Qondaaltonni ABO 'seeraan ala hidhaa jiran atattamaan' akka gadhiifaman HRW gaafate

Qondaaltota ABO hidhaa jiran

Madda suuraa, Social media

Ibsa waa'ee suuraa, Qondaaltota ABO hidhaa jiran

Anga'oonni Itoophiyaa qondaaltota paartii siyaasaa Adda Bilisummaa Oromoo (ABO) 'seeraan ala mana hidhaa keessa hidhan' jedhe atattamaan akka gadhiisan jaarmiyaan mirga namoomaaf falmu gaafate.

Dhaabni teessoosaa Niiw Yoork, US godhate Hiyumaan Raayits Wach (HRW) ibsa Wiixata baaseen, qondaaltonni ABO torba waggoota sadiif kan hidhaman, 'gahee siyaasa keessa qabaniini' jedheera.

Angawoonni Itophiyaa qondaaltoti dhaabicha garee hidhatee bosona keessa sosso'u waliin hidhata qabu jechuun himata, dhaabichi kana ni morma.

HRW taateen kun, mootummaan Itoophiyaa sirna haqaa biyyattii haaromsuun akka isa barbaachisu agarsiisa jedheera.

"Mootummaan Itoophiyaa hatattamaan namoota kana hiikuun, hidhaan hin malle hacuuccaa siyaasaaf meeshaa akka hin taane mirkaneessuu qaba," jedhan Afrikaatti daarektarri ittaantuu jaarmiyaa kanaa Latiishiyaa Baadar.

Qondaaltonni ABO jaarmiyaan mirgaa kun qorachuun ibsa irratti baase: Abdii Raggaasaa, Mikaa’el Booran, Kennasaa Ayyaanaa, Dr. Gadaa Oljirraa, Daawit Abdataa, Gadaa Gabbisaa fi Lammii Beenyaati.

Latiishaan addatti ibsa gabaabaa BBC Afaan Oromof kennaniin ''Mootummaa naannoo Oromiyaa kan ajaja mana murti fudhachuu didee isaan hidhee jiru dhimma kana xiyyeeffannoon ilaaluu qaba. Dhimmi kun balaadha'' jedhan.

Akkasumas mootummaa federaalaafi ministeerri haqaa ajajani mana murti akka kabajamu gochuuf kallattiin isaan ilaallata waan ta’eef isaanis dhimma kana xiyyeeffannoo guddaan ilaaluu qabu jedhan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

''Keessumaa namoota hidhaman keessaa waa’een fayyaa namoota lamaa baay’ee dhukkubsatanii kan waldhaansa fayyaa bu’uuraafi gahaa hin argatin jiranii nu yaaddessa.''

Obbo Abdi Raggaasaafi Mikaa'el Booran Koree Hojii Raawwachiiftuu dhaabichaa yoo ta'an, Dr Gadaan itti-gaafatamaa waajjira muummee dhaabichaa turan.

BBC Afaan Oromoo waahee qondaaltota kanaa irra deddeebiin gabaasaa kan ture ogguu tahu, ji'oota muraasaan duras dhaabichi eessa buutee miseensota isaa wallaalle jechuun yaadda'uu himee ture.

Yeroos dubbi-himaan ABO Obbo Lammii Gammachuu BBCtti akk himanitti, miseensonni isaanii kunniin waggoota sadan dabran keessatti yoo xiqqaate manneen hidhaa jahatti jijjiramanii hidhamaniiru.

Gabaasa kana hordofee gama mootummaa Itoophiyaan ammatti wanti jedhame hin jiru.

Mootummaan Itoophiyaa yeroo adda addaatti namooti yakkaan shakkamanii hidhamuu malee ilaalcha siyaasaa isaaniif hin hiine jechuun deebisa.

"Ummanni Oromoo hiree ofiin of bulchuu akka argatu gochuuf" qabsaa'aa akka jiru Addi Bilisummaa Oromoo - ABO ni hima.

Taatullee, yeroo dheeraaf ala erga turee booda MM Abiy Ahimad aangootti bahuu hordofee karaa nagaatiin qabsaayuuf gara biyyaa deebi'e.

Human Rights Watch ibsa kana kan baase: maatii namoota siyaasaa kanaa sagal bilbilaan dubbisuun, abukaatota isaanii, qondaala ABO tokko, akkasumas galmee mana murtiifi ragaa fayyaa isaanii ilaaluun akka tahe hime.

Kanaaniis qondaalonni poolisii Oromiyaa ''mirga hidhamtootaa kana irra deddeebiin sarbaniiru," jechuun himate.

"Humnaan dhoksuun, bakka jiran ifa gochuu dhabuun, maatiifi abukaatoonni torbanootaafi ji'ootaaf akka isaan hin arganne dhorkaniiru," jechuun bakkaa bakkattis sochoosuun maatii dhamaasaa turan jedhe.

Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) hooggantooti isaa Itoophiyaa keessatti ''dabaan hidhaman'' jedhu dararaafi haala mijataa hin taane mana hidhaatti isaan mudata jechuun irra deddeebiin himataa ture.

Hidhaa bu'uun qondaaltota kanaa dubbii marii siyaasaa fi himannaa tahuun irra deddeebiin kaafama.

Kanaanis hidhattoonni Waraana Bilisummaa Oromoo - WBO kan mootummaan Shanee jechuun waamuufi shororkeessummaan farraje, marii nagaaf qophii ta'uu wayita ibsan, ulaagaa kaa'an keessaa tokko hooggantoonni siyaasaa akka hiikaman kan jedhu ture.

Qondaalli ABO Obbo Battee Urgeessaa yeroos BBCtti akka himanitti: ''Warra karaa nagaan qabsaa'uuf galan hidhaa keessa tursiisaa, kaan waliin mari'anna jechuun waan milkaa'u miti,'' jechuun dubbatan.

2020 keessa to'annoo jala ooluu namoota siyaasaa kanneen keessaa Obboo Abdii Raggaasaa dhagahamuu hordofee, dhaabni mirgoota namoomaaf falmu biraa Amnesty International, poolisiin Itoophiyaa achi buutee nama siyaasaa kana beeksisuu qaba jechuun gaafatuun ni yaadatama.