Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
IGAD waa'ee Itoophiyaafi Somaaliyaa maal jedhe?
IGAD wal gahii dhimma waraana Sudaanii fi muddama Itoophiyaa fi Somaaliyaa ilaalchisee Yugaandaa magaalaa Kaampaalaatti Kamisa kaleessaa wal gahii gaggeessera.
Wal gahiin kun sodaa Gaanfi Afrikaa rakkoo nageenyaa fi raafama siyaasaaf saaxilama jedhurraati.
MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed jila isaanii waliin wal gahii gaggeesitoota biyyaa 'Non-Aligned Movement' jedhamu irratti argamuuf Yugaandaa magaalaa Kaampaalaa galaniiru.
Wal gahiin gaggeesitoota biyyaa miseensota 120 qabuu kun Jimaataa fi Sanbata duraa kan gaggeeffamu yoo tahu gaggeesitootni hedduun Yugaandaa galaa jiru.
Itoophiyaan wal gahii IGAD irratti akka hin hirmaannetu himama. Tahus, IGAD ibsa kaleessa baaseen nuddama Itoophiyaa fi Somaaliyaa ilaalchisee waliigalteenis tahe wal hubannaan kamuu karaa birmadummaa mootummaa Federaalaa Somaaliyaa kabajeen tahuu akka qabu ibse.
Itoophiyaan hulaa galaanaa fayyadamtu babal'isuuf jecha Somaaliilaandi waliin wal hubannaarra gahuun Somaaliyaa dheekkamsiiseera.
Itoophiyaan buufata doonii fayyadamuu qofa osoo hin taane Galaana Diimaa irratti buufata waraanaa ijaaruuf Somaaliilaandi waliin waliigalte.
Bakka isaa Itoophiyaan ifatti dubbachuu baattus Somaaliilaandiif beekamtii biyyummaa kenniti kan jedhu akka tahe karaa Somaaliilaandi dhagahameera.
Itoophiyaan ammoo akkuma duraan MM Abiy filannoowan jiran yeroo ibsan waliigaltee biizinesii dhaabbataa taheen argachuun ni danda'ama jedhan Daandii Qilleensa Itoophiyaa ykn Itiyoo Telekoom keessaa qooda Somaaliilaandiif kennuu danda'u kan jedhus karaa Itoophiyaan ibsameera.
Waggoota 30 oliif ofiin kan of bulchitu Somaaliilaandi biyya tokko irraayyuu beekamtii biyyummaa hin arganne.
Somaaliyaan tarkaanfiin Itoophiyaa kun walabummaa fi birmadummaa biyyakoo cabsuudha jechuun biyyoota ollaa fi fagootti iyyachuu jalqabde.
Biyyoota jalqaba jalaa owwatanii fi jila isaanii gara Moqadishoofi Asmaraatti ergan keessaa tokko Masiriidha.
Masiriin Itoophiyaa waliin dhimma hidha guddicha Abayyaa irratti hanga mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomaniitti wal geessaniiru.
Liigiin biyyoota Arabaas waliigaltee Itoophiyaa fi Somaaliilaandi kana mormus Itoophiyaan ibsa liigichaa balaaleffateetti.
IGAD dhimma muddama uume kanaafi waraana Sudaan xumura dhabetti furmaata gochuuf Kampaalaatti wal gahe.
IGAD muddama Itoophiyaa fi Somaaliyaa gidduu kana argamuun yaaddahuu ibse. Somaaliyaan hanga Itoophiyaan waliigalticha haqxutti mariin nagaa gootu akka hin jirre beeksifte.
IGAD waliigalteen kamiyyuu walabummaa, birmadummaa fi tokkummaa daangaa Somaaliyaa karaa kabajeen raawwachuu qaba jedhe.
''Waliigaltee ykn wal tahinsi kamiyyuu qajeeltoowan walabummaa mootummaa Federaalaa Somaaliyaa karaa eegeen tahuu qaba'' jedhe.
Itoophiyaan marii IGAD kana irratti argamuu akka hin dandeenye xalayaan himu miidiyaa hawwaasaarra naanna'aa turus dhugummaa isaa mirkaneessuun hin danda'amne.
Dhimmi biraa fi xiyyeeffannoo guddaa IGAD kan ture waraana Sudaan lubbuu kumaatamootaa galaafachuun miliyona torba ol qe'ee irraa buqqisedha.
Miseensonni IGAD waan dandahan hunda gochuun waraanni kun karaa nagaa akka xumuraamuuf ni hojjetu jedhe.
Mootummaa dimokiratawaa tahe Sudaanitti akka dhufuuf aduu ji'a tokkoo keessatti adeemsi nagaa buusuu abbummaan Sudaanii fi Sudaaniin gaggeeffamu ni jalqaba jedhe.
Rakkoo nageenyaa Sudaan kana furuuf Gamtaa Afrikaa fi hawwaasa idil-adunyaa kaan waliin akka hojjetanis himeera.
Biyyi Sudaan kanuma paartii wal lolaa jiru qofaa miti kan jedhe IGAD kan uummata Sudaan hundaati jedhe.
Qaamni wal waraanaa jiru waraana haqa qabeessa hin taane kana hatattamaan dhaabuu qabu, marii siyaasaaf hulaan banaa tahuu qaba jedhe.
Qaamonni wal waraanaa jiran Abdel Fattaa al-Burhanii fi Mahaammad Hamdaan Dagaaloo guyyoota 14 keessatti fuulaa fuulatti wal arguun mari'achuu qabu jedhe Igaad.
Rakkoo nageenyaa Sudaan kana furuuf Gamtaa Afrikaa fi hawwaasa idil-adunyaa kaan waliin akka hojjetanis himeera.
IGAD waan irra gahe yeroo dhiyootti akka miseensota isaaf beeksisus himeera.