Argannoo waggaa 100 hanga har'aatti Badhaasa Noobeelii gargaaraa jiru

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Roobootiin gammoojjii Maartiyaan keessa qofaa deebii barbaacha socha'uu eegalte turte. Bara 2012tti roobootiin Naasaan gara hawaatti ergee ture, ciracha xiqqoo raajii (X-ray) kaafte.
Kaayyoon isaas cirrachi sun maal irraa akka hojjatame baruufi ittaansee ammoo Maarsii irra bishaan yoo jiraatee adda baasuuf qorachuudhaaf ture.
Jalqaba bara 1915tti ammoo abbaa fi ilmi Biraag fi Looransi jedhaman hojii Raajii kiriistaalogiraafii hojjataniitiin Fiziiksiidhaan Badhaasa Noobeelii badhaafaman.
Adeemsii raajii (X- ray) kanatti fayyadamunis atomikii fi caasaa molekulaaraa adda baasuuf kan dandeessisuudha.
Pirootiinoota xixqoo dabalatees hanga sibilawwaniitti, wantoonni baayyeen kiriirtaal uumuu danda'u.
Kiristalloogiraafiin raajii kunis akkaataa bifa adda addaatiin wantoonni (matter) itti walitti qabaman mulʼisuuf ulaagaa murtessaa taʼe.

Lafarratti ammoo, Yunivarsitii Miichigaan Isteetiitti barbsiisaa kan ta'an Maayiikil Valbeet, roobootii Kiroositii (Curiosity) jedhamtu gara Hawaatti ergamte irraa odeeffannoo eeggataa turan.
Kunis kiriistaalogiraafiin raajii (X-ray crystallography)n dachiin alatti pilaaneetii biraarratti yoo hojjatamu kan jalqabaa ture.
"Yeroo hunda ergama kana galrgaaraan ture," jechuun Velbel kan yaadatan.
Roobootiin Kirositii ammoo xiinxalli ishee qabiyyee bishaanii albuudota Maarsii irratti argaman bal'inaan kan mul'ise yoo ta'u, kunis yaada pilaaneetiin kun waggoota kuma dhibba muraasa dura qaamolee bishaanii gurguddaa qabdi turte jedhuuf mirkanneessuu baatulleen garuu amanamummaa aa kenneera
"Dhuma irrattis sana irratti hubannoo argachuu dandeenya," jedhan Velbel.

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Wantoonni (things) maal irraa akka hojjetaman beekuun waan ajaa'ibaa tokko tokko akka hojjennu nu taasisa. Xiinxalli caasaa atoomikaa fi molakilaa saayintistoonni qoricha akka dizaayinii godhan, iccitii Qaccee Sanyii (DNA) akka baran, akkasumas baatirii fooyyaʼaa taʼellee akka hojjetan gargaareera.
Sababii Badhaasa Noobeelii hedduu keessatti gahee baheef ammoo, kiristallogiraafiin raajii barbaachisaa ta'uu isaa hubachuu dandeessu. Muraasni ammoo, lakkoofsa kana gara 200 ol kaa'u.
Ta'us garuu, namoonni muraasni tooftaa nama ajaa'ibu ta'usaa kan beekan baayyee muraasaa qofaadha.
Caasaa idilee
Teekniikichi kiristaalota irratti hirkata, sababiin isaas yoo caasaa kiristaala tartiiba qabu irratti carallaa raajii ibsitu, akkaataa difraakshinii idilee argatta.
Haataʼu malee, yeroo wanta akka pirootiinii fakkaatu irratti hojjetmuutti kiristaallii sana guddisuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Haalliwwan hundi sirrii ta'uu qabu.
Yunivarsiitii Kaaba Kaarolinaa Chaapeel Hiil keessatti ogeettiin kiristaalogiraafii Kiristaal Istaarbird yeroo tokko tokko osoo hin miklaa'iin dura yaaliiwwan dhibbaan lakkaa'aman, kan akka keemikaalota adda addaatti fayyadamuu, sadarkaalee ho'aa ykn jiidhina fayyadamuunot dubbatti.
Saayintistiin tokko kan tarii sanaan walitti dhufeenya qabaachuu dandeessuu Doorotii Hoodkiin turte.
Bara 1930moota irraa eegaltee, waggoota 34f kiristalogiraafi raajii fayyadamuun caasaa insuliinii hormoonii hanga sukkaara dhiigaa to'achuuf gargaarutti hojjettee jirti.

Madda suuraa, Getty Images/BBC
Dhimma Hoodkiin yoo ilaalle, insuulinii argachuun waan ulfaataa hin turre. Sababni isaas insuuliniin atoomii atoomii 788 gadi waan hin qabneef.
Tooftaalee carallaa Kiristaaloogiraafik jedhamu fayyadamuun adda baasuudhaaf yeroo dheeraa ishee fudhate.
Yaala dhibee sukkaaraaf isnuulinii oolu baay'inaan oomishuuf hojiin ishee kun haala salphaa uumeera.
Qorichi kun ammoo yeroo qaamni keenya insuulinii gahaa oomishuu dadhabu yaaluuf gargaara.
''Dubartii ajaa'ibaati,'' jedhe Yuunvarsiitii Oksifoordi irraa Elsaafet Jarman kan Hoodkiniin beektu.












