Waldhabbiin Itoophiyaa fi Somaaliyaa jaarsummaa Tarkiin furamuu danda’aa?

MM Abiy Ahmad fi Pirezidant Hasan Sheek Mohamuud

Madda suuraa, Reuters/PMO

Ibsa waa'ee suuraa, MM Abiy Ahmad fi Pirezidant Hasan Sheek Mohamuud

Somaalilaand seensa bara haaraarratti ulaa galaanaa liiziin Itoophiyaa kireessuuf erga waliigaltee as Baha Afrikaatti muddamni dhalate ji’oota torbaaf hin qabbanoofne.

Somaaliyaan waliigaltee ulaa galaanaa kanaatti hin gammanne. Somaaliyaan waliigaltichi seeran ala,‘’gocha weeraraati’’ jettee amanti.

Somaalilaand bara 1991 yeroo wal-waraansi Somaaliyaa keessatti jalqabu Somaaliyaarraa citte. Somaaliyaan garuu akka kutaa bulchiinsa ishee tokko taatetti ilaati.

Itoophiyaan buufata doonii Somaalilaanditti waan fayyadamtuuf biyya jalqabaa Somaalilaandi biyya birmadummaa qabdu ta’uu beekamtii kennitu taati jedhamee gabaafamuun Somaaliyaa akkaan mufachiise.

Gamtaan Afrikaa (AU) fi Ameerikaan tokkummaa Somaaliyaa deeggaruun, qaamotni waldhabbii kana keessatti qooda qaban hundi waldhabdee kana akka qabbaneessan dhaaman.

Tarkiin ammoo tibbana waldhabbichi karaa dippilomaasii akka furamu gidduu seente.

Jila dippilomaatoota Itoophiyaa fi Somaaliyaa magaalaa guddoo Tarkii, Ankaaraatti mariif walitti waamte.

Marii kana keessatti maaltu milkaa’e?

Mariin kun gartokkeen milkaa’adha.

Ministiroonni dhimma alaa Itoophiyaa fi Somaaliyaa Adooleessa1, 2024 magaalaa guddoo Turkitti imalaniiru- garuu kallattiin waliin mariiyachuun didan.

Ministeerri dhimma alaa Tarkii mariin kun abdi-qabeessa akka ta’etti ibse.

Biyyoonni lachuu baatii Fulbaana keessa deebi'anii mariyachuuf waliigalan.

Tarii mariin isaanii yoo bu’aa buuse, hoggantoonni biyyoota lamaanii wal arganii mariyachuu akka danda'an maddeen BBC'tti himan. Kanaaf abdiin jira jechuudha.

Tarkiin maaliif waldhabbii kana gidduu seente?

Ankaaraan Moqdishoo waliin hariiroo cimaa qabdi.

Turki waliigaltee waraanaa waggaa 10 ‘f turu Somaaliyaa waliin kan mallatteesite yoo ta’u, ulaa galaanaa Somaaliyaa eeguu fi humna galaanaa ishee deebiste ijaaruuf waliigaltee mallatteessaniiru. Akka Pirezidantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud akka jedhanitti, Turki marii kanaaf haala akka mijeessitu Itoophiyaatu gaafate. Kun Itoophiyaa waldhabdee kana qabbaneessuuf fedhii qabaachuu akeeka.

Somaaliyaan biyyoota Lixaa, akkasumas biyyoota Arabaa naannoo Galoo Galaanaa Galfirraa deeggarsa argachuuf duula dippilomaasii bal’aa gagggeessaa turte.

Haata’u malee, Itoophiyaan waliigaltee Somaalilaand waliiin mallatteessite dhiisuuf fedhii qabaachuu hanga ammaatti waanti ''akeeku hin jiru'' jechuun Pirezedant Mohaammud dubbataniiru.

Itoophiyaa fi Somaalilaand maal waliigalan?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waliigaltee hoggantoonni Itoophiyaa fi Somaalilaand mallatteessan sirnaan hawaasaaf ifatti hin ibsamne.

Waliigaltee wal hubannoo mallatteeffame ilaalchisee waan adda addaatu himama.

Waliigaltee wal hubannoo wabii seeraa kan hin qabne yoo ta’u, Somaalilaand garuu ulaa galaanaa Itoophiyaan buufata dooniishee daldalaaf akka itti gargaaramtu eeyyamuuf waan qophoofte fakkaata.

Somaalilaand buufata doonii kam Itoophiyaaf akka eeyyamtu garuu ifa miti.

Dhimma waraanaatiin kan walqabatus jira.

Somaalilaand ulaa gaalanaa humna galaanarraa Itoophiyaaf kireessuu akka dandeessu ibsite.

Itoophiyaan bal’inaan kana mirkaneessitetti. Kanaaf Somaalilaand Daandii Qilleensaa Itoophiyaa keessaa qooda argatti jedhame.

Bakki dubbiin itti jabaatu Itoophiyaan Somaalilaand akka biyya walabaatti beekamtii ni kennitii? dhimma jedhu.

Waggoota 30 darban keessatti biyyi kamiyyuu kana hin raawwanne.

Gaafa waliigalteen mallatteeffamu Pirezidantiin Somaalilaand Musee Bihi Abdii, waliigaltichi gara fuulduraatti yeroo ta’etti Itoophiyaan Somaalilaand biyya walaba ta’uu isheef beekamtii akka kennitu kutaan waliigaltee akeeku jira jedhan.

Itoophiyaan garuu kana hin mirkaneessine.