"Koronaan mana koo diige" - nama haadha warraa deessuu vaayirasichaan dhabe

Ajajaa dhibbaa Kaasaahun Abarraa haadha warraa isaa fi ijoollee isaa waliin
Ibsa waa'ee suuraa, Ajajaa dhibbaa Kaasaahun Abarraa haadha warraa isaa fi ijoollee isaa waliin

Bara darbe namni vaayirasii Koronaan qabame jalqabaa Itoophiyaa keessatti argamuu ministeerri fayyaa erga mirkaneesseen ji'oota muraasa booda haati vaayirasichaan qabamte tokko, daa'ima vayirasicharraa bilisa ta'e nagaan oofkaluun ishee oduu gammachiisaa ture.

Haa ta'u malee gammachuun kun yeroo dheeraa hin turre. Haati kun wal'aansa baqaqsanii yaaluun daa'imashee erge deessee torbee lama booda sababa vaayirasichaan lubbuu dhabde.

Weerarri vaayirasichaa Itoophiyaa seenuun kan mirkanaa'e waggaa har'aa Bitootessa 13 ture. Waggaa tokkoffaa vaayirasichi Itoophiyaa itti seene sababeeffachuun abbaa warraa haadha warraa deessuu vaayirasichaan dhabe iyyaafanneerra.

Ajajaa dhibbaa Kaasaahun Abarraa miseensa poolisii bulchiinsa magaalaa Finfinneeti. Haadha warraa isaa Iskadaar Kifilee waliin kan wal baran A.L.I bara 1995 ture. Hiriyummaan waggoota torbaaf erga waliin turaniin booda bara 2002 bultii ijaarratan.

Waggoota kudhan waliin jiraatan keessatti ijoollee durbaa lama kan horan yoo ta'u, mucaan isaanii sadaffaan kan wal'aansa baqaqsanii yaaluun dhalate dhiiradha.

Aadde Iskadaar erga dahumsa jala geessee ture kan vaayirasichaan qabamte.

Hanga vayirasichi gargar isaan baasutti haadha warraa isaanii waliin jaalalaan jiraachaa akka turan dubbata ajajaan dhibbaa Kaasaahun Abarraa.

"Poolisii waanan ta'eef namoota hedduu waliinan wal arga. Isheenis haga dahumsa jala geessuutti kiliinika tokko keessa hojjechaa waan turteef saaxilamoo turre," jedha.

Bara darbe wayita koronaan Itoophiyaa galuun gabaafamu ulfa kan turte Iskadaar, wayita hordoffii ulfaa godhaa turte dadhabbii fi feedhii nyaataa dhabuun itti dhagaahamaa turuu yaadata.

Mallattoon ofirratti argitu kan mallattoo koronaa yeroos miidiyaa irratti himamuun waan fakkaateef ulfa isheerratti dhiibbaa uuma soda jedhuun koronaa qoratamuu murteessite.

Saamuda kennitee manatti erga deebitee guyyoota lama booda vaayirasichaan qabamuun ishee itti himame jedha abbaan warraa ishee.

"Nuti baay'ee jeeqamne ture" kan jedhu ajajaan dhibbaa Kaasaahun, isheen of qopheessitee hanga ogeeyyiin fayyaa dhufanii fudhatanitti eegaa turuu dubbata.

Iskadaar buufata yaala Covid-19 keessatti yaalamaa akka turtu ogeeyyiin Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa halkaniin dhufanii yoo fudhatan abbaan warraa ishii ijoollee isaanii lamaan waliin manatti hafe.

Haati warraa isaa dhukkuba lubbuu gaaga'u maalummaan isaa hin beekamneen qabamtee kophaa gara jiddugala yaalaa kan geeffamte Kaasaahun yeroos maal akka godhu wallaalee burjaaja'ee akka ture hima.

Haadha warraa isaa duuka bu'ee bakka geeffamte deemuun dhukkubsachiisuuf yaadus ijoolleen kophaa ta'uun akka yaadda'e hima.

Booda gara hospitaala Eekkaa Kotabee deemus dhukkubsattoota malee namni biraa seenuu waan hin dandeenyeef gaddee ofirra deebi'uu dubbata.

Gammachuu fi Gadda

Haadha warraa isaa dhukkubsatte biratti argamee jajjabeessuu baatullee bilbilaan qunnamuuf carraa argatee ture. Guyyaa tokko bilbilaan wayita haasa'an, 'dahuu qabda jedhanii oppireeshiniin na deesisuufi' jetteen.

Kaasahuun waan ogeeyyiin fayyaa jedhanitti waliigaluun ala filannoo biraa hin qabu ture.

Iskadaar galgaluma sana naannoo sa'aa 12 wal'aansa baqaqsanii yaaluun ilma dhiiraa nagaan oofkalte.

"Sanbataa fi Dilbata itti aanu nama beektu maratti bilbiltee, 'galatni kan Waaqaa nagaan oofkaleera' jettee gammachuu ishee ibsachaa turte" jedha.

Kana jidduun Kaasahuni fi mucaan isaa dubaraa isheen quxisuu waan dhukkubsataniif wayita qorataman vaayirasichi irratti argamee isaanis gara hospitaala Eekkaa Kotabee geeffaman.

Obboleessi haadha warraa isaas vaayirasichaan qabamee hospitaalicha galuu hima Kaasaahun.

Hospitaala keessatti yeroo duraaf haadha warraa isaa yoo argu ooksijiniin godhameefi akka ture hima. Isheenis 'hin bahiin' naan jettee hanga halkan qixxeetti achuma biran ture jedha.

Guyyaa itti aanu hakimoonni haala kanaan turuu hin dandeessu jedhanii kutaa veentileetarii [meeshaa hargansuuf gargaaru] itti godhan galchan jedha.

"Yeroon sun yeroo dhumaaf kan ijaan wal agarru ta'a jedhee hin yaadne ture" jedha sagaleen gaddaan guutameen.

Ergasi kutaa isheen galte seenee dubbisuuf gaafatulleen hakimoonni hayyamuufi akka didan hima.

Haala kanaan osoo wal hin argiin guyyootaaf erga turanii booda Caamsaa 29 bara 2012 dirqama arguun qaba jedhee jabeessee hakimoota waan kadhateef akka seenee dubbisu hayyamaniif.

"Wayitan seenu Iskadaar hin turre. Nan agartu, baay'ee laafteetti sana booda anis ofin wallaale," jedha sagalee nama imimmaan hudheen.

Guyyaan sun Iskadaariif guyyaa dhumaa turte.

Haati warraa isaa deessuun daa'ima reefu umurii guyyootaan lakkaa'amu dhiiftee kan jalaa duute Kaasaahun akka waan samiin itti gombifamee, guyyaan itti dukkanaa'ee ta'e.

Kana qofa hin turre intalli isaa isheen angafaas qoratamtee poozatiivii ta'uun itti himamuun dhiphina biraa keessa isa galche.

Daa'imni reefu dhalate addatti hakimootaan kunuunsi godhamaafi ture.

"Aabyismaak" - 'Waaqi Abbaa si haa dhagahu'

Haadha warraa isaa fi haadha ijoollee isaa sadii koronaan kan jalaa fudhate Kaasahuun waggaa tokko boodallee gaddarraa hin dandamanne.

Duuti haadha warraa isaa qaawwi jireenya isaa keessatti uume maalinuu kan guutu miti jedha.

"Hirriba hin qabu. Hin rafu. Ammoo…[boo'icha]…akkanattin haadha ijoollee kootii dhabe. Mucaan koo isheen hangafaa ergasii ni jeeqamti. Baay'ee ulfaataadha…[sagalee nama imimmaan hudheen]"

Daa'ima reefu dhaalate
Ibsa waa'ee suuraa, "Mucaakoo isa dhumaa ija addaanin ilaala, gaafan isa argu waanan ishee arge natti fakkaata"

Mucaa reefu dhalate haati osoo hin du'iin dura 'Aabyismaak' (Waaqi abbaa si haa dhagahu) jettee maqaa baafteef amma ishee malee ji'a sagal guuteera.

Inni fi ijoolleen isaa shamarranii akkasumas miseensonni maatii biro vaayirasichaan qabaman irraa dandamatanillee loogiin isaanirra gahee ture ulfaataa ture jedha Kaasaahun.

"Namni hedduun nu baqate, mana kireeffachuun rakkisaa ture" jedha.

"Awwaalcha hin deemtu"

Koronaavaayirasiin nama jaalatan kunuunsanii dhukkubsachiisuu qofa osoo hin taane, boo'anii awwaallachuullee dhorke.

Kaasaahun haadha warraa isaa akka garaatti dhukkubsachiisuu hin dandeenye, akka garaatti boo'ee awwaalachuus hin dandeenye.

"Baay'ee ulfaata ture. Guyyaa tokko na waamanii 'nagaatti' jedhiin naan jedhan. 'Maal jechuudha' jedheen deebisee gaafadhe. 'Awwaalcha hin deemtu' naan jedhan. 'Maaliif' jedhee gaafannaan, 'as hospitaalaa hin bahu' naan jedhan jedha.

Kaasaahun haadha warraa isaa akka barbaadetti awwaallachuu dhabuun hanga har'aa eela natti ta'ee jedha.

Hanga ammaa du'a haadha warraa isaa amanee fudhachuun akka isa rakkisu kan himu Kaasaahun, "jireenyi natti ulfaateera, ammallee burjaaja'een jira. Bakka tokko …[boo'icha]…gahee yoon deebi'u…waanan ishee argadhu natti fakkaata" jedha sagalee ciccituun.

"Ammallee amanuun na rakkisa" jedha.

Ijoollee isaa haati haadha warraa isaa kunuunsaafi jiraatanis, inni tasgabbaa'uu dhabuun ijoollee akka jalaa hin mine yaadda'a.

"Mucaakoo isa dhumaa ija addaanin ilaala. Baay'een jaaladha. Haati warraa koo isaaf dabarsitee of laatte. Baay'ee qanansiifatti turte. Gaafan isa argu waanan ishee arge natti fakkaata."

Koronaan Kaasaahuniif diina haadha warraa isaa jalaa ajjeesee, mana isaa gammachuu guutuu qabu, gaddatti jalaa jijjiiredha.

"Koronaan mana koo diige. Haadha warraa koo jaaladhurraa adda na baase. Ijoollee koo nan arga garuu sababa rakkoo adda addaatin isaan waliin hin jiru. Maatii godoo tokko keessa gammachuun jiraachaa turre nu bittinneesse."