Koronaavaayirasii: Namoonni siyaasaa Itoophiyaa Covid-19 itti hammaaterraa bayyanatan maal himu?

Obbo Taayyee Danda'aan Dubbii Himaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaati

Madda suuraa, Nubia Media/Fb

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Taayyeen leenjiirra vaayirasichaan qabamuu akka hin oolle BBC'tti himan

Akka biyyoota addunyaa biroo namoonni siyaasaa Itoophiyaa vaayirasii addunyaa waliin gahen qabamuufi adeemsa keessa dabarsan ifatti ummataaf yoo dubbatan hin mul'atu.

Namoonni siyaasaa BBCn dubbiseefi koronaavaayirasiin itti hammaate akka himanitti vaayirasichi hamaa ta'uufi ummanni of dagachuu dhiisuun of eeggannoo akka cimsu watwaataniiru.

Itoophiyaan biyyoota Afrikaa namoonni hedduu vaayirasichaan itti qabaman keessaa tokkodha.

Booda kanammoo hammi namoota vaayirasichaan qabamanis ta'e du'an haalaan dabalaeera. Sireen wal'aansaafi meeshaalee deeggarsa dhukkubichaallee wal hanqachuu ogeeyyin himaniiru.

Sababa kanaaf qondaaltonni biyyatti qajeelfamoota ciccimoo hojiirra oolchuu eegalaniiru.

'Halkan shanan hafuura na kute'

Namoota siyaasaa vaayirasichi itti hammaate keessaa tokko qondaala dhaaba biyya bulchu Paartii Badhaadhinaa kan ta'an Obbo Taayyee Danda'aadha.

''Of eeggannoodhaan leenjiirra turree dhumarratti yaadannoof maaskii ofirraa fuunee suuraa kaane.

''Namoonni tokko tokko garee keenya keessa hin turres maaloo si barbaanna karaa jedhuun namootaan walitti dhudhufeen jira,'' jechuun, kana gidduutti vaayirasichaaf saaxilamuu akka malan shakku.

''Natti qorre, mataa na bowwaafate, qaama kana na caccabse, afuura kanas xiqqoo na qaqal'ise.'' Ta'us, taayifoyidii akka itti fakkaateefi haala kanaan torban tokkoof turuu dubbatu. Ergasii qoratamanii baruu himan.

''Adda of baasee manuman ture manaallee hin baane. Torban lama booda xiqqoo naaf wayyaa'e. Torban sadaffaatti ka'e hojii seene.''

Koronaavaayirasiin namootaa namootatti qixxee hin cimu. Dhukkuba biraa maddiitin warra qabanitti dhukkubni kuni ni hammaata. Ta'us, ani dhibee biraa hin qabu garuu natti cime jechuun himan.

''Anaawu ta'e garuu nama fayyaa qabu kana halkan shanan tokko akka malee na ukkaamsee mataa kana keessas waan cinqii addunyaa kana namatti fida. Akka malee mataa nama bowwaafata.''

''Akka kiyyatti halkan shanan tokko hafuura na kutee akka malee na dafqisiisee baay'ee na dadhabsiise. Yeroon jidduudhaan of wallaalerree jira.

''Gaafa tokko nan boqodha jedhee teessoorra taa'e yeroon itti kufe hin beekne. Kutaa adda of baase keessa jira. Lafattin yoggaa dammaqu lafa ture jechuudha.''

''Baay'ee hamaadha. Ummanni keenya waan kana sirriitti waan hubate hin fakkaatu,'' jechuun waan taajjaban dubbatu.

''Gara biyyaa deemeen ture. Namni maaskii hin godhatu, namni walirraa hin fagaatu, akkuma homtu hin jirreetitti isa ilaalu. Of qofaaf osoo hin ta'in maatii ofii, ollaa ofii, hiriyyaa ofiitif jecha waan kana eeggachuun hin barbaachisa.''

'Guyya sadii keessa du'uufin ture'

Namoota siyaasaa dhukkubichi itti hammaate biraa immoo Dura Taa'aa I/Aanaa Kongirasii Federaalistii Oromoo (KFO) kan ta'an Obbo Mulaatuu Gammachuudha.

Obbo Mulaatuun, ganna 68, ala qondaaltonni gameeyyii paartichaa sadii biroo qabamanii fayyuu dhaabichi BBC'tti himeera.

Kanneen dhukkubichi itti hammaate keessaa tokko Obbo Mulaatuun vaayirasichi ji'a tokko irra turuu BBC'tti himaniiru.

''Keessumaa guyyaa sadii keessatti du'udhaafin ture. Maalif qilleensi hin jiru, afuurrikoo na cita. Afura na kuteetu baay'ee na sardee ture. Isa booddee natti fooyya'aa dhufe,'' jedhan.

Obbo Mulaatuu Gammachuun Dura Taa'aa I/Aanaa Kongirasii Federaalistii Oromooti

Madda suuraa, Ethiopian Herald

Ibsa waa'ee suuraa, Dura Taa'aa I/Aanaa Kongirasii Federaalistii Oromoo kana ta'an Obbo Mulaatutti vaayirasichi ji'a tokko irra ture

''Hospitaala dhaqeera. Hospitaala dhaqee akka ani afuura baafachuu danda'u erga godhanii booda qoricha adda addaa naaf kennani,'' jechuun ergasii manatti deebi'ani adda of baasanii turaniiru.

''Baay'ee baay'ee likkii malee natti hammaate ture. It was serious (cimaa ture).''

Qondaala waggoota 10 darbaniif gahee hooggansa KFO keessa jiran kana vaayirasichi bakka owwaalchaatti akka isaan qabe shakku. Torban lamaafis itti hammaachuu dubbatan.

''Nyaata kana nyaachuu hin dandeenye. Kanaaf xinnoo narra ture'' jechuun erga itti fooyya'e boodas dadhabbiin hanga torban lamaa irra tureera.

Haa ta'u malee, ''Namni akka salphaatti ilaala,'' jechuun yaadda'u.

''Dhukkubichi baay'ee nama yaaddessa namni keenya garuu gadi fageessee waan hin fudhanneef eeggannos hin godhu, qajeelfama ogeeyyii fayyaa hin eegu nama baay'ee akkanuma argita maaskii hin kaa'atani,'' jechuun waan taajjaban dubbatu.

''Osuma biraa du'uu akkuma durii walitti maramanii nagaa wal gaafatu, wal dhungatu.''

Qeeqa Pirof. Mararaa

Dura taa'aan dhaaba KFO Pirefeesar Mararaa Guddinaallee kana dura mallattoo vaayirasichaa agarsiisaniis qorannoon taasifame gar lama ta'e jedhu.

Qorannoo si'a sadii kana dura taasisanii lama akka qabaman yoo himu, tokkommoo bilisa ta'u itti himu dubbatu. Ta'us, guyyoota afurif mallattoon ''qufaasisuu, fedhii nyaataa dhabuu, dadhabsiisuu,'' isaan qunnameera.

Alaabaa Itoophiyaa fi mallattoo Covid-19

Madda suuraa, Alexander Sanchez

Kunis ta'u, ammallee hamman danda'e ofan eega jechuun dubbatu. ''Yeroo baay'ee yoo dirqii ta'e malee asiifi achi hin deemu, manaa nyaachuun yaala.''

Ummanni caalaatti of eeguu qaba jechuun gorsu. Rakkoon guddaa mootummaa biras, ummata biras jira jechuun qeequ.

''Mootummaan ennaa barbaade iyyeeti ol kaasa, ennaa barbaademmoo nama hamma barbaade walitti qaba. Innimmoo sabaaf ergaa gaarii hin dabarsu,'' jechuun qeequ.

Ummannis, 'gaafa kaan ni rifata gaafa kaan immoo ni dagata' jechuun gorsa ogeeyyii fayyaa akka hordofu gorsu. ''Yeroo hundaa of eeguun barbaachisa, of irraanfachuun hin barbaachisu.''

Weerarri koronaavaayirasii Itoophiyaa seene dhibbaa fayyaa, hawaasummaafi diinagdee qofa miti kan dhaqqabsiise.

Sababa vaayirasii kanaan filannoon biyyaalessaa jahaffaa akka yeroo biraatti darbu taasifamuun mormii kaasee ture.

Miseensi paartii isaanii biraa Obbo Mulaatuunis mootummaan wal gahii waamaa oola jechuun himatu. Dhimma kanarratti deebii kan gaafanne Obbo Taayyeen rakkoon akka jiru amanu.

''Mootummaan walgahii yoggaa waamus darbee darbee dogongorri uumamuu hin danda'a. Hooggansi maaskii malee deemee fakkeenya hin malle ta'us ni jira.''

Gama mootummaan ummanni hubannoo vaayirasichaa akka qabaatu gama ministeera fayyaafi kaaniin sirnaan hojjetamu dubbatu.

''Wanti rakkoon jiru maalinnii, koronaan Itoophiyaa keessa hin jiru, qufaadha homaa nama hin gootu, qullubbiifi zinjibilli bira hin dabartu waan jedhu ilaalcha hin taane hawaasa keessa seenee sadarkaa sanitti tuffiin hin jira.''

Koronaavaayirasiin namoota jajjaboo dabalatee hanga ammaa sadarkaa addunyaatti namoota miiliyoona 3 fi kuma 70 ol galaafateera.

Itoophiyaattimmoo hanga yoonaa lammiileen 3,500 ol ta'an vaayirasichaan lubbuu dhabuullee Ministeerri Fayyaa himeera.

Itoophiyaan booda kana lammiileef talaallii vaayirasicha dhowwu kennuu eegaluun ishee ni yaadatama. Talaalliin kuni garuu du'a malee vaayirasichaan qabamuu waan hin dhorkineef lammiileen akka of eeggatan gorfama.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa