Ameerikaan marii WBO waliin taasifamuuf haala mijeessuuf ammas qophii ta’uu ibsite

Madda suuraa, MM Abiy
Mootummaan Ameerikaa marii Waraana Bilsummaa Oromoo (WBO) waliin taasifamuf haala mijeessuuf ammas qophii ta'u beeksiise.
Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Ambaasaadar Maayik Haamar, marii nagaa marsaa lammaffaa Sadaasa 2023 keessa mootummaa federaala Itoophiyaa fi garee hidhattoota Waraana Bilisummaa Oromoo waliin Taanzaaniyaa -Daaree Salaamiitti gaggeeffamee ture keessatti kallattiin himaachu kaasuun, amma marii itti aanee gaggeeffamuuf haala mijjeessuuf qophii ta'u himan.
Qondalli Ameerikaa kunis kana kan dubbatanits wayita dowwannaa jilli qondaaltoota US kan Itaantuu Gargaartuu Dhimma Afriikaa, Moolii Fiin durfame torban darbe keessa Finfinnee dabalatee Somaaliyaatti taasisan ilaalchiisuun ibsa tibbana gaazexessitootaaf kennaniin ture.
Turtii isaanii Finfinneetiinis Ministira Mummee Itoophiyaa Abiy Ahimad dabaltee aanga’oota mootummaa Itoophiyaa, kan akka Ministira Dhimma Alaa Taayyee Asiqasillaassee, Ministira Maallaqaa Ahimad SHidee, bakka bu'oota waldaalee siiviilii akkasumas daareektara komishinii mirga namoomaa Dr Daan'el Baqalaafi Pirezidantii bulchiinsa yeroo Tigraay Geetaachoo Raddaa waliin dhimmoota adda addaa irratti marii'achuu dubbatan.
Itaantuu Gargaartuu Dhimma Afriikaa, Aaddee Moolii Fii gama saanitiin, Ministirri Mummee Abiy Ahimad rakooleewwan nageenyaa Naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa jiran karaa nagaatiin furuudhaaf kunannoo qabu jedhan.
Aaddee Mooliin ‘‘Ministirri Mummee Abiy rakkoo nageenyaa naannoolee Oromiyaafi Amaaraa keessa jira karaa nagaatiin furmaata kennuuf akka kutateeru himan. Kutannoo kanarratti akka hojjataniis isa jajjabeesina’’ jedhan.
Itti dabalunis ‘‘haleellaafi hokkoora ummamaniif deebii kennuurratti amala qondaaltoonni nageenyaa agarsiisan irratti ifattis ta’e dhoksaatti yaaddoo qabnu ibsineerra. Kun qormaata walxaxaa nageenya eegsiisuu akka ta’e beekna. Garuu mirgoota namoota nagaa eeguuf hojii dabalataa hojjatamu qabaata’’ jedhan.
Itaantuu Gargaartuu dhimma Afriikaa tun, hojii naannoo Oromoiyaafi Amaaraa keessatti nagaa eegsiisuuf hojjatamu irratti gama ambaasaadaroota isaanii Finfinneetti argamutiin ''mootummaa Itoophiyaafi qaamoolee biroo dhimmiisaa isaan ilaalatu gargaaruu itti fufna’’ jechuun marii nagaa taasifamuuf deeggarsa gochuuf qophii qaban ibsan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Ambaasaadar Maayik Haamas gamasaanitiin, marii nagaa marsaa lammaffaa baatii Sadaasa keessa mootummaa Itoophiyaafi WBO jidduutti Daaree Salaamiitti gaggeeffamee ture keessatti hirmmaannaa kallattii qabaachu kaasan.
Itti dabalunis walitti bu’insi kun akka nagaan xumuruamuuf haala mijeessuuf qophii ta’u ibssan.
''Marii aanga’oota Itoophiyaa waliin taasifne hundarrattis Ameerikaan hojiirra oolmaa waliigaltee Piriitoriyaaf deeggarsa guutuu akka taasiiftu, WBO waliin mariin akka taasifamu, haala akka mijeessituufi mariin hidhattoota Faannoo waliin taasifamurrattis hirmaachuuf fedha akka qabnu itti himneerra’’ jedhan.
Akkasumas ‘‘karaa Ambaasadara Ameerikaa Finfinneetti argaman Erviin Maasiingaatiin Ameerikaan hojiirra oolmaa waliigaltee Piritooriyaaf deeggarsa guutuu akka taasiiftu akkasumas WBO waliin mariin akka taasifamuf haala akka mijeessituufi marii hidhattoota Faannoo waliin taasifamu irratti hirmaachuuf fedha akka qabnu mootummaaf ibsineera'' jedhan.
Ambaasaadarri keenya Finfinnee jira Maasingaan mariin hidhattoota Faannoo waliin taasifamu yoo jiraate carraa kana akka simatan mootummaa Itoophiyaa ''gurra buufneerra’’ jedhan Gaanfa Afriikaatti Ergamaan Addaa Ameerikaa Ambaasaadar Maayik Haamar.
Dabalunis, walitti bu’iinsi kun waraanaan akka hin furamne irra deddebiin dubbachu kan kaasaan qondaalli Ameerikaa kun, yeroo ammaa xiyyeeffannoon marii fi lammiilee nagaa tiksuurratti taasifamu qabaata jedhan.
Rakkoolee nageenyaa Gaanfa Afiikaafi Itoophiyaa keessumatti mudatan furuudhaaf ergamni addatti kan isaaniif kenname Ambaasaadarri Maayiik Haamar, dhimmoota taajjaban irratti yaada kennaniiru.
‘‘Mootummaan Itoophiyaa mariidhaaf qophii ta’u ibsuu isaatti dinqiisiifachu keenya ibsuu barbaadna. Waa’ee haala mirga namoomaa naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa jiru irrattis aanga’ootaaf yaaddoo keenya ibsineera. Kanneen lammiilee nagaa dararan seeraan akka gaafataman gaafanneerra’’ jedhan.
Hojiin hafu jiraatuus haqni yeroo ce’umsaarratti akkasumas marii biyyaaleessaa hunda hammateefi amanamaa ta’e gaggeessuuf sochii eegalameerratti fooyyee jiru hubanneerra jedhan.
Lamaanuu mufii bubbule furuudhaafi biyyattii karaa fooyyee qabuutti qajeelchuuf kanneen ijoo ta’aniidha.
Sababii rakkoolee nagaa naannoo Oromiyaafi Amaaraa keessa jiraniitiin wal qabatee jireenya namoota nagaa hedduurra miidhaan qaqabuun alattis sochiileen idilee danqamuudhaan ummanni rakkoo hawaas-diinagdee wal xaxalaa keessa galaa jira.
Qondaaltoonni mootummaa Ameerikaa kunneenis rakkooleen naannoolee kanneen keessatti mudatan karaa nagaatiin akka furamaniif deeggarsa akka itti fufan himan.
Mootummaan Itoophiyaas marii nagaa marsaa sadaffaa Waraana Bilisummaa oromoo waliin taasiisuudhaaf qophii ta’u yeroo garaa garaatti himunsaa ni yaadatama.
Haata’u malee qondaalli Waraana Bilisummaa Oromoo BBCn tibbana dhimma kanarratti gaafate garuu maricha ilaalchisee wanti isaan qaqabe akka hin jirre dubbatan.
Waa'ee Somaaliyaafi Itoophiyaa
Qondaaltoonni olaanoon Ameerikaa kunneenis dhimma dowwannaa Somaaliyaa Moqaadishootti taasisaniin, ''akkuma MM Abiy waliin dubbbanneetti'', pirezidantii biyyatti Hasan Sheek Mohaamud waliinis dhimma muddama biyyoota lamaan jidduutti mudate akka karaa nagaatiin furamu dubbachu kaasan.
Dhimmi fedhiin Itoophiyaan ulaa daldala galaanaa argachuuf qabdu, ''yaaddoo fudhatamaadha'' kan jedhan Aadee Mooliin, ta'us dhimmichi karaa marii mootummaa federaalaa Somaaliyaa fi biyyoota ollaa waliin taasifamuutiin, ykn tarii adeemsa karaa walta'insaa fi kan karaa walta'insa diinagee fi nageenyaa naannichaarratti bu'urreefatu ta'u danda'a jedhan.
Itti dabalunis haalli Somaaliilaand furamu kan qabaatu, ummata Somaaliilaandi dabalatee, ummata Somaaliyaatiin malee, qaamoolee alaatiin miti jedhan qondaalli Ameerikaa tun.












