Koronaavaayirasii: Afriikaan Kibbaa shayii fakkeessuun alkooliin akka hin gurgurre akeekkachiifte

Madda suuraa, Getty Images
Ministeerri poolisii Afrikaa Kibbaa manneen nyaataa biyyattii qodaa shayii itti dhugan keessa alkoolii dhoksanii akka hin gurgurre akeekkachiise.
Biyyattiitti facaatiin koroonaavaayirasii waan dabaleef irra deebiin gurgurtaan dhugaatii dhorkameera.
Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaaposaa namoonni dhugaatii dhuganii vaayirasicha 'chilleessan' facaatii vaayirasichaa dabalaa jiru jechuun gaafa Wiixataa dhorkaan haaraa yeroo labsame dubbatan.
Torban lama dura ture gosti Covid haaraa ta'eefi saffisaan tamsa'u Afrikaa Kibbaatti kan argame.
Akka uggura biyyattiin keessetti taanaan namoonni halkan sa'aatii sadii hanga ganama sa'aatii 12'tti manaa bahuu hin danda'an.
Owwaalchaaf qofa walgahuu danda'u. Suuqonni, manni dhugaatiifi kaan galgala sa'aatii lamatti cufamu.
Ibsa gaafa Kibxataa kennaniin Ministeerri Poolisii biyyattii Beeki Seele manneen nyaataa seera cabsanirraa eeyyamni daldalaa fuudhama jechuun akeekkachiisaniiru. Dabalataan, himatamuu akka malan himan.
''Alkoolii meeshaa shayii itti dhugan keessa akka hin naqne. Bucculee barreeffamni 0% jedhu keessa alkoolii akka hin naqne. Tooftaa keessan beekna, akkana akka hin goone,'' jechuun Obbo Seelen dubbatan.
Dhorkaan dhugaatiirra gaafa Wiixataa kaa'ame hanga walakkeessa Amajjiitti tura. Kana raawwachiisuuf immoo waraanni poolisii gargaara.
Erga vaayirasichi mudateen as guyyaa Dilbata darbe namoonni miliyoona tokkoo oli vaayirasichaan qabamuun, Afrikaa Kibbaan Afriikaa keessaa biyya jalqabaa taatetti.
Namoonni 27,000 caalan vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















