'Akaakuun Covid haaraan talaallii dandamachuu mala' -yaaddoo saayintistoota Afriikaa Kibbaa

Akaakuun Covid haaraan talaallii vaayirasichaa dadhabsiisa sodaan jedhu Afriikaa kibbaa keessatti cimeera

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Akaakuun Covid haaraan talaallii vaayirasichaa dadhabsiisa sodaan jedhu Afriikaa kibbaa keessatti cimeera

Biyyoota Afriikaa keessaa weerara koronaavaayirasiin daran kan dararamaa jirtu Afriikaan Kibbaa, akaakuu vaayirasichaa haaraa qabaachuudhaanis akkasuma yaaddoo keessa jirti.

Saayintistoonni biyyattii inumaa akaakuun vaayirasii haaraan kun talaallii yeroo ammaa hojiirra oolaa jiru kan dandamatuu fi dandeettii ittisa talaallichaa kan dadhabsiisuudha jechuun yaaddoo qaban ibsu.

Yaaddoonsaaniis lafaa ka'ee akka hin taanee fi sababa ga'aa akka qaban ibsan.

Talaalliin koronaavaayirasii UK fi biyyoota addunyaa kanneen biroo keesatti kennamuu akkuma eegalee jiru dhimmoota akkanaaf xiyyeeffannaa kennuun akkaan barbaachisa jedhu saayintistoonni kunneen.

Wantoonni xiyyeeffannoo barbaadan akkanaa ilaalcha keessa hin galfaman taanaan talaallichi bu'a qabeessa ta'ee itti fufuunsaa yaaddodha jedhan.

Yaada saayintistootaa maal?

''Kun yaaddoo yaada qorannoo(tiyoorii) ti. Yaaddoo sababa qabuudha. Akaakuun vaayirasichaa Afriikaa Kibbaa jiru talaallicha daran akka dandamatuudha.'' jedhan, hojii talaallii Oksifoordi-AstraZeneca kan Afriikaa Kibbaa kan dursan Pirofeesar Shabir Madhi.

Pirofeesar Madhi hojii fi adeemsa mootummaa fi saayinstistoota UK irratti yaada kennaa turan.

Saayintistoota biratti yaaddoo guddaa kan uume sababi ijoon akaakuun vaayirasichaa akkaataa UK keessatti faca'aa jiru Afriikaa Kibbaa keessatti tatamsa'aa jiraachuusaati.

Akaakuun vaayirasii kun bifa haaraan ka'ee weerarri biraa yoo eegale ammoo dandeettii vaayirasicha ofirraa ittisuu dhalli namaa horatee ture laaffisuun keessa seenuu danda'a jedhu Pirofeesar Madhi.

Talaalliin qaamni namaa akka madinummaa horatu barsiisa-kunimmoo dandeettii qaami keenya vaayirasicha ofirraa loluuf qabu dabalata.

Pirofeesar Madhi akka jedhanitti akaakuun koronaavaayirasii haaraan Afriikaa Kibbaa keessa faca'ee jiru talaallii vaayirasichaa guutummaatti hojii dhabsiisa osoo hin taane ni dadhabsiisa.

Bu'aa talaalliin kun fiduu danda'urratti dhiibbaa uuma jedhan.

Afrrikaa Kibbaa Yuuniversitii Wits keessatti Ogeessa talaallii kan ta'an Pirofeesar Helen Rees, ''akka carraa ta'ee akaakuun vaayirasii haaraa kun yoo talaallii fooyya'aa isaaf ta'u kan barbaadu ta'e, talaalliiwwan karaarra jiran bifa kanaan fooyya'anii ba'uu danda'u'' jedhan.

Afriikaan Kibbaa, akaakuun vaayirasii haaraan biyyashee keessatti mul'ate kan UK caalaa saffisaan tatamsa'a jechuun yaada mootummaa UK irraa dhiyaate kuffisteetti.