Itoophiyaatti sarbama mirgoota namoomaa 2023tti galmaahe keessaa 70% qaamolee mootummaan raawwate-UN

Madda suuraa, FDRE Defense Force- Humna Ittisaa Itoophiyaa
Itoophiyaatti bara 2023 keessa sarbamni mirgoota namoomaa galmaahe kan bara isa dura turerraa caalmaa dhibbeentaa 60 qaba jedhe Dhaabbatni Biyyoota Gamtoomanii.
Dhaabbatichatti Waajirri Komishinii Olaanaa Mirgoota Namoomaa (OHCHR) gabaasa haaraa baaseen bara 2023 keessa Itoophiyaatti sarbamni mirgoota namoomaa galmaahe isa bara 2022 turerraa caalmaa dhibbeentaa 55.9 agarsiiseeraa jedhe.
Sarbamni mirgoota namoomaa kun qaamolee mootummaa fi mootummaa hin taaneen kan raawwate ta'us dhibbeentaan 70 qaamolee mootummaan raawwatamee jedhe.
Sarbamni dhibbeentaan 30 qaamolee mootummaa hin taaneen kan raawwate yoo ta'u, addatti ta'iiwwan sarbama mirgaaf sababa ta'an 25 irratti Raayyaan Ittisa Biyyaa Eertiraa akka hirmaate ibsameera.
Gabaasichi bara 2023 keessa ta'iiwwan sarbamoota mirga namoomaaf sababa ta'an 594 kan namootni 8,253 itti miidhaman galmeessuu ibseera. Namoota miidhaman kana keessaa 343 kan ta'an dubartoota ta'uus adda baaseera.
Walitti bu'iinsa meeshaa waraanaa adeemaa jiruun naannoleen Oromiyaa fi Amaaraa miidhamaa jiu kan jedhu gabaasichi, Tigraayitti waliigaltee dhukaasa dhaabuu booda haalli jiru fooyya'us akka biyyatti garuu dabalaa deemee jedheera.
Naannoo Oromiyaa keessatti lolli Waraana Bilisummaa Oromoofi Mootummaa gidduutti godhamu waggootaaf itti fufee jira.
Naannoo Amaaraa keessatti lolli hidhannoo mootummaa federaalaa fi hidhattoota Faannoo gidduutti gaggeefamuu bakka hedduutti adeemaa jira.
Sarbamoota raawwataman keessaa inni olaanaan hidhaa adeemsa seeraa hin eegne yoo ta'u inni itti aanu ajjeechaa namoota nagaati.
Dararaan, haleellaan qaamaa, dirqisiisanii nama gara ballleessuu fi buqqisuunis sarbamoota mirgoota Namoomaa galmaahan keessa jiru.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akka gabaasa kanaatti namoota sarbamni mirgaa miidhe 8,253 keessaa 1,106 ajjeefamaniiru. Ajjeechaawwan kanneen keessaa ammoo harki hedduun kan galmaahe naannoo Amaaraa keessatti.
''Ta'iiwwan 160 ta'aniin naannoo Amaaraa keessatti namootni 740 naannoo Oromiyaa keessatti ammoo namootni 366 ajjeefamaniiru.''
Ebla 4 - Hagayyaa 31 bara 2023 gidduu haleellaawwan diroonii 18 Rayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaan raawwatamuun galmaahe haala madaalawaa hin taaneen lubbuu namoota nagaa 248 galaafatee, 55 ammoo madeesseera jedhe.
Haleellaa diroonii namoota nagaa miidhaa jiru ilaalchisee ji'a muddee darbe ajajaan waliigalaa waraana Itoophiyaa Fiild Maarshaal Birhaanuu Julaa namootni nagaa ajjeefamaa jiru gabaasa jedhu fudhatama dhabsiisaniiru.
''uummata dirooniidhaan rukunnee hin beeknu. Nuti qorannoorratti hundaa'uun farreen nageenyaa hidhatanii, qindaa'anii socho'an irratti qiyyaafanna malee uummata haleellee hin beeknu,'' jedhan.
Naannoo Amaaraa keessatti Labsiin Yeroo Muddamaa erga labsame booda dhalattootni Amaaraa biyyattii bakka adda addaatti jumlaan hidhamaa jiraachuus galmeessuu waajirichi ibseera.
Dhaabbatichi sarbamoota mirgaa rifaasisoo kanana cinaatti rakkoon namooma sababa walitti bu'iinsaafi hongeen biyyattii mudate yaachisaadha jedheera.
Hongeen namni qe'eerraa akka buqqa'u gochaa akka jiru, buqqaatotni kaanis gara qe'eesaanitti akka hin deebine danquus ibse.
Kutaalee Amaaraafi Oromiyaa keessatti namoota rakkataniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuun danqameera jedhe.
Gama kaaniin mootummaan Itoophiyaa haqa yeroo ce'umsaa mirkaneessuuf sochiin Ministeera Haqaan gochaa jiru qajeelaa jiraa jechuun dhimmicharratti mariin hawaas gaggeefamaa akka jiru ibse.
Dhaddacha yakkoota sarbama mirgoota namoomaa ilalau hundeessuuf scohii godhamaa jirus gabaaseera.
'Waraanni haa dhaabatu'
Waajirri Komishinii Olaanaa Mirgoota Namoomaatti Komishinara kan ta'an Voolker Taark gabaasni waajira isaanii kun ifa wayita godhamu haasaa godhaniin sarbamoota mirgaa raawwatamaniif sababa ijo kan ta'e walitti bu'iinsifi dhibdeen siyaasaa akka karaa nagaa furamu waaamicha godhan.
''Qaamoleen lolatti jiran marti walitti bu'iinsa adeemaa jiru kana dhaabanii, garaagartummaa jiru karaa nagaa akka hiikan waamichan godha.
Aanga'oonni namoota nagaa balaarraa eeguuf tarkaanfii hunda fudhachuu qabu, sarbamni dabalaa akka hin dhufne ittisuu qabu, warreen shakkamoo ta'anis gaafatamtoota gochuun haqni bahuu qaba'' jedhan.
Naannoo Amaaraa keessatti labsiin yeroo muddamaa labsamee ture ka'uun waan gaarii akka ta'e kan kaasan komishinarichi, namootni sababa kanaatti hidhamanii seera cabsaniin himatni irratti hin banamne akka gadhiifaman waamicha godhaniiru.












