'Ani boojuu waraanaati' - Diraamaa dhaddacha Maaduroo irratti mul'ate

Maaduroofi haadha warraa isaanii

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Maaduroon tasgabbiin dhaddacha caqasaa turan

Osoo hogganaan Venizuweelaa mana murtii keessa hin seeniin dura koridarii irratti sagaleen sibiilaa ni dhagahama ture.

Nikoolaas Maaduroon erga waraana Ameerikaan mana jireenyaa isaanii keessatti haadha warraa isaanii waliin to'ataman booda yeroo duraaf Wiixata mana murtii dhihaataniiru.

Gaaxexeessitootaafi namootaan waraana Ameerikaan ''butamuu'' dubbatan.

Erga mana murtii seenanii daqiiqaan muraasa lakkaa'ame booda abbaan murtii Alviin Heleristan eenyu akka ta'an Maaduroo gaafatan.

''Ani, Nikoolaas Maaduroodha. Ani Pirezidantii Rippablika Venizuweelaadha. Erga Amajjiii 03 butamee asiin jira,'' jechuun Afaan Ispeeniin dhaddachatti dubbatan.

Booda turjumaanni Afaan Ingiliziin hiike. ''Mana jireenyaakoo Karaakaas keessaan butame,'' jedhan.

Daanyaan umrii 92 dhimmicha ilaalaa jiran gidduu seenuun ''kana hunda dubbachuuf yeroofi bakki jira,'' jedhan.

Dhaddacha daqiiqaa 40'f gaafa Wiixataa waaree booda tureerratti, Maaduroofi haati warraa isaanii, Siiliyaa Filoores, himannaa qoricha daddabarsuufi meeshaa waraanaa hin raawwanne jedhanii waakkataniiru.

''Ani qulqulluudha. Nama gaarii,'' jechuun of ibsan Maaduroon. Haati warraa isaanii Siiliyaa Filooresiis anis ''baay'ee qulqulluudha'' jedhan.

Maanguddoon ganna 63 Maaduroofi haati warraa isaanii gaafa Sambataa waraana Ameerikaan erga to'ataman booda mana hidhaa Niiw Yoork geeffamaniiru.

Oppireeshinii waraanaa Ameerikaan osoo hin eegamiin raawwatte buufatawwan waraanaa Venezuweelaa irrattis haleellaan raawwateera.

Maaduroofi Filoores yuniformii mana hidhaa bifa cuqulisaafi burtukaana qabu uffataniiru.

Dhaddacharratti afaan Ispeenitti kan isaaniif hiiku heedfooniii godhataniiru.

Maaduroon baruullee bifa keelloo qabduurratti yaada isaanii katabaa turan. Dhaddacha boodas barruulee kana of bira tursuuf gaafataniiru.

Pirezidantii Venizuweelaa qabaman yeroo gara mana murtii geeffaman

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidantii Venizuweelaa qabaman yeroo gara mana murtii geeffaman

Yeroo Maaduroon gara mana murtiii federaalaa seenan namoota keessa turan mataa raasaa nagaa gaafachaa turan.

Yeroo dhaddachi adeemaa ture tasgabbiin caqasaa, hordofaas turani.

Inumaa gidduutti mana murtii keessaa badii raawwattaniif ni ''kaffaltu'' jedhee namni tokko itti iyye jennaan ''Ani pirezidantiifi hidhamaa waraanaati'' jechuun Afaan Ispeeniin deebisanii itti iyyan.

Hidhamaa waraanaa jechuun nama waraana keessatti diinaan to'atame jechudha.

Namichi itti iyyame suni osoo bo'u dhaddacha keessaa baafame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dhaddacha kana irratti namoonni miiraan haala isaanii ibsaa turan.

Rippoortarri Venezuweelaarraa dhufte, Maayibort Petiit, waa'ee bulchiinsa Maaduroo gabaastu, misaa'elli US Maaduroo to'achuuf dhukaaste mana maatii ishee mancaasuu dubbatte.

Waraanni Ameerikaa hogganaashee akkanatti qabatee fiduun amanuuf akka ishee rakkisullee himte.

Haati warraa Maaduroo, Filoores, Maaduroo caalaa callisaniiru.

Addaafi fuula isaaniirratti baandeejiin maxxaneera. Akka abukaatoon isaanii jedhanitti yeroo waraana Ameerikaan hidhaman miidhaa irra gaheeni.

Abukaatonni ishee lafeen isaanii cabuu waan maluuf wal'aansi medikaalaa sirnaa ta'e akka taasifamuuf gaafatani.

Maaduroofi haati warraa isaanii wabiin akka gadhiifaman hin gaafanne, garuu boodas gaafachuu danda'u.

Yunaayitid Isteet Maadurootiin qoricha nama hadoochu daddabarsuu, meeshaa waraanaa fi meeshaalee miidhaa geessisan qabachuufi kaanin himatte.

Maaduroon haadha warraa, ilmaafi kaan waliin himannaan irratti baname. Beellamni mana murtii itti aanu Bitootessa 17 dha.