Mootummaan dhaabbilee siviilii sadii cufuu isaa Aminastiin balaaleeffate

Bulchiinsi MM Abiy dhaabbilee siviiliirratti hacuuccaa cimsaa jira jechuun dhaabbileen siviilii qeeqaniiru
Ibsa waa'ee suuraa, Bulchiinsi MM Abiy dhaabbilee siviiliirratti hacuuccaa cimsaa jira jechuun dhaabbileen siviilii qeeqaniiru

Gartuun mirga namoomaaf falmu Aminastii Intarnaashinaal mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee siviilii hawaasaa sadii cufuu isaa balaaleeffate.

Dhaabbatichi ibsa baasen, ‘’Mootummaan federaalaa dhorkaa mirga waldaan gurmaa’uufi yaada ofii bilisaan ibsachuu sarban kana atattamaan kaasuu qaba,’’ jedheera.

Torban darbe ture mootummaan Itoophiyaa dhaabilee siviilii hawaasaa sadii ‘walabummaa siyaaasaa hin qaban’ akkasumas ‘faallaa fedhii biyyaalessaa’ sosso’an jechuun himatee eeyyama kan dhorke.

Kunneenis, Wiirtuu Mirgaafi Guddina Dimookiraasii (CARD), Itoophiyaatti Gurmuu Mirga Namoomaaf akkasumas Ogeeyyii Seeraa Mirga Namoomaaf jedhamanidha.

Dhaabbileen kuni himannaa mootummaan irratti baase ifatti morman, tarkaanfiin mootummaa seera hin hordofnes jedhaniiru.

Aminastiitti Daarektara Bahaafi Kibba Afrikaa kan ta’an Tigeree Chaagutaah ‘’Dhaabbileen mirga namoomaa beekamoo sadii dhorkamuun dirree siviiliirratti hacuuccaan cimuu ifatti mul’isa,’’ jedhan.

‘’Yeroo walitti bu’iinsi cimu, hidhaan jumlaa baay’achuufi dirqamaan buqqaasuun dabaluu isaa gabaasonni mul’isanitti, gaheen dhaabbilee siviiliifi miidiyaa yeroo kamuu caalaa Itoophiyaaf barbaachisa.’’

'Hoggantoonni biyyaa baqatan'

Gama kaaniin, hoggantoonni afur dhaabbilee sivilii hoogganan ‘’dhiibbaa olaanaa, doorsisaafi dararaa irra deddeebiin’’ humnoota nageenyaan irra gahu sodaachuun biyyaa baqachuun isaanii gabaafameera.

Wiirtuun Falmitoota Mirgaa Itoophiyaa ibsa baasen maqaa namoota kanaa eereera.

Kanneen biyyaa baqatan jedhe keessaa Daarektara Yaa’ii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Obbo Daan Yirgaa keessa jiru.

Dhaabbati kuni erga hundaa’ee waggoota 30 ol lakkoofsiseera. Akkasumas hundeessaafi Daarektara Sagantaa dhaabbata CARD Obbo Axinaaf Birhaane keessatti argamu.

Sababa kanaan dirreen siviilii hawaasaa Itoophiyaa keessa jiru dhiphachuufi kufuu akka danda’u mallattoon mul’ataa jira jedhe.

Wiirtuun kuni hojjettonni Yaa’ii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ‘doorsisa’ irra gahuun tasgabbaa’anii hojii isaanii hojjechuuf rakkatuu ibseera.

Yaa’ichi kana dura ibsa baasaa turen dhiibbaa, reebicha, saamichaafi darararaan hojii isaatti danqaa ta’u ibsee ture.

Dhaabbileen sadan maal jedhan?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Itoophiyaa keessatti dhaabbilee siviilii kan hogganu Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Siviliidha.

‘’Siyaasarraa walaba ta’u osoo qabanii, kaayyoo isaaniin ala sosso’uun gocha fedhii biyyaalessaa miidhurratti bobba’aniiru’’ xalayaan jedhuufi dhorkamuu isaanii ibsu dhaabbata kanarraa akka isaan gahe barameera.

Murtee kana garuu dhaabbileenis ta‘e Wiirtuun Falmitoota Mirgaa Itoophiyaa mormeera.

Dhiibbaan gahu jedheefi dhorkaan ka’amu ‘’dirree siviilii kan dhiphisu, sodaa kan uumu fi hirmaannaa kan laaffisudha,’’ jechuun balaaleeffate.

Heera Itoophiyaa keessa kan eerame mirga gurmaa’uufi yaada bilisaan ibsachuus kan miidhu akka ta’es eereera.

Labsiin Dhaabbilee Siviilii dhorkaan ka’amuu dura akeekkachiisni akka kennamu kan ibsu ta’us, tarkaanfiin teellanaa ‘’seera kan hin hordofneefi iftoomina kan hin qabnedha,’’ jedhe.

Dhaabbileen sadan dhorkaman ibsa baasaniin qoratamuu isaanii wanti beekan akka hin jirreefi dhorkaan irra ka’ame seera hin hordofne jedhaniiru.

Aminastii Intarnaashinaal gama isaan mootummaan himannaa ‘’ifa hin taaneefi ragaan hin deeggaramneen’’ dhaabbilee kanarratti dhiheesse jedhe.

Hawaasni addunyaa atattamaan tarkaanfii akka fudhatus gaafate.