Walitti bu'iinsa Masjiida Jarusaalemitti ka'een hedduun miidhaman

Madda suuraa, Reuters
Walitti bu'iinsa Israa'eel magaala Jarusaaleem Masjiid Al-Aqsaatti ka'een Paalistaayinoonnii 163 ta'aniifi poolisiin Israa'eel jaha madaahuu ogeeyyiin fayyaa Paalistaayiniifi Poolisiin Israa'eel beeksisan.
Masjiida Al-Aqsaatti walitti bu'insa dhalate kanaan Poolisiin gaazii imimmaanessuufi dhukaa'awwan biroo yoo fayyadamu Paalistaayinoonni ammoo qaruuraafi dhagaa lolaa turan.
Muddamne Israa'eelii Paalistaayiin kan hammaate Paalistaayinoonni lafa warri jewidhoota keenya jedhanii amanan irraa akka ka'an jedhamuu hordofeeti.
Dhaabbanni Fannoo diimaa namoota madaa'an yaaluuf hospitaala dirree banee waldhaanaa jira.
Masjiidni Al-Asqaa Jarusaalem keessatti bakka murteessarraa kan jiru yoo ta'u yeroo hedduus bakka muddama hin dhabneedha. Amantii warraa Yuhudaa keessattis bakka qulqulli'aadha.
Lolli haaraan kun kan eegale salaata Jum'aa isa xumuraa ji'a Ramadaanaa kabajuuf kumootni hedduun bakka walitti qabamanittidha.
Poolisiin Israa'eel tarkaanfii fudhachuu kan eegale sagadaan booda jeequmsa uumuu isaaniin seeraa kabachiisuuf akka ta'e ibseera.
Hoogganoonni Masjiidichaa sagalee guddistuu Masjidichaan tasgabbiin akka bu'u gaafachaa turan. Poolsiinis dhukaasa bane akka dhaabu, dargaggoonnis akka tasgabbaa'an gaafatamaa turan jedha Rooyitarsi.
Tajaajilli balaa tasaa Dhaabbata Fannoo Diimaa Paalistaayin rasaasa akka sibiilaan namootni miidhaman 88 waldhaansaaf Hospitaalatti geeffamuu ibseera.
Poolisiin Israa'eelis Poolisoonni isaa miidhaman jaha yaala akka barbaadan beeksiseera.

Madda suuraa, Reuters
Naannawa Shaikh Jarrah jaraa Paalistaayinoonni qubatanii jiran akka ka'an jedhamuu hordofee walitti bu'iinsi dhalate akka tasgabbaa'uu hawaasni idila addunyaas waamicha gochaa jiru.
Waajirri Haajaa Alaa US karaa dubbii himaa isaa Waashingitan muddama jabaateen akkaan yaadahuu ibseera.
Gamtaan Awirooppaas akkasuma walitti bu'iinsa kana balaaleffatee, namoonni rakkoo kana uuman gama lamaaniinuu gaafatamuu qabuu jedheera.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan addaa dhimma nageenyaa gidduugala bahaa qindeessuu magaalaa seena qabeettii Jarusaaleem keessa bakkeewwan qulqullaa'oon jiran akka hin miidhamne eegamuu qaba jedheera.












