Weest Baankitti mana amantaa Yihuudotaa keessa teessoon jiguun lubbuun dabre

A view inside a synagogue where tiered seating collapsed during a religious celebration in Givat Zeev, in the occupied West Bank, May 16, 2021

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Bakki kun kabaja ayyaanaaf guutee ture

Kaaba Jerusaalem mana amantaa Jewish hin xumuramin keessa ijaarsi teessumaa jiguun, yoo xiqqaate namoonni lama yoo du'an hedduun miidhamaniiru.

Poolisiin waan jedhe, waaqeffattoonni 'ultra-Orthodox' 650 tahan, waldaa Givat Zeev jedhamtu kan West Baankitti argamtu keessa, ayyaana kabajuuf walitti qabamanii turan.

Viidiyoon achi keessatti waraabame, wayita ijaarsi namoonni irra taa'an jiguun, namoonni walirra yoo kukkufan mul'isa.

Kunis kan tahe erga festivaala amantaa walfakkaatu 'Mount Meron' irratti walirra ejjechuun namoonni 45 erga du'anii boodadha,

Balaa Dilbataa kanaan dhaabni ambulaansii Magen David Adom jedhamu akka jedhetti ''hojjettoonni fayyaa namoota miidhaman 60 wal'aananiiru. Kanneen keessaa 10 haala yaaddessaa keessa jiru.''

Boodarras namoonni lama lubbuu darbuufi 100 kan tahan ammoo miidhamuu mirkaneesseera.

A view inside a synagogue where tiered seating collapsed during a religious celebration in Givat Zeev, in the occupied West Bank, May 16, 2021

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Ijaarsi teessoo gara duubaa ture haala kana fakkaatuun jigee barbadaa'e

Namoonni achi keessa jiran akka himanitti, balaan kun kan mudate wayita ayyaana warra Yihudootaa Shavuot jedhamu kabajuuf sagantaa gaggeeffamaa ture irratti.

Viidiyoo gubbaatti akka mul'atutti, waltajjiin kun jiguusaan dura waaqeffattoonni dhibbaan lakka'aman shubbisaafi faarfachaa turan.

Ministirri Muummee biyyattii Beenjaamin Neetaaniyaahuu kanneen miidhamaniif kadhachaan jira jedhan.

Manni amantaa Kiristaanotaa, Bataskaana yookiin charchii, kan Muslimootaa Masjiida akkuma jedhamu, manni sagadaa amantaa warra Ayihudootaa 'synagogue' jedhama.

Manni sagadaa kun ijaarsisaa gariin qofa xumurame. Poolisii fi qondaaltonni naannoo, kanneen sagantaa kana qopheessan gamoon kun nageenyisaa amansiisaa miti jechuun akka itti himameefi heeyyama osoo hin argatin akka qopheessanis himan.

''Ayyaana maal nadhibeefi itti gaafatamummaam haala hinqabneen qophaa'e biraatti waamamne. Kanneen [balleessan] to'annoo jala oolchina,' jechuun hoogganaan poolisii Jerusaalem Doron Turgeman miidiyaatti dubbatan.

Jewish worshippers and rescue workers stand outside a synagogue where a grandstand collapsed during a religious celebration in Givat Zeev, in the occupied West Bank, May 16, 2021

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Manni sagadaa kun West Baank to'annoo Israa'el jala jirtu keessatti argama