Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa Baatuu bakka Ayyaanni Cuuphaa ‘haroorratti jalqabamee haroorratti itti xummuramu’
Magaalaan Baatuu kabaja Ayyaana Cuuphaa bara kanaarratti keessummoota 20,000 ta’an simachuuf qophaa’uushee Itti Gaafatamaan Waajjira Komishinii Tuurizimii Magaalaa Baatuu Obbo Kadir Abbittii BBC’tti himaniiru.
Magaalaan Baatuu magaalota Ayyaanni Cuuphaa akkuma biyyaattuu haala hoo’aa ta’een itti kabajamu keessaa tokko yemmuu taatu, keessattuu imalli Taabonni, abbootiin amantaa, hordoftoonni amantichaafii daawwattoonni bidiruun Hara Danbal irratti taasisan taatee waggaa waggaan tuuristoota hawwachaa jirudha.
Daawwattoonni kabaja ayyaanaa bara kanaas akka qooddatanis keessattuu gama miidiyaa hawaasaatiin waamichi taasifamuu erga eegalee bubbuleera.
“Keessattuu giddugala biyyaarraa Finfinneerraa keessummoonni hedduu gareenis, dhuunfaadhaanis kan dhufan nijiraatu jennee eegna. Magaalota naannoo kana jiranfii baadiyyaarraallee nidhufu jennee eegna” jedhan Obbo Kadir.
'Haroorratti jalqabamee haroorratti itti xummurama'
Magaalaa Baatuuf kennaa uumamaa kan ta’e Haroon Danbal gaafa jalabultiifii guyyaa Ayyaana Cuuphaa imala bidiruuwwan dhibbaan lakkaa’amanii keessummeessa.
Imalli abbootiin amantaafii hordoftoonni amantichaa akkasumas daawwattoonni bidiruun taasisanis kan qalbii hawwatudha.
“Manneen amantaa qarqara haroorra jiran, kanneen magaalaa keessa jiranfii odoolota saddeet irra jiran hararratti walitti dhufuudhaan gara iddoo Booccessaa jedhamutti bahu” jedhan Obbo Kadir.
Taabonni maneen amataa garagaraarraa bahan guyyaa jalabultii Ayyaana Cuuphaa waaree booda naannoo sa’aa 8:00 Hara Danbal irratti walitti dhufu.
Sana boodas gara Ganda Booccessaatti imala eegalu. Yaballi bidiruuwwan lakkoofsaan baay’ee ta’an kun halluuwwan uuffataa faayamaniin dabaalamees bareedina kan goonfatedha.
“Wanti adda isa godhu bidiruuwwan heddu, yoo xiqqaatee 100 ol kan ta’an haroorratti walitti babahanii, namoonnis kallattii jiranii walitti dhufuu”
“Wayita bidiruun imalan kana taabota harkaa qabu, abbootiin amantaa gurguddoonis ni jiru. Inni kun bareeda ayyaanichaatiif gahee guddaa bahachaa kan jirudha” jechuun himan Itti Gaafatamaan Waajjira Komishinii Tuurizimii Magaalaa Baatuu Obbo Kadir Abbittii.
“Qophiin xummurameera…”
Magaalli Baatuu kabaja ayyaana Cuuphaa bara kanaa keessummoota waliin kabajuuf qophii xummuruunshee himameera.
“Amma qophiileen hundi xummuramanii naannoo qarqara haraatti miidiyaaleen kallattiin dabarsuuf qophiirra jiru” jeedhan Obbo Kadir.
Qarqarri Hara Danbal xiyyeeffannoon guddaa itti kennamee misoomuu kan himan qondaalli Tuurizimii magaalichaa kun, haricha misoomsuun cinatti dandeettii dhaabbilee kenna tajaajilaa magaalicha keessa jiranii guddisuufis itti fufiinsaan hojjetamaa turuu himaniiru.
“Ayyaana kana qofaaf osoo hintaanee waggaa guutuu yaa’insa tuuristootaa qabna. Bidiruuwwan bifa dhaabbataa ta’een tajaajila geejibaa laatanis jiru. Isaanillee tajaajila isaanii bal’isanii namoota sirriitti simachuu akka danda’aniif hojjechaa jirra” jedhan.
Gama biraatiin miseensa waldaa tajaajila geejibaa bidiruu kan ta’an Obbo Malkaamuu “Keessattuu Taabota Galiilaa fi Dabra Siinaa gara Booccessaatti baasuuf qophiirra jirra. Keessummoota dhufanis eegaa jirra. Qophiin gara waldaafii bidiruutiin jiru qophii gaariidha,” jedhaniiru.