Sarbamni mirgaa humnoota mootummaa fi hidhattootaan raawwatu yaaddessaadha - KMNI

Sarbamni mirgoota namoomaa Itoophiyaa kreessatti hammaataa dhufuu KMNI hime

Madda suuraa, Getty Imgaes

Ibsa waa'ee suuraa, Komishinichi gabaasa isaa keessatti namoota butuunis sochii ummataarratti dhiibbaa uumuu ibse

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa gabaasa waggaa tokkoo baaseen haleellaa humni nageenyaa fi hidhattoonni raawwataniin sarbamni mirgoota namoomaa Itoophiyaa keessatti raawwatu yaaddeessaa tahuun itti fufeera jedhe.

Walitti bu'iinsi meeshaa waraanaa biyyicha keessatti raawwatu, haleellaa adda addaa dhaqqabee, fi walitti bu'iinsi hamaan kutaalee biyyattii adda addaa keessatti waggaa tokko darbe kana keessatti mudachuu ibseera.

Tarkaanfii mootummaa ykn qaamni hidhate fudhateen namootni nagaa hedduu ajjeefamaniiru kaan qaamni miidhameera kan jedhu gabaasichi kun sarbama mirga namoomaa mudataniif sababa guddaa fi yaaddessaa tahuu himeera.

Sarbamni mirga namoomaa namoota nagaa irra gahu yaaddessaa tahuu himuun, ammas miidhaa walitti bu'iinsi hidhannoon gaggeeffamu biyyicha keessatti qabu guddaa tahuu ibseera.

Sababa walitti bu’insa qaama hidhatee irraa kan ka’e qe’eerraa kan buqqa’an keessumaa dubartoota, ijoollee, jaarroliin deeggarsa nyaataa fi meeshaalee bu’uuraa gahaa argachuu dhabuun rakkinaaf saaxilamaniiru jedhe.

Tajaajiloonni fayyaa, barnootaa fi kaan addaan ciccituu fi jeeqamuun rakkoo biraa mudataa ture tahuu eerera.

Komishinichi ajjeechaan ajaja mana murtii malee raawwatu Itoophiyaatti dabaluun yaaddoo tahuu himeera.

Kun ammoo naannoo walitti bu’iinsi jiruu fi isaan alas akka raawwateeru ibse.

Namootni nagaan ukkaamfamuu fi maallaqaaf jecha butamuu naannoo Oromiyaa fi Amaaraa keessatti yaaddoo sarbama mirgoota namoomaa akka hammeesseeru ibseera.

Komishinichi gabaasa hunda galeessa kan baase yoo tahu, isaan keessaa Imaammata Haqa Yeroo Ce’umsaa hundaa’e miidhamtoota gidduugaleessa godhachuun gaggeeffamuu qaba jedhe.

Hojiin sadarkaa nannoo fi biyyaalessaatti jalqabe gaarii tahus, araara waaraa fiduuf adeemsi isaa iftoomina qabaachuu qaba jedhe.

Dabalataan qajeelfamoota mirgoota namoomaa kan guutee fi sadarkaa idl-adunyaatti fudhatama qabu tahuu qaba jedhe gabaasichi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Gabaasa fuula 132 qabu kana keessatti haala mirga namoomaa naannoowwan labsii yeroo muddamaa jala turanii kan ji'a 10 ilaaleera.

Naannolee labsii yeroo muddamaa jala turan keessatti manneen hidhaa idilee 52 fi al-idilee 15 akkasumas buufataalee poolisii 306 naannahuun daawwachuus ibseera.

Dabalataan, mana hidhaa Awwaash Arbaa dararaa guddaan itti raawwatama jedhamu daawwachuu ibse.

Buufata poolsii fi manneen hidhaa keessatti qabiinsi jiru kan fooyyee qabu tahus, hidhaan jumlaa, hidhaa ajaja mana murtii malee raawwatuu fi manneen hidhaa idileen alatti hidhuun rakkoowwan mul’atan tahuu ibseera.

Dabalataan, sababa ''haalota deemaa jiraniin'' jechuun ''namoota dhabsiisuu'' kutaalee biyyattii hedduu keessatti galmaa'eera jedhe.

Lammiileen biyyattii bilisaan bakkaa bakkatti socho'uuf rakkachuu sarbama jiran keessaa tahuu eerera.

Maqaa labsii yeroo muddamaan gaazexessitootaa fi namoota siyasaa hidhamuu kan ibse komishinichi gochaan kun bakkeewwan labsiin yeroo muddamaa hin jirre magaalaa Finfinnee keessattis mul'achuu himeera.

Dhumarratti wal dhabdee qaama hidhate waliin jiru mariidhaan furuu, marii biyyaalessaa fudhatama qabu gaggeessuu furmaata akka tahuu malu eeran.

Komishinarri Komishinii Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa Dr Daani'eel Baqqalaa yeroo hojii isaanii xumuruun aangoo gadhiisuu har'a ibsamuun ni yaadatama.