Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suuraan: Lammiileen Itoophiyaa ayyaana Cuuphaa kabajan
Hordoftoonni amantaa Ortodoksii Itoophiyaa ayyaana Cuuphaa ykn ximqataa kabajan. Ayyaanni kuni cuuphaa Gooftaa Iyyasuus Kiristoos Laga Yordaanoositti taasise yaadachuuf kabajama.
Magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneetti hordoftoonni amantichaa kuma hedduu ta'an gaafa Jimaataa, gaafa jala bultii ayyaanichaa, daandiiwwan gurguddoo magaalichaa guutanii gara Jaanmeedaa imalaa turan.
Manneen kiristaanaa tokkon tokko taabota ajajawwan kudhan irratti barreeffame lafa cuuphaati geessu.
Kanneen meeshaa afuuraa kan aadaa, xurumbaa afuufan dura bu'u.
Kunis isa Macaafa Qulqulluu irratti yeroo taabonni bakkaa sosso'u xurumbaan afuufameera kan jedhu yaadachuufi.
Hggantoonni mana amantaa, uffata amantaa uffachuun wanta tajaajila amantichaaf oolu qabatani faana bu'u.
Farfattoonni faarfachaa hordoftoonni amantichaas harka waliin rukutaa waliin hordofu.
Gaafa Jimaataa galgala Jaanmeedaa bulani Sambata ganama cuuphaan hin raawwata.
Suuraaleen gaazexessaa Amansiisaa Nagaraafi kan AFP dha.