Moggaasni maqaa godina Shawaa Kaabaa gara Salaaleetti akka jijjiiramuuf sochiin eegalame maali?

Madda suuraa, Kominikeeshinii Shawaa Kaabaa
“Fedhiin hawaasaa ‘seenaan keenya hundi kan beekamu Salaaleedhaani. Kanaaf Salaaleetti deebi’ee maqaa ganamaatiin waamamuu qabna’ kan jedhudha,” jedhan Aadde Meeroon Mokonnin.
Aadde Meeroon Mokonnin, Itti gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Kaabaa yoo ta'an dhimma gaaffiifi adeemsa moggaasa godinichaa kana ilaalchisuun BBCn dubbiseera.
Salaalee maqaa seenaa uummata Oromoo keessatti haalaan beekamu, kan weellistoonni irra deddeebiin weellisaniif akkasumas gootonni mirga uummataaf qabsaa’an ittiin waamamanidha.
Salaalee maqaa lafaa yemmuu ta’u, yeroo dheeraaf ittiin waamama iddoo yeroo ammaa Godina Shawaa Kaabaa jedhamuuti.
Bara 1983 irraa eegalee maqaansaa Salaalee irraa gara Shawaa Kaabaatti jijjiirame kana gara maqaasaa duriitti deebisuuf sochiin eegalamuu Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godinichaa beeksisee jira.
Aaddee Meeroonis, “Bara 1983’tti Shawaa Kaabaatiin waamamuu kan jalqabe. Nannoon kuni hundi Salaaleeni kan beekamu. Hawaasni naannoo kanaa ammallee iddoo biraa yeroo deemu ‘Salaale’ jedhee of waama malee ‘Shawaa Kaabaa’ jedhee miti” jedhan.
Haaluma kanaan waajjirri isaanii moggaasa maqaa Salaalee jedhurratti qorannoo adeemsisee tibbana Abbootii Gadaa fi Haadholii Siinqee aanaalee godinichaa 16 irraa walitti dhufan waliin irratti mari’achuu BBC’tti himaniiru.
“Godina qofa osoo hintaanee magaalonni godina keenya keessa jiran hundi maqaa ganamaatti deebi’uu qabu waan ta’eef akka Waajjira Aadaa fi Tuurizimiitti qorannoo sana adeemsifne” jedhan.
Abbootiin Gadaafi Haadholiin Siinqee aanaalee godinichaarraa waltajicharratti hirmaatanis qaamni dhimmichi ilaallatu yeroo gabaabaa keessatti ittiin waamama godinichaa Shawaa Kaabaarraa gara Salaaleetti akka jijjiiruuf gaafachuusaanii Aadde Meeroon himaniiru.
“Moggaasni maqaa godinichaa gaaffii uummataa yeroo dheeraati. Gaafiin uummataa yeroo dheeraaf tures ‘godinichi Salaaleen beekama waan ta’eef Salaaleen waamamu qaba’ kan jedhudha,” jedhan.
Seenaan godinichaa maqaa Salaale jedhuun akka beekamu kan himan Aadde Meeroon, “sirnoota darban keessattis ‘Salaalee Awuraajjaa’ jedhamee waamamaa ture,” jedhan.
Salaale maali?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Moggaasa maqaa Salaaleen walqabatee yaadawwan lama yeroo ka’an dhagahama.
Inni tokko Salaale maqaa gosaati kan jedhu yemmuu ta’u inni biraanii fi kan namoonni baay’een irratti waliigalan immoo ilmaan Igguu Abbuu salgan keessaa Illaamuu fi Alee jedhaman waliin walqabata.
Qorattoonni seenaa fi maanguddoonni akka himanitti bara durii ilmaan Igguu Abbuu salgan keessaa Illaamuu fi Alee kan jedhaman yeroo ammaa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Giraar Jaarsoo ganda Illaamuu Arjoo Salaalee naannoo Tulluu Salaalee jedhamuun beekamutti jiraachaa turan.
Yeroo sanatti tulluun amma Tulluu Salaalee jedhamuun beekamufi magaalaa Finfinneerraa fageenya KM 126 irratti argamu bosona rukkataan kan uwwifame waan ta’eef namni salphaatti wal arguuf rakkisaa ture.
Haaluma kanaan guyyaa tokko obbolaa lamaan keessaa inni tokko tulluu kana gubbaa bahuun muka muree gubuun aara aarse.
Yeroo kana obboleessi inni biraan aara tulluu gubbaadhaa aaru ilaalee “si argee… si laalee (si ilaale)’ jechuun sagalee dhageesise.
Haaluma kanaan jechi ‘si laale’ jedhu adeemsa keessa gara Salaaleetti geeddarame. Kanumarraa ka’uun maqaan tulluu kanaas Tulluu Salaaleen akka mogga’e maanguddoonni fi qorattootni seenaa himu.
Aadde Meeroon Mokonninis qorannoon Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii godinichaa taasises akkaataan moggaasa Salaalee isa kana ta’u akka agarsiise himaniiru.
Barbaachisummaa maqaa Salaaleefi tarkaanfii itti aanu
Barsiisaa Seenessaa Nagaashuu Yunivarsiitii Salaaleetti barsiisaa Afaan Oromoo fi Hogbarruuti.
Isaanis maqaan maqaan godina Shawaa Kaabaa gara Salaaleetti akka jijjiiramuuf sababootni amansiisoon jiraachuu himu.
Sababoota kunneen keessaa inni tokko immoo maqaan Salaalee jedhu maqaa uummata godinichaan guddaa jaalatamu akkasumas kan uummata Oromoo fi Itoophiyaa biratti beekamtii qabu ta’uu himu.
“Hawaasni maqaa Salaalee jedhuuf fedhii guddaa qaba. Godina Shawaa Kaabaatiin waamamuu hinbarbaadan,” jedhu barsiisaan kun.
Akka fakkeenyaattis yunivarsiitii godinicha keessatti argamu Yunivarsiitii Salaalee dabalatee waldaalee amantaa, waldaalee qonnaan bultootaafi dhaabbilee biroo maqaa Salaalee jedhuun waamaman eeru.
Sababni inni biraan immoo burjaajii maqaan Shawaa Kaabaa jedhu namoota biratti uumaa jiru ta’uu kan himan barsiisaan kun, godinni maqaa Shawaa Kaabaa jedhuun waamamu naannoo Amaaraa keessallee kanjiru ta’uu isaatiin namootni dhuunfaafi dhaabbileen akka burjaaja’an himu.
“Kanaaf namni Shawaa Kaabaa lamaan maaliif burjaaja’a? Salaaleen yoo mogaafanne sanirraa adda bahuuf sababa ta’uu danda’a,” jedhan.
“Godinaalee Oromiyaa keessatti dhalattoonni Salaalee kan beekaman Salaalee kan jedhuuni malee Shawaa Kaabaa kan jedhuun miti. Oromiyaan kunillee Salaaleen nubeeka” jedhu Barsiisaa Seenessaa Nagaashuu.
Jijjiirraan maqaa godinichaa murtee hooggansa godinichaa fi qaama dhimmichi ilaallatu ta’uusaatiin ala dhimma baasii guddaa fi yeroo dheeraa fudhatu akka hintaane himu barsiisaan kun.
“Uummatni ofiifuu kanadura gaafachaa ture. Gaafii uummataa bakka ta’ee jiruttimmoo mootummaan fedhii uummataa giddugala godhachuun uummata bulchuudha” jechuunis ibsan.
Gama biraatiinis bu’aa qorannoo Waajjira Aadaafi Tuurizimii godinichaa Mana Maree Kaabinee godinaatiif akka dhiyeessan kan himan Itti gaafatamtuun Waajjira Aadaa fi Tuurizimii Godina Shawaa Kaabaa Aadde Meeroon Mokonnin, “Kun erga mirkanaa’ee booda ammoo qaama sadarkaa naannootti mirkaneessuuf adeemsasaa eeggatee kan dhiyaatu ta’a,” jedhaniiru.












