa tokko.

Aanaaleen akka Kuyyuu, Dagam, hidhabuu Abootee, Warra Jaarsoo, Giraar Jaarsoo, Darraa fi yaayyaa Gullallee ammoo erga sababa Kanaan hawaasni yaaddoo keessa jiraachuu eegalee waggoonni lakkaa’amaniiru.

Aanaalee kunneen keessatti ajjeechaan, buqqaatii fi namoota ukkaamsanii maallaqa ittiin gaafachuun oduu guyyuu dhagahamudha.

Magaalonni godinichaa sochii dinagdee hoo’aan beekaman akka Garba Gurraachaa abbootiin qabeenyaa keessaa godaananii sochiin dinagdee qabbanaa’eeera.

Jiraattotaafis amma akka duraa hojjetanii jireenya fooyyeffachuu caalaa akkamiin dukkanaa’ee bari’a? kan jedhu yaaddoo guyyuuti.

Daandii guddicha Finfinnee irraa gara naannoo Amaaraa, Bahirdaar deemuu fi godinicha keessa qaxxaamurus imala sa’aatiin daangeffamee fi yaaddoodhaan irra imalamu ta’eera.

Daandii kanarratti haleellaa hidhattoonni raawwataniin konkolaattoota dhaabsisuun ajjeechaan, namoota ukkaamsanii maallaqa itti gaafachuun oduu dhageettiif haaraa hin taanedha.

Ji’uma darbe kana keessa barattoonni yunvarsiitii Dabaarqi irraa gara Finfinnee imalaa turan naannawa magaala Garba Gurraachatti hidhattootan butamanii maallaqni itti gaafatamaa turuun niyaadatama.