Loltootni mootummaafi WBO jumlaan gudeeduu dabalatee yakkoota hedduu Gujiitti raawwachuun ibsame

Madda suuraa, CARD
Dhaabbanni ‘CARD’ qorannaa ‘Sagalee Gujii’ jedhuun sarbama mirga namoomaa suukkanneessaa humnoota mootummaa fi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO)’tiin Gujiitti raawwatameeera jedhe tibbana ifoomse.
Wiirtuu Dagaagina Mirgootaa fi Dimokiraasii (Center for Advancement of Rights and Democracy-CARD) irratti hojjetu sarbama mirga namoomaa suukkanneessoo ta’an 36 miidhamtoota, maatii miidhamtootaafi ragaalee sanadaa irraan walitti qabe jedhe ifa godhe.
Yakkoonni “ajjeechaa seeraan alaa, ajjeechaa dhoksaafi addababayii, hidhaa jumlaa, hidhaa seeraan alaa, dararaa, manneetii gubuu, tasa butamuu namootaa, buqqaatii, gudeeddii shamarraniifi dubartootaa” Gujiitti raawwatamuu qorannichaan adda baasuu hime.
Qorannichis, “waggoota shanan darban keessatti, wal dhibdeen Mootummaa Itoophiyaafi hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti godinaalee Gujiifi Gujii Lixaa keessatti uumameen, gaaga’amni uummata nagaa guddaan akka uumamuuf sababa ta’eera.
Dabaluunis, ''Wal dhibdeen yeroo dheeraaf osoo addaan hin citin jiru kunis jiraattota naannichaaf dararama hamaafi sarbama mirga namoomaa qaamoleen humnoota nageenyaa mootummaafi gareen hidhattootaa WBO qooda fudhataniiru” jechuun ibsa.
Qorannoon Afaan Oromoo, Ingliffaafi Amaaraatiin maxxanfame kun dhiittaan mirga namoomaa suukkanneessaa godinaalee Gujiifi Gujii Lixaatti raawwataman akka xiyyeeffannoo hin arganne kaasa.
Waltajjii qorannichi ifoome irratti Hogganaa Sagantaalee Dhabbata CARD, Obbo Mangistuu Asaffaa, naannoo giddugaleessaa irraa fagaatee waan argamuuf dhiittaan mirga namoomaa Gujiitti rawwatu miidiyaaleenis xiyyeeffannoo akka hin kennineef dubbatu.
Dubartootaa fi Wal waraansa
Sarbama mirga namoomaa qorannichi xiyyeeffannoo addaa kenneef keessaa tokko, sababa wal waraansaatiin miidhaa qaamaa fi qorqalbii dubartootaa fi shamarran irra qaqqabedha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
“Naannoo ani jiraadhu keessatti, dubartiin heerumte tokko loltoota WBO saddeetiin gudeedamteetti. Dabalataanis, ganda ollaa keenyaa keessatti mucaan durbaa haadha ishee fuulduratti loltoota WBO’tiin gudeedamteetti. Gaafa haati gidduu seenuuf jettu, achumatti haadhatti dhukaasanii galaafatan. Ta’iiwwan akkasii kun dhiibbaa hammana hin jedhamne dubartootaafi shamarran keenya irraan geessiseera,” jechuun maddi CARD dubbise himeera.
Namni biraa CARD dubbise waan ijaan arge akkas hime: “Yeroo loltuun Federaalaa mucaa durbaa waggaa 18, kan mana barumsaa ani itti baradhutti barattu naannoo keenya keessatti gudeedu ijakoon argeera. Eerga yakka sana irratti raawwateen booda, akka isheen waan irra gahe kana hin gabaasneef jecha achumatti itti dhukaasee deeme. Loltuun kun maatii intalaa hundatti erga itti dhaadateen booda abbaa ishee ajjeesee deeme,” jedhe.
Qorannoon kunis, humnoonni WBO gandoota baadiyyaa keessatti, humnoonni nageenyaa mootummaa ammoo naannoo magaalotaatti, lameenuu dubartoota irratti yakka gudeeddiifi koorniyaa bu’uureffate raawwachuu ifoomseera.
Dubartoonniifi shamarran bakkoota lolli qawwee itti hammaatu godinoota Gujiifi Gujii Lixaa keessa turan yakkoota koorniyaa bu’uureffatan kanneen akka gudeeddii, reebichaafi salphifamuu gara garaa kanneen gidiraa isaanii ittuu hammeessan baay’eef saaxilamaniiru,” jechuunis ibseera.
Miidhaa saalaa dubartootarra gahu ilaalchisee qorannichi miidhamtuun ganna 20 taatu tokkos, “Loltoonni Shanee halkan halkan dubartii abbaa manaa ishee fuulduratti gudeedu; humnoonni mootummaa ammoo guyyaa guyyaa gochaa kana raawwatu.
''Humnoonni mootummaa midhaaniifi mana walitti qabanii gubu. Namni magaalaa keessaa mana qabu ammoo akka deeggeraa mootummaatti waan yaadamuuf Shaneen irratti xiyyeeffata. Shaneen humnoota mootummaa deeggertu akkasumas soortu jedhee yeroo nu komatu, humnoonni mootummaa ammoo qabeenya qonnaan bulaa jalaa saamu. Sabababii dhiibbaafi gudeeddii loltoota garaa garaan yeroo wal fakkaataatti irratti raawwatamuu irraan kan ka’e, magaalaa keenya keessatti dubartiin hafte hin jirtu,” jechuu dhaabbatichi qorannichaa ibseera.

Madda suuraa, CRDA
Ijoolleen durbaa yeroo loltuudhaan gudeedamanitti, sababii yaaddoo balaa loltootni sun booda isaan irraan gahuu danda’anii irraan kan ka’e, yakkoota akkasii gabaasuuf kaka’umsi isaan agarsiisan baay’ee gadi aanaadha. Balaa inni boodarra isaanitti fiduu malu irraan kan ka’e, miidhamtooti waa’ee yakka koorniyaa bu’uureffateefi gudeeddii isaan irratti raawwatee dubbachuu irraa of qusatu, jechuun itti dabaluun ibsa qorannoon ifoome kun.
Qorannichi, humnootni nageenyaa mootummaafi Waraanni Bilisummaa Oromoo (WBO) lameenuu ajjeechaa seeraan alaa, hidhaa jumlaa, lammiilee nagaafi mormitoota irratti humna hammaan olii fayyadamuu keessatti qooda fudhataniiru. Gochoonni kunis du’a lubbuu namoota baay’eefi qilleensa sodaafi yaaddoo nageenyaa jiraattota naannoo keessatti uumuuf sababa ta’aniiru, jechuun ibseera.
Akka qorannichi ibsutti, “waggoota shanan darban kana keessatti, wal dhibdeen Mootummaa Itoophiyaafi Waraana Bilisummaa Oromoo (WBO) gidduutti godinaalee Gujiifi Gujii Lixaa keessatti uumame, gaaga’amni uummata nagaa guddaan akka uumamuuf sababa ta’eera.”
Bara 2023’tti hundeeffamni godina haaraa Godina Boorana Bahaa rakkoo ture ittuu hammeessuun sochiiwwan mormii kan haala nama gaddisiisuun humnoota nageenyaa harkatti gaaga’amuu uummata nagaa fides, gabaasichi qorannichaa kaaseera.
Xumura qorannichaa irrattis, qaamoleen wal dhibdee keessaa harka qaban hunduu (Mootummaafi WBO’n) dhukaasa dhaabuudhaan, lammiilee nagaafi gareewwan saaxilamoo ta’an tiksuu irratti xiyyeeffachuun, seerota namoomaa addunyaafi ulaagaa mirga namoomaaf bitamuu danda’uun akka irra jiraatu, CARD gorseera.
Yakkamtoota yakkoota kanneen raawwatan addaan baasuufi kara adeemsa seeraa haqa qabeessa ta’een itti gaafatamummaa mirkaneessuuf qorannoon of danda’aa ta’e taasifamuu akka qabus dabaluun akeekeera.
Furmaata karaa nagaa kan mirgaafi kabaja lammiilee kabachiisu fiduufis qaamoleen wal dhibdee qaban taa’anii mariifi wal marii taasisuun murteessaadhas jedheera.
Qoraanichi gabaasa dhiyoo kana OCHA’n baase wabeeffachuun sababii wal waraansa bara 2018 irraa kaasee itti fufeen, Godinaalee Oromiyaa akka Boorana Bahaa, Gujii fi Gujii Lixaatii namoonni 453,000’tti siqan qe’ee isaanii irraa akka buqqa’anitti jiraachuus kaasa.
Argannoo qorannoon ifoome kana bu’uureffachuunis guyyoota shaniif dhiittaa mirga namoomaa suukkanneessaa Gujiitti raawwachaa jiruuf sagalee ta’uuf sochiin miidiyaa hawaasaatiin taasifamu akka jirus, Mangistuun waltajjii qorannichi itti ifoome irratti himaniiru.












