Shawaa Kaabaa aanaa Waacaaleetti bulchaa aanichaa dabalatee namoonni baayyeen hidhattootan ajjeefamuu madden BBC'tti himan

Bulchaa aanaa Waacaalee kan turan obbo Nugusee Kooru

Madda suuraa, Komm Aanaa Alaltuu

Ibsa waa'ee suuraa, Bulchaa aanaa Waacilee obbo Nugusee Kooru

Godina Shawaaa Kaabaa, aanaa Waacaaleetti bulchaa aanichaa dabalatee namoonni 45 ol hidhattootaan ajjeefamuu maddeen BBCtti himan.

Jiraatan aanichaa sodaa nagenyaaf maqaan isaanii akka hin eeramne gaafatan tokko BBCtti akka himanitti, walitti bu’iinsi qaamolee mootummaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) ta’uu hin oolle jechuun shakkan gidduutti Jimaata ganama akka ture himan.

Bulchaa aanichaa Obbo Nugusee Kooruu dabalatee qaamoleen nageenya mootummaa hedduu ta’an wayita gara walitti bu’iinsi kun uumametti socho’aa jiranii ture garee hidhattota jedhamaniin marfamanii lola walirratti banuu odeeffannoo qabaachuu dubbatan.

Wajjjirri Komunikeeshinnii Mootummaa Aanaa Alaltuus ajjeechaa qondaala mootummaa kana irratti raawwatame balaaleffachuun, “gaggeessaa uummataa ajjeessuun abjuun milkaa'u gonkuma hin jiru,” jechuun iseera.

Lola ture kanaanis hoggantoota dabalatee qaamoleen nageenyaa 45 ol ta’an ajjeefamuu akka hin oolleefi kanneen madaa'anii gara hospitaalota Fiicheefi Muka Xurriitti argamutti geeffamuu dubbatu jiraataan kun.

Haata’uu malee, ajjeechan raawwatame kun qaamolee nageenyaa waliin lola ture keessatti ta’uufi lakkoofsa namoota ajjeefamanii BBCn addatti hin mirkaneeffanne.

Odeeffannoo kana qondaaltota mootummaa bulchiinsa nageenya godinaa Shawaa Kaabaa, bulchiinsa godina Shawaa Kaabaa fi aanaa Waacaalee irra qulqulleeffachuuf yaaliin taasifne ammaf hin mikoofne.

Wajjirri paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Kaabaa ibsa baaseen, Obbo Nugusee Kooruu, "nama fayyadamummaa uummata isaanii mirkaneessuudhaaf kutannoo olaanadhaan hojjachaa turan." jedhe.

Dirqama hojii itti kennameen,rakkoo nageenyaa uumame hordofuuf Aanaa Waacaalee naannawa Kaarraa jedhamutti wayita socho'anitti WBO'n ajjeechaan irratti raawwatamu ibsi paartii Badhaadhinaa kun kan eeru.

Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) gama isaatiin Shawaa Kaabaa aanaa Waacaalee bakkewwan Kaarra fi Bachoo Falimii jedhamanitti haleellaa raawwachuufi anga'oota ajjeesuu fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti ibseera.

Obbo Nugusuun bulchaa aanaa Alaaltuu kan turan yoo ta’u, torban lama dura bulchaa aanaa wacaalee ta’uun muudamanii turan.

Aanga'aan aanaa kun gaggeessaa jabaa ummata biratti baay'ee jaalatamuufi mul'ata qabu, fayidaa ummataf hojjataa tureefi milkaa’ina jajjaboo ummataf argamsiisan ta’uus odeeffannoon kun kan eeru.

Ajjeechaan kunis humnoota aanichaa keessa hidhatanii socha'aniin kan raawwatame ta’uu eerus, aaddatti garuu humnoota kam akka ta’an hin ibsine ibsi waajira komunikeeshinii aanaa kun.

Akka odeeffannoon wajjjira komunikeeshinnii mootummaa aanaa Waacalee mul’isuttu, bulchaan aanichaa kan turaniifi anga’oonni biroo jiraattota waliin marii dhimma nageenyaa adda addaa taasisaa turan.

Obbo Nugusuu Kooruu

Madda suuraa, Fuula FB Baartii Badhaadhinaa Shawaa Kaabaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ajjeeefamuu isaanii guyyoota dura Obbo Nugusuun , qaamooleen hidhatanii bosona jiran nageenya booressuufi hawaasa dararuun qe'eefi qabeenya isaaniirraa buqqisuun miidhaa dhaqqabsiisurraa karaa nagaatin galanii mootummaa waliin araaramuun hawaasa isaanitti akka makaman ergaa dabarsanii turuu odeeffannichi ni eera.

Godina Shawaa Kaabaatti rakkoon nageenyaa erga hammataa dhufee bubbuleera.

Keessumaaa bakka humnoonni adda adda WBO, hidhattoota Faannoo fi qaamolee nageenyaa mootummaa keessa socho’an ta’uun miidhaa fi dararaan adda addaa jiraattotarra ga’aa turuu gabaasaleen ni mulisu.

Hagayya darbe hawaasni godiichaa rakkoo nageenyaan dararame meeshaa ulfootin bahee araaraf waaqa kadhataa turuun isaa ni yaadatama.

Godina Shawaa kaabaatti rakkoon nageenyaa erga dhagahamuu eegalee waggoota afurii ol lakkoofsiseera. Godinni madda goototaa fi omisha aannaniiti beekamu kuni erga gaaddiduun rakkinaa irra buufatee, qe’ee nagaan bahanii galuun itti ulfaate ta’eera jedhu jiraattonni.

Jiraattonni godinichaa gaga’ama lubbuu, mancaatii qabeenyaafi buqqaatii sababa rakkoo nageenyaatiin godinichatti qaqqabaa jiru kuni dhuma dhabeera jechuun ture akka aadaatti meeshaa ulfootiin bahanii araaraf waaqa yoo kadhatan kan mul’atan.