ABO-WBO waa'ee hidhattoota tibbana Horroo Guduruutti harka kennatanii irratti deebii kenne

Madda suuraa, OBN
Hidhattoonni tibbana Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti harka kennatan miseensotakoo miti jedhe ABO-WBO.
Ji'a tokko keessatti hidhattoonni 160 ol tahan ''qabsoo nagaatti'' amanuun mootummaatti harka kennachuu isaanii bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Mirreessaa Fiixee BBCtti himaniiru.
Hidhattoonni kunneen waggootaaf godinicha keessa socho'uun rakkoo nageenyaa warra dhaqqabsiisaa ture akka tahan himan.
Fulbaana 28 bara 2025 ammoo hidhattoonni 57 al takkaatti hogganaa garichaa Yaaddessaa jedhamu waliin mootummaatti harka kennachuu himan.
Gorsaa Ajajaa Olaanaa ABO-WBO kan tahan, Obbo Jireenyaa Guddataa, ''loltoota keenya miti. Loltoota WBO jechuun kan hogganaan isaa Marroo Dirribaa tahe, Itti aanaan isaa Gammachuu Abbooyyee kan tahe, kan Koree Hojii Raawwachiistuu fi miseensa Gumii Sabaa qabu, akkasumas zooniilee saddet jalatti kan hammatamee fi tartiibaan hogganamudha.
Warri amma galan jedhaman kunneen warra maqaa WBO moggaafatanii bosona keessa turanidha,'' jedhan.
Itti dabaluun ''gareen kun warra uummata irraa waa bubbutataa [saamaa] turedha. Inumaayyuu uummata irraa isaan tiksaa turre. Amma galuun isaanii uummataaf boqonnaadha,'' jechuun ibsan.
''Yaaddessaa kan jedhamu hoggana keenya keessas tahe loltoota keenya keessa hin jiru'' jedhan Obbo Jireenyaan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
''Hidhattoonni amma galan kunneen eenyufaa akka tahan, eessa akka socho'aa turan quba qabna. Garuu waraana keenya miti,'' jedhan.
Garee tokko Horroo Guduruu keessaa hogganaa kan ture Faqqadaa Abdiisaa kan jedhamu ji'a tokko dura mootummaatti harka kennachuun galeera.
''Hidhattoota galan keessaa ajajaa olaanaa garichaa jalatti hogganamaa kan turee fi miseensa keenya tahe hin jiran.
Garuu warra maqaa WBO dhahatanii akeekaa fi kaayyoo WBO osoo hin qabaatiin socho'aa turanidha'' jedhan.
Obbo Jireenyaan, nama Yaadessaa jedhamuu fi kan garee kana hogganee fudhatee gale jedhame akka beekan ibsanii, akkatti gareen adda addaa godinicha keessatti babal'atan himan.
Jalqaba bara 2018 booda Faqqadaa Abdiisaa kan jedhamu godinicha [Horro Guduruu] keessa socho'uu yeroo jalqabu isa waliin kan ture ammoo nama Moosisaa jedhamu jira ture jedhan.
Faqqadaa jalatti socho'aa kan ture Moosisaan booda isa waliin adda bahuun garee mataa isaa qabatee socho'aa akka ture dubbatan.
Yeroo Moosisaan garee mataa isaa qabatee Faqqadaa irraa adda bahuun socho'uu jalqabu kan amma garicha hogganee gale Yaaddessaan isa [Moosisaa] jala ture kan jedhan Obbo Jireenyaan booda innis isarraa adda bahuun garee mataa isaa qabatee socho'aa turuu kaasan.
Tibbana Yaadessaan garee isaa qabatee yeroo galu gareen Moosisaa jala jirus bosonatti hafeera jedhan Obbo Jireenyaan.
Ji'a dura mootummaatti harka kan kennate Faqqadaa Abdiisaa duraan bara 2006 irraa kaasee miseensuma ABO ture jedhan Obbo Jireenyaan.
Bara 2018 booda yeroo gara bosonaatti deebi'u garaagarummaa yaadaa isaan [Marroo fa'aa] gidduu tureen irraa adda bahuun socho'uu jalqabuu himan.
Erga qabsoo karaa nagaa qabsaa'uuf ABO'n Eertiraa irraa gara biyyaatti galee humni waraanaa dhaabichaa yeroo sanaa leenjii haaromsaa gale.
Gariin sana booda bosonatti deebi'uu kan himan Obbo Jireenyaan, Faqqadaanis yeroo gara bosonaatti deebi'u Marroo jalatti hin taaligamu akkuma duraaniitti ABO irraa ajaja fudhanna malee jechuun adda bahuu himan.
ABO'n qabsoo karaa nagaa gaggeessuuf erga galee humna waraanaa akka hin qabne ibseera.
''Gareen kun akkuma miidiyaaleen biraas gabaasan WBO dura dhaabbachuuf warra hundaa'ee socho'aa turanidha. Warra mootummaanis itti fayyadamaa turedha,'' jedhan.
Godinaaleen Wallaggaa godinaalee hidhattoonni Waraana Bilisimmaa Oromoo bal'inaan keessa socho'udha.
Keessumaa Wallagga Bahaa fi Horroo Guduruu Wallaggaa maquma WBO kan dhahatan gareen adda addaa socho'aa jiru.
As keessatti uummata nagaa irra irra deddeebin miidhaan dhaqqabaa ture. Namoonni nagaa ajjeefamuu, qabeenyi isaanii saamamuu fi ugguramuun maallaqa gaafatamuun waan baratame tahaa ture.
Mootummaan maal jedhe?
Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti ji'a tokkoo as hidhattoonni 160 ol meeshaa isaanii hiikkatanii mootummaatti harka kennataniiru jedhan bulchaan godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee.
Dhiyeenya godinicha keessa socho'aa kan turee fi garee tokko hogganaa akka ture kan himamu Faqqadaa Abdiisaa meeshaa isaa hiikkachuun galuu ibsamee ture.
Bulchaan godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee ''ji'a tokkoon dura kan gale garee Faqqadaati. Amma kan gale garee Yaaddessaati. Yaadessaan hogganaadha. Miseensota isaa fudhatee gale,'' jedhan.
Obbo Mirreessaan waggoota lamaa fi sadan darban waamicha mootummaa dhagahuun hidhattoonni hedduun gara qabsoo nagaatti deebi'anii jiru jedhan.
''Dargaggoonni karaa nagaa filatan jiru. Akkasuma kanneen karaa nagaa hin filanne bosona keessa taa'anii ofii isaanii irrattis uummata irrattis rakkoo uuman jiru. Dargaggoonni 'ABO Shaneetti' makamanii rakkoo uumanis jiru,'' Jedhan.
Fulbaana 28 bara 2025 hidhattoonni ''ABO Shanee'' 63 tahan galaniiru kan jedhan Obbo Mirreessaan ''jalqaba hidhattoota 57 dhufe. Booda gara galgalaa ammoo gara nama jahaa itti dabalamaniiru,'' jedhan.
Hidhattoonni kunneen akka galanaiif ''waan sadiitu shoora olaanaa taphate,'' kan jedhan Obbo Mirreessaan ''inni jalqabaa dhiibbaa uummanni taasise'' akka tahe himan.
Inni biraan mootummaan hulaa qabsoo karaa nagaa ammayyuu hidhattootaaf saaquun isaan simachuu fi inni biraan hidhattoonni matumti isaanii daandii dogoggoraa irra turuu isaanii hubatanii gara qabsoo nagaatti deebi'uuf murteessuu isaaniiti jedhan.
Hidhattoonni kunneen erga harka kennatanii leenjii haaromsaa galu jedhan Obbo Mirreessaan.
''Leenjii haaromsaa erga xumuranii booda waan tahuu barbaadan ofii murteeffatu. Hojjetaan mootummaa yoo keessa jiraate gara hojii isaatti deebi'a. Yoo barataa tahe barumsa isaatti akka deebi'u taha. Akka fedha isaaniitti ramadamu,'' jedhan bulchaan godinichaa Obbo Mirreessaa Fiixee.
''Hidhattoonni kunneen galuun qaama lamaaf bu'aa qaba. Jalqabaa matuma isaaniifi. Galii hin qaban. Hojii hin qaban. Galiin isaanii uummatadha. Uummanni waan nyaachisu hin qabu. Uummata saamaa oolu.
Uummata waliin walitti bu'aa oolu. Kanaaf uummata isaanii, abbaa fi haadha isaaniitti araaramuun uummataaf nagaa guddaa akka bu'u godha,'' jedhan Obbo Mirreessaan.
''Uummanni osoo rakkaatuu dabareedhaan nyaata kennaafi. Kan hin qabne ni reebama. Karaatti yoo bahu ni saamama ture. Karaa nagaa filachuun isaanii tasgabbii uummataaf gahee guddaa qaba,'' jedhan.
Waggoota jahan darban keessa Godinni Horroo Guduruu Wallaggaa sochii hidhattootaa fi walitti bu'insa hidhattootaa fi humna nageenyaa gidduutti tahuun hedduu warra miidhame keessaati.
Namoonni nagaan ajjeefamuu, saamamuu fi uukkaamsamuun maallaqa gaafatamuun godinicha keessatti irra deddeebiin mul'ataa tureera.
Obbo Mirreessaan mootummaan hidhattoota gara qabsoo nagaatti deebi'uu barbaadan simachaa, kan didan irratti ammoo tarkaanfiii fudachuu itti fufeera jedhan.
Kana duras hidhattoonni godina Horroo Guduruu fi Shawaa Lixaa keessa socho'aa turan, ajajaa Zoonii Gidduugaleessaa WBO kan ture Sanyii Nagaasaa fa'aa dabalatee mootummaatti harka kennachuun hidhattoota hedduu fudhatanii galuun isaanii ibsamee ture.
Waggoota darban keessa hidhattoonni Faannoos Godina Horroo Guduruu aanolee muraasa keessa socho'uun uummata nagaa irratti haleellaa taasisaa turan.
Aanolee akka Jaargadaa Jaartee, Amuruu fi Abee Dongoroo hidhattoota kanneeniin kan miidhaman keessaa akka tahan kan himan Obbo Mirreessaan mootummaan humna nagaa gahaa bobbaasuun tasgabbeessaa jiraachuu himan.
Obbo Mirreessaan godinicha keessa bara 2016 fi isa dura haalli ture rakkoo guddaa tahuu kaasu.
''Aanaalee sadii- Amuruu, Jaartee fi Abee Dongoroo keessa rakkoo jira. Jaartee keessa gandoota sadii, Abee Dongoroo keessa gara gandoota torbaa fi Amuru keessaa gara gandoota afurii keessa rakkootu ture.''
Ji'a Fulaanaa darbe keessa hidhattoonni Faannoo aanaa Abee Dongoroo keessatti haleellaa dhaqabsiisuun namoonni nagaan lubbuun darbuu himaniiru.
''Dhukaasa Humna Waloo Oromiyaa fi hidhattoota finxaaleyyii Faannoo gidduutti gaggeeffameen uummanni wareeree baqatu miidhamees wareegamees jira.
Hogganaa poolisii achi tures dabalatee caasaan keenyas wareegameera. Diinnis wareegamee jira. Dhukaasa keessa du'uu fi ajjeesuun jira,'' jedhan Obbo Mirreessaan.
Haleellaan kun kan dhaqqabe Fulbaana tokko dura waktii Qaammee keessa akka tahe kan himan Obbo Mirreessaan uummata yeroo sana qe'ee isaa irraa buqqa'e akka qe'ee isaatti deebi'u gooneerra jedhan.
''Finxaalessa afaan Amaaraa dubbatu [Faannoo] irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira. Humni nageenyaa gahaan bobbaafameera.''
Aanolee sadan keessaa haleellaa yeroo adda addaatti hidhattoota Faannoon irratti gaggeeffameen kanneen qe'ee isaanii irraa buqqa'anii fi gargaarsa barbaadan jiraachuus himameera.












