MM Abiy falmitoonni mirgaa maaliif 'yaaddessaadha' jedhan?

Ministirri Mummee Dr Abiy Ahimad Kamisa darbe Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti argamuudhaan gabaasa wagga motummaasaanii dhiyeessuun gaaffiilee miseensootarraa ka’aniif deebiifi ibsa kennanii ture.
Wayita kanattis dhimmoota tokko taokko kaasuudhaanis ejjannoo motummaasaanii maal akka ta’e akeekaniiru.
Isaan keessayis dhimmi mirga namoomaa kan hidhattoonni mootummaasaanii ni sarba jechuun bakka bu’aa Sochii Biyyaaleessa Amaaraa (ABIN) irraa gaaffiin erga dhiyaateefiin booda, dhimmi dhaabbilee mirga namoomaa ilaallatu tokkoodha.
Bakka bu’aan ABIN Obbo Ababaawu Dasaalawu ‘‘mootummaan ajjeechaa jumlaa fi sarbamawwan mirga namoomaa kana dhaabuudhaaf wanti murteessee maaliidha?’’ jechuun gaaffii dhiyeessanii ture.
MM Abiy deebii wayita kennan, ‘‘Mirgi namoomaa afaan nama gammachiisuudha. Garuu ammo hiikaa kun keessaa bahuun faayidaa siyaasaatiif oolfamaa jira’’ jechuun eegalan.
Itti dabaluunis, ‘‘labsii hojimaata dhaabbata Mirga namoomaa jedhamu sakkatta’un barbachisaadha. Humnoota biraa kan nuti mindaa hin kanfalleef kan mindeessan, dhaabbileen humnoota gara biraatiif gabaasa godhan Itoophiyaa keessatti yoo hayyamne maal ta’uu akka danda’u isinumaaf dhiisuudha’’ jedhan.
Yaadni MM kunis dhaabbilee mirga namoomaaf falman kan naasise ture.
Namoonni dhaabbilee mirga namoomaa irratti Itoophiyaa keessatti hojjatan sadii kan hogganan, haasaan MM kunis ‘‘rifaasisaa’’ fi ‘‘yaaddeessaadha’’ jechuun BBC Amaarfaatti himan.
Ta'us haasaan MM Abiy guyyaaa Kamisaa kunis kan akka tasaa dubbatame akka hin taane kaasu.
Oggeessi mirga namoomaa maqaansaa akka hin eeramne gaafatan tokkoos, bilisummaa ijaaramuu bara 2020 booda seera Waldaalee Siiviiliitiin argame ''kan awwaaluudha'' jedhan.
Ta'us haasaan MM Abiy ''haala mirga namoomaa biyyattii waliigalaarratti jijjirama hin fidu'' jedhan. Dhaabbileen mirga namoomaa jiraachusaaniitti mootummaan, ''baayyina namoota seeraan ala ajjeeffamanii fi hidhamanii hir'asuu ykn haalli mirga namoomaa biyyattii waliigalaa'' kanaaf akka agarsiiftuutti kaasu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kana malees fooyya'insi seeraa Finfinneefi jidduugalawwan magaalaa gurguddoo tokko tokoon alatti jireenya hawaasummaarratti dhiibaa guddaa hin fidne'' jechuudhaan haasaan MM dhiibbaa qabaatulleen, ''gadi fagoo hin tu'u'' jechuun BBCtti himan.
Seeroota dhiheenya keessa labsaman kan eeran oggeessi kun, kanaan dura kan turan, ''foyya'insiiwwaniifi jijjiraan seerootaa amma du'aniiru'' jedhu.
Kanaafis labsiiwwan immigireshiniifi qabeenya deebisiisuu kaasuudhaan, ''jijjirama bara 2010 hordofuudhaan kan saanduuqa awwalcha fooyya'insa seera yoos argaman irratti misiimaariin rukutamaa jiru fakkaata'' jechuun yaadasaanii ibsatan.
Daareektarri Olaanaan Wiirtuu Falmitoota Mirga Namoomaa Itoophiyaa, Yaareed Haayilamaariyaam, ‘‘dhaabbileen mirga namoomaa irratti hojjatan erga yeroo dhihootiin as haleellaafi dhiibbaa irra gahaa jiruun yoo wal bira qaban haasaan MM baayyee na hin dinqiisiifne’’ jedhan.
Haata’u malee ‘‘balaaleeffannaa mootummaa’’ haala akkasii akka hin eegnee kan ibsan Obbo Yaareed, ‘‘dhaabbileen mirga namoomaa irra hojjatan haalli itti ibsan garuu baayyee baayyee yaaddeessaadha’’ jedhan.
Daarektara Wiirtuu Guddina Mirgootaafi Dimokiraasii kan ta’an Obbo Bafiqaaduu Haayiluu gamasaanitiin yaada walfakkaatu qabu.
Obbo Bafiqaaduun ‘‘haalliiwwan yeroo dhihoon as jiran hundi kan agarsiisan kan mootummaa haala shakkiifi jibbaatiin nu ilaalaa jiraachuu agarsiisaniidha’’ jedhan.
Akkuma Obbo Yaareed, isaanis ‘‘MMn gabaasa mana mareetiif dhiyaaturratti haala ifa ta’een haasaa akkasii ni taasisuu amantaa jedhu hin qabuun turre,’’ jedhu.
Obbo Bafiqaaduun ammo haasaa MM kana, ‘‘haasaa akka tasaa harkaa bahe akka hin taane ni beeksiisa’’ jechuun, kanaaf ammo agarsiiftuun dhiibbaawwan dhaabbilee mirga namoomaa irra gahaniidha jedhan.
Dhiibbaawwan kunneenis ibsa dhaabbiileen Hawaasa Siiviilii biyya keessaa mirga namoomaa irratti hojjatan 12 torban lamaan dura baasan irratti kaafamanii ture.
Dhaabbileen ibsasaanitiin, ''hojii irra dedebiin hubachiisuu'' waan hojjataniif ''motummaarraa irra deddebiin haleellaa fi dhiibbaa onaalaanaan'' irra gahaa jiraachu kaasan.
Dhiibaawwan kunneenis ''seerawwan, imaamatawwanii fi hojmaatawwan bahan irrattilleen osoo hin hafne'' akka mul'atan ibsuma kanarra kaafameera.
Dhaabbiileen siiviil kunneenis dursitootaa fi hojjattoota irra dhiibbaaa olaanaa akka ''dorsiisoo fi itti dhaadachuu'' irratti gahuu ibsanii ture.
Obbo Yaareed haasaan MM Abiy, ''baleessaafi dogongorawwan seeraan ala mootummaan akka barbaadeetti raawwatuuf mallattoo boca seeraa qabsiisuu ta'eti kan mul'atu'' jechuun yaaddoosaanii kaasu.

Daareektara Olaantuu fi hundeessituu Sochii Seetaawiiti kan ta'an Dr Sihin Tafarraa ''burjaajiin, sakatta'insii hanga ammaa tures kan seeraan hayyamamu miti'' jedhu.
MM Abiy erga gara aangootti dhufanii booda seeroota fooyyeessaniifi ittiin leellifaman keessaa tokko labsii dhaabbilee hawaasa siviilii ture.
Seerri hawaasa siivilii waggaa shaniin dura fooyyeeffame, dhaabileen galiisaanii harka 10 caalaa maddeen alaarraa akka fudhatan hin hayyamu.
Falmitoonni mirga namoomaa seerri kun ''ukkaamsaadha'' jedhuun. Sababii seera kanaattis sochiin dhaabbilee hawaasa siivilii baayyee daangeeffamee ture.
Erga MM ABiy gara aangootti dhufaniin booda ''daangaa hin barbaachiifne'' jedhamuun seerichi fooyyeefamu kan dubbatan Obbo Fiqaaduun, ''kan amma qeeqaa jiran dhimma bulchiinsi saanii ittiin leellifamuufi galata itti argatee turedha'' jedhan.
Obbo Yaareed gamasaanitiin, haasaa MM ''yaaddo balaan haala ukkaamsaa kanaan dura keessa tureetti deebii'u dandeenya jedhu dhaabbile mirga namoommaatti akka umamuu taasisa'' jedhan.
MM Abiya haasaa guyyaa Kamisaa miseensoota paarlaamaatiif taasisaniin, madda galii dhaabbilee hawaasa siivilii ilaalchisee yaada kennaniiru.
''Nuti mindaa kan hin kanfalleef, kan humnootiin gara biraa mindeessan, dhaabbileen humnoota gara biraatiif gabaasa taasisan Itoophiyaa keessatti yoo hammaneef maal umamuu akka danda'u isinuumaaf dhiisuudha'' jedhan.
Obbo Yaareed ''addunyaa kamiitti dhaabbileen mirga namoomaa kan bu'aaf hundaa'an waan hin taaneef galii mataasaanii qabaachu hin danda'an'' jedhan.
Itti dabaluunis, ''yaadni nuti kan hin kaffalleef jedhu mataansaa dogongora qaba. Isaan kanfaluu hin danda'an dhaabbilee mirga namoomaatiif. Kunis sababii dhimma dandeettii osoo hin taanee bilisummaa kan wal qabatu ta'eefiidha'' jechuun haasaan MM ''dogngora'' qabaachu kaasu.












