Sarbama mirga namoomaa waggaa shan keessatti raawwate jedhe Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ifa godhe

Madda suuraa, EHRC
Naannolee Itoophiyaa bakkeewwan garaa garaa keessatti waggoota darban keessati sarbama mirga namoomaa lammiilee irratti raawwate ilaalachisee Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) gabaasa qorannoo waggaa shaniif hojjadhe jedhe ifa godhe.
Kanaanis sarbamni mirga namoomaa garaa garaa lammiilerratti raawwachuu beeksise.
Keessumaa mootummaan shakkamtoota irra deddeebin hidhuurra furmaata waaraa barbaadun fala gaaridha jechuun yaada dhiyeesseera KMNI.
Komishinichi qorannoo gaggeesse jechuun ifa godhe kanaan, Bitootessa 2010 hanga Bitootessa 2015 ALItti waggoota shaniif gaggeessuusaafi naannolee afur irratti xiyyeeffachuun sarbama mirgoota namoomaa bifa garaa garaan raawwatame tarreessera.
Naanoleen afran qorannoon waggoota shaniif irratti gaggeeffame jedhame kunneen: Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Somaaleefi kan duraan Naaannoo Saboota Sab-lammoota Uummattoota Kibbaa jedhamuun beekkamu keessattidha.
Komishiniin Mirgoota Namoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa baase kanaan bara 2010 kaasee hanga 2015 ALItti waggoota shaniif Qorannoo Biyyaaleessaa (National Inquiry) afur kan qaamoleen hawaasaa garaa garaa irratti argaman qopheesserratti hundaa'un bu'aa qorannoo kana ifa gochuu beeksise.
Qorannoo Biyyaalessaa naannolee Afur keessatti gaggeeffame kanaan namoonni miidhaan irra gahe waan isaan mudateefi eenyu miidhaa ykn sarbama mirga namoomaa akka raawwate, ogeeyyii komishinicha bakka bu'uun naannolee qorannoon itti gaggeeffame imalanitti iyyataa akka turan jedhe ibsi bahe kun.
"Miidhamtoota, namoota ragaa bahan, qondaaltota mootummaa, beektota, jaarrolee biyyaa, abbootii amantii, bakka bu'oota waldaalee siviliifi kanneen dhimmi ilaallatu keessaa namoonni 365 filamanii Qorannoo Biyyaalessaa arfanuu irratti hirmaataniiru.
Komishinichi ragaa afaanin alatti ragaalee sanadaafi daawwannaa garaa garaa gochuun ragaafi odeeffannoo dabalataa sassaabeera," jechuun akkaataa itti qorannichi gaggeeffame hima ibsi bahe kun.
'Sarbamni mirga namoomaa tokko tokko bifa qindaa'en, namoota heddurratti raawwate'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Naannolee arfan qorannoon kun keessatti gaggeeffametti addumatti ajaja mana murtii malee namoota hidhuu, mana murtiitti osoo hin dhiyeessin tursiisufi dirqamanii jecha akka kennan reebichiifi miidhaa garaa garaa irraan gahuu ragaa qorannoosaan bira gahuu beeksise komishinichi.
Dabalataanis namoonni erga to'atamanii booda mana hidhaa idilee kan hin taanetti hidhamuu, mirga wabii manni murtii kenne dhorkuu, haleellaa saal-qunnamtii fa'aa irratti raawwachuu ibse.
"Namoota mirgi isaanii sarbame irratti karaa qindaa'aafi irra deddeebin sarbamni mirga namoomaa raawwatan: bakka idilee hin taanetti hidhuu, ajaja mana murtii malee to'achuu, mirga wabii manni murtii kenne cabsuu dabalatee akkuma barbaadan nama hidhuu, haleellaa saal-qunnamtii irratti raawwachuufi manneen hidhaa bu'uuraalen waldhaansa fayyaa hin guutamneef keessatti hidhuu," akka ta'e ibse komishinichi.
Itoophiyaa keessatti keessumaa poolisiin ajaja manni murtii kennu fudhachuu diduun namoota mana hidhaa tursiisuun, irra deddeebin komiin dhiyaataa turuu BBCn hojjataa ture.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas irra deddeebin ibsa baasaa ture. Kanaaf ragaan qondaalonni Adda Bilisummaa Oromoo kanneen akka Abdii Raggaasaa, Lammii Beenyaa fa'aa manni murtii si'a heddu bilisa jedhee himata isaanirratti dhiyaate kufaa godhus, hanga ammaa mana hidhaatii hin bahin jiru.
Addumatti ammoo naannolee Oromiyaafi Amaaraa bakkeewwan walitti bu'iinsi hidhattootafi humnoota mootummaa gidduutti deemaa jirutti, sarbamni mirga namoomaa lammiilee nagaarratti raawwachuu BBCn irra deddeebin gabaasaa ture.
Akka gabaasa komishinichaatti sarbamni mirgaa raawwatan tokko tokko bifa qindaa'efi irra deddeebin kan mudataniifi sadarkaa garaa garaatti ta'us, qaamolee nageenyaa mootummaa heddu kan hirmaachiseedha.
"Sarbamniifi rakkoolen tokko tokko qindaa'aa ta'uu bira darbee, namoota heddurratti irra deddeebin raawwaachuu kan agarsiisudha.
"Sarbamni mirga namoomaa hedduu kan raawwatan haala walitti bu'iinsaa, tarkaanfii mootumaa gita hin taane, filannoofi haalota wal-fakkaatoo biroo keessatti kan raawataniidha.
"Sarbamoota kana raawwachuu keessatti milishoonni, gaggeessitoonni gandaa, poolisoota idileefi humna addaa, raayyaan ittisaa, akkasumas poolisoonni mana amala sirreessaa hirmaannaa qabaachuusaanii waltajjii uummataarratti wantoota ka'an keessayi," jedha gabaasichi.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa naannolee arfan qorannoo irratti gaggeesse keessaa tokko kan ta'e Oromiyaatti, godiinalee heddutti qorannoo gaggeessufi namoonni qorannicharatti hirmaachun komiisaanii dhiyeessan hundisaanii yeroo hidhaman ajaja mana murtii malee hidhamuu, dararamuufi irra deddeebin hidhamuusaanii ifa godhe.
Akka gabaasa komishinichaa kanarraa hubachuun danda'amutti, kanneen qaamolee nageenyafi qondaalota mootummaan sarbamni irratti gaggeeffame harki guddaan Waraana Bilisumma Oromoo (WBO) wajjin hidhata qabdu kan jedhuuni.
Oromiyaatti ijoollee keessan fidaa jedhanii haadhaafi abbaa hidhu
Oromiyaa keessatti waggoota shanan darban keessatti lola humnoota mootummaafi hidhattoota Waraana BIlisummaa Oromoo gidduutti gaggeeffamuun wal-qabatee, humnoonni mootummaa kanneen ijoollensaanii miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta'an; "ijoollee keessan bosonaa galchaa" jechuun hidhuun, mana isaanii gubuufi dararaan garagaraa akka irra gahu namoota miidhaan irra gahe dubbisuun BBCn gabaasaa ture.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas gabaasa waggaa shanii baase kanaan maatiifi firoota miseensota Waraana Bilisummaa Oromoo ykn kan isaanitti shakkamaniirra dararaan garaa garaa irra gahaa turuu ibseera.
"Oromiyaa keessatti maatifi firoota namoota shakkamanii qabuufi hidhanii poolisiitti dhiyeessun gosa hidhaa seeran alaati. KMNI guutummaa Oromiyaa keessati bakkeewwan hidhaa ilaalun waa'ee maatii ijoollensaanii miseensa WBO ta'anii ykn ta'uutti shakkamanii hidhamuusaanii ragaan garaa isa qaqqabeera," jechuun ibse.
Naannolee Amaaraa, Somaalefi kan duraan Naannoo Sabaafi Sablammoota Uummattoota Kibbaa jedhamee beekamuutti, bara 2010 kaasee hanga 2015 ALItti sarbamni mirga namoomaa garagaraa raawwachuu ibseera.
Naannoo Oromiyaa dabalatee naannolee arfan kana keessatti sarbamoonni mirga namoomaa kanneen akka hiraarsuu, jumlaan hidhuu, ajaja mana murtii malee mana hidhaa tursiisuu, haleellaa saal-qunnamtii, miseensota nama shakkamee hidhuu, fi kan biroos raawwatan jechuun Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibse.
Mootummaan kanneen sarbama mirga namoomaa raawwatan seeratti akka dhiyeessu, warra miidhaan irra gaheef haqisaanii akka barbaadamu, ajaji mana murtii akka kabajamu kan jedhan yaadota furmaataa komishinichi dhiyeesse keessayi.












