Koronaavaayiras፡ Afriikaan Kibbaa talaallii Covid isa jalqabaa pirezidaantii biyyattiif kennuun eegalte

Madda suuraa, @CyrilRamaphosa
Afriikaan Kibbaa talaallii Covid-19 isa jalqabaa pirezidaantii biyyattii Siiri Raamaafoosaaf kennuun eegalte.
Pirezidaant Raamaafoosaan hospitaala magaalaa Keeppitaawon keessatti ija kaameeraa miidiyaalee fuulduratti talaallii kana fudhatan.
Erga talaallicha fudhatanii booda ergaa Twitter isaanirratti barreessaniin, ''talaallicha fudhachuun saffisaa, salphaa fi kan nama hin dhukkubneedha,'' jedhan.
''Ogeeyyiin fayyaa keenya weerara koronaavaayirasii ittisuu keessatti adda duree waan ta'aniif jalqabarratti talaallii kana fudhachuuf galmaa'uu qabu'' jechuunis dhaamsa dabarsan.
Talaalliiwwan biyyattiin gara biyyaa galchuuf karoorfatte keessaa talaalliin Johnson and Johnson jedhamu dooziin 80,000 ta'u, Kibxata galgala gara biyyashee galuu ibsiteetti, Afriikaan Kibbaa.
Ministirri Fayyaa biyyattii Ziweeluu Mikiizhee fi ogeeyyiin fayyaa biroonis namoota jalqabarratti talaallii kana fudhatan keessaati.
''Guyyaan kun nuti lammii Afriikaa Kibbaaf boqonnaa haarawa bakka nuuf bu'a. Dhumarrattis talaallichi nu bira ga'ee namoonni fudhachuu eegalaniiru,'' jedhanii, erga pirezidaant Siiriil Raamaafoosaan talaalamanii booda dubbataniiru jechuun marsariitiin 'News 24' jedhamu gabaaseera.
Afriikaa keessaa weerara koronaavaayirasiin daran kan hubamte Afriikaan Kibbaa jalqaba talaallii kana kan gaafatte torbee darbe ture.
Akaakuun koronaavaayirasii haaraa dhalate gosa talaallii AstraZeneca jedhamu dandamachuu danda'a sodaa jedhuun haga yoonaa osoo hin argatin turte biyyattiin.
Gosi talaallii 'Johnson and Johnson' jedhamu al-tokko qofaa kan kennamuu fi kennuufis salphaa akka ta'etu hiamama.














