Qophii ayyaana amantii irratti lammiileen Israa'el hedduun walirratti kukkufuun lubbuun dabre

Wayita balaan mudatu

Madda suuraa, UGC

Kaaba-baha Israa'elitti lammiileen sagantaa ayyaana amantiif ba'an walitti heddummaatanii walirratti kukkufuun namoonni hedduun dhumuu Tajaajilli Balaa Tasaa biyyattii 'Magen David Adom (MDA)' jedhamu ibse

Jaarmiyaan kun namoonni hedduun du'uu malee lakkoofsa sirrii adda hin baafanne jedhe, dabalataan namoota hedduurra miidhaan ga'uus himeera.

Barruun Haaretz jedhamu yoo xiqqaate namoonni 44 du'uu gabaase. Tajaajilli Balaa Tasaa namoonni miidhaman baraaruu irratti xiyyeeffatee hojjetaa jira.

Ministirri Muummee biyyattii Beenjaamin Netanyahu taateen kun 'balaa hammaataadha' jedhan, kanneen miidhamniif kadhataan jira jedhan.

Festivaalli amantii kan B'Omer jedhamuun beekamuu fi Gaara Meron irratti gaggeeffamu kun erga weerarri koronaavaayirasii biyyattii seenee sagantaa isa guddicha biyyattii keessatti gaggeeffameedha jedhameera.

Bakka yaaddoon koronaavaayirasii jirutti namoonni kuma kurna hedduutti lakkaa'aman ba'anii festivaa4la kanarratti hirmaataniiru.

Balaa kana hordofee abuulaansonni hedduun akkasumas dhaabbileen tajaajila yeroo balaa bakkatti argamuun reenfa namootaa kaasaa jiru, kanneen miidhamanis baraaruu irratti argamu.

Poolisiin biyyattii namoonni bakka sanaa hatattamaan akka socho'an ajajeera.

Qondaaltonni balaa tasaa namoonni 38 akkaan miidhamuu fi ja'a ammoo sadarkaa yaaddessaarra jiraachuu ibsan, lakkoofsaan hedduu kan ta'an ammoo madaa'uu himaniiru.

Poolisiin barruu Haaretz jedhamutti akka himetti balaan kun namoonni walirratti kukkufuudhaan uumame.

Namoonni hedduun dhumuu fi hedduun miidhamuu qondaaltonni himan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni hedduun dhumuu fi hedduun miidhamuu qondaaltonni himan

Viidiyoon gadi dhiifame akka mul'isutti osoo balaan kun hin mudatin dura namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman baayyee walitti dhiyaachuun mul'ataniiru, wayitan balaan kun mudate namoonni hedduun bakka sanaa miliquuf yaalaa turan.

''Gammachuun gaddatti geeddarame, ifi gara dukkanaatti jijjiirame, kun ni ta'a jedhee namni eege hin jiru'' jedhe namni ijaan arge tokko TV biyyattii irratti.

Namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman festivaala kanarratti hirmaataniiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman festivaala kanarratti hirmaataniiru

Gabaasaan Marsariitii Ortodoksii warra Jewish Bahadrei jedhamuu Yanki Farber, taateen kun balaa suukanneessaadha jedhe.

"Namoonni kuma hedduu ta'an bakka dhiphoo fi daandii qalloo irra imaluun gadi bu'aa turan. Osooma akkanaan imalanii walirratti kukkufan,'' jechuun BBC'tti hime.

Festivaalli Lag B'Omer maali?

Lammiileen Jew amantii Ortodoksii hordofan kumaan lakkaa'aman waggaa waggaan festivaala Lag B'Omer jedhamuuf gara gaara Meron imalu.

Iddoon kun warra Jewish biratti iddoo seena qabeessa, bakka ijaarsi(siidaan) Rabbi Shimon Bar Yochai jiruudha.

Ayyaana kanaaf namoonni 100,000 dursanii akka argamanii turantu himama. Hedduun ammoo Jimaata har'aa imaluuf turan.

Ayyaanni kun bara darbe dhorkamee ture, bara kana garuu Israa'el talaallii Covid-19 kennuun milkaa'uu waan himattuuf eyyamte.