Waggoota darban keessa Oromiyaatti namoonni 100 caalan humnoota mootummaafi hidhattootaan ajjeefaman- KMNI

Madda suuraa, Getty Images
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) waggoota lamaan darban keessatti Oromiyaatti namoonni 100 caalan humnoota nageenyaa mootummaafi hidhaattootaa karaa seeraan alaataatiin ajjeefamuu ibse.
Komishinichi baroota darban keessa naannoo Oromiyaa eddoowwan garaa garaatti walitti bu’iinsa humnoota mootummaa fi hidhattoota jidduutti gaggeeffamee fi haleellaa raawwatamuun namoonni nagaa balaaf saaxilamtoota ta’u beeksiise.
Kanaanis qaamooleen lamaanu jirraattootaan qaama kaan deeggartaa fi miseensa ta’uudhaan himmachuun fi sababii kanaatinis seeraan ala namoota nagaa irratti miidhaa raawwachuun badiinsa lubbuu akka raawwatan lakkoofsaan deegaruun ifa taasiseera.
Komishinichi kana kan ibse, gabaasa hara Guraandhala 23, 2024 sarbama mirga namoomaa humnoota nageenya mootummaafi hidhattootaan raawwataman ilaalchisuun ifa taasisee keessatti.
KMNI waggoota lamaan ALI Fulbaana 1, 2024 – Onkololesssa 30, 2016tti jiran jidduutti godinaale sagal naannoolee oromiyaatti argaman keesstti maatiin miidhamtootaa dabalatee namoota 158 dubbisuun argannoo walitti qabe ifa taasise.
Akka gabaasa Komishinichaatti waggoota lamaan eeraman keessatti ajjeechaawwan seeraan ala humnoota nageenyaa mootummaafi hidhattootaan raawwataman jedhee gadi fageenyaan dhiyeesseera.
Haaluma gabaasichaatti, waggoota lamaan jiddduutti namoonni 52 raayyaa ittisaatiifi miseensoota humana addaa naannoo Oromiyaatiin seeraan ala ajjeeffamaniiru.
Humnootiin nageenyaa motummaa federaalaa kan ajjeechaa kana raawwatan, ‘‘qaamoolee hdihataniif odeeffannoo fi loojistikii dhiyeessitu, miseensa garichaati’’ sababii jedhuun akka ta’e gabaasni Komishinichaa ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kanarratti dabalataan Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaan ''Shanee'' jedhee waamu ''Mootummaaf odeeffannoo kennitu, miseensi maatii keessanii humna nageenyaa mootummaa keessaa hojjeta yookiin ammoo deeggarsa nuuf hin taasifne,'' jechuun lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachuu Komishininiin mirgoota namoomaa kun ibseera.
Haaluma walfakkaatuun humnoonni al-idilee hidhattoota Amaaraa ta’an ''namoota kutaalee Oromiyaa naannoo Amaaraan waldaangessan keessaa jiraatan maqaa ‘Shanee’ jedhuun farrajuun,'' namoota nagaarratti ajjeechaa fi miidhaa qaamaa hamaa raawwataniiru jedhu komishiniin kun.
Akka gabaasa komishinichaatti humnoonni amaaraa al-idilee ta’an kunneen waggoota lamaan darban keessaatti naannoo Oromiyaatti namoota nagaa 29 ajjeesaniiru.
Waraanni Bilisummaa Oromoo mootummaan ‘Shanee’ jedhee waamu ammoo namoota nagaa 13 irratti ajjeechaa raawwachuu ibse komishiniin kun.
Ajjeechaa fi miidhaa qaamaan alattis ugguraa fi dirqamsiisanii miliqsuun jiraattota naannochaarratti baayyinaan raawwachuu jaarmiyaan mirga namoomaa kun ibseera.
Jiraattonni hedduun rakkoo nageenyaa fi haleellaa sababa hidhattootaan mudatuun qe’eesaaniirraa buqqa’uu ibse komishiniin kun.
Komishiniin kun gabaasa isaa keessatti qaamoleen walitti bu’iinsa keessatti hirmaatan hunduu ''haal-duree tokko malee dhukaasa dhaabanii rakkoo mudateef furmaata karaa nagana fiduuf kutannoon hojjechuu akka qaban,'' gaafateera.
Waraana Bilisummaa Oromoo fi mootummaa gidduutti mariin marsaa lamaaf Taanzaniyaatti kan gaggeeffame ta'us, waliigaltee nagaa buusuu danda'urra ga'uu dhabuusaaniin ammallee walitti bu'iinsa adeemaa jira.
Komishiniin mirgoota namoomaa kun mootummaan federaalaa mirgoota namoomaa fi seerota mirga namoomaa sarbuu fi akka sarbamu eeyyamuu keessatti kanneen qooda qaban irratti qorannoo yakkaa fi himannaa akka eegalu dhaameera.
Dabalataan sababa walitti bu'iinsaa ''miidhaa qaamaa fi xiinsammuu akkasumas qabeenya barbadaa'e hunda qorachuun kanneen miidhamaniif kaasaan akka kaffalamu,'' komishinichi gaafateera.












