'Warri jiran akka jiraataniif, warra du’an lakkaa’uu qabna' - UN

Bakkee owwaalchaa

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoota Afrikaa 50 ol ta'an keessaa sirna qindaawaa lakkoofsa namoota du’an galmeessu kan qabu biyyoota saddeet qofa ta'u qorannoon BBC qorattoota UNECA waliin taasise ifoomse.

Kuni ammoo mootummaan gadda namootaaf beekamtii kennuu dhiisuurra darbee imaammata biyyaa baasuurratti dhiibbaa ni qabaata.

Albaaniyaa fi Monaakootiin alatti biyyooti Awurooppaa garuu hundi sirna galmee namoota du’anii qabu jedha odeeffannoon Mootummota Gamtoomanirraa argame.

Afrikaa keessaa garuu Masrii, Afrikaa Kibbaa, Tuuniiziyaa, Aljeeriyaa, Keep Vardee, So’aatoomee Piriinsiippee, Siisheels fi Mooriishiyas qofaatu sirna du’a namootaa galmeessu qaba.

Biyyooti kaan garuu lakkoofsa du’aa galmeessanillee karaa sirnaawaa fi odeeffannoo guutuu kennuu danda’u miti.

Keessumaa biyyoonni du'a galmeessanii bifa dijitaalawaa ta'een ol hin keenye ragaa isaanii sadarkaa idil-addunyaarratti faayidaarra oolchuudhaaf rakkisaa taasiseera.

Odeeffannichi biyya sanaaf fayyaduu danda’a taha garuu du’a akka addunyaatti jiru shallaguuf hin oolu.

Yeroo dhukkuboota kanneen akka Ebolaa fi koronaavaayirasii eenyutu, eessatti du’aa jiran kan jedhu galmeessuun maallaqaa fi leecalloo ramaduuf gargaara.

Kuni du’a haadholiifi daa’immanii irrattis dhiibbaa qaba sababiinsaa daa’imman dhalachuu fi du’uun isaanii yeroo baayyee hin galmaa’in hafa.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Koomishinii Diinagdee Afrikaa (UNECA)'tti daariktarri lakkoofsa ummataa, Wiiliyaam Muhwaavaa, kun ‘mirga eenyummaa’ namootaa irraa fudhachuu qofa osoo hin taane, maaliif akka du'anillee barnoota irraa fudhachuu dhabuudha jedhan.

‘’Warri jiran akka jiraataniif, warra du’an lakkaa’uu qabna,’’ jedhu UN’tti Fandii Lakkoofsa uummataarra kan hojjetan, Romesh Siilvaan ammoo.

Yeroo baayyee duuti isaanii kan hin galmeeffamne warra hiyyeeyyiifi hawaasarraa qollifamanidha. Duuti isaanii hin beekamu jechuun sababii itti du’an furuufis waanti godhamu hin jiru jechuudha.

Kan koronaavaayirasii Immoo biyyoota tokko tokko keessatti hangam dhiibbaa gochaa akka jiru hin beekamu.

Afrikaatti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin du’anii baayyee xiqqoo tahuun himamaa tureera.

Garuu daataan saayintistoonni jedhan lakkoofsa namoota du’an shallaguun hin danda’amu, sababiin kanaammoo sirna galmee qindaa’e dhabuudha.

Du’a Covid-19 lakkaa’uu

Excess death-lakkoofsa namoota du’anii kan warra bara darbe du’an waliin dorgomsiisuun namoota du’u jedhamanii eegaman hima. Kuni galmee du’aa isa guutuudha.

Kuni namoota dhukkubichaan waliigalatti du’an nutti agarsiisa.

Kana malees, du’a sababa kanaan wal-qabatee dhufu agarsiisa, fakkeenyaaf kanneen akka dhiphina hospitaalaan namoota yaala dhabanii du’an, hospitaala deemuu sodaachuufi diinagdeen gadi bu’uu fa’i.

Qorannoon Laanseent jedhamu akka agarsiisuutti biyyooti galii gad-aanaafi gidduugalaa qaban 118 keessatti sirni fayyaa sababa koronaavaayirasiin jeeqamuun du’a namoota miiliyoona 1 oliif sababa taheera; haadholiin 56,700 tahaniis du’aniiru.

Afrikaa Kibbaafi Masriin biyyoota sirna lakkoofsa du’a qindaa’aa qaban keessaa waan tahaniif du’a namootaa tilmaamuun bu’aasaa himuun ni danda’ama.