Lubni 'koronaavaayirasiin hin jiru’ jedhan mana hidhaa buufaman

Madda suuraa, GETTY IMAGE
Poolisiin Raashiyaa luba koronaavaayirasiin jiraachuu haalan gadaamii keessaa barbaadani qabuun hidhani.
Himannaa abbaa Sergiyitti dhiyaate keessaa tokko, ijoolleen akka of ajjeessan jajjabeessa kan jedhu fa’aa of keessatti qaba.
Bataaskaanni Ortodoksii Raashiyaa akka hin barsiifne uggurtullee lubni kun bataskanaa dhiisanii bahuu didaniiru.
Abbaa Sergiyi weerarri koronaavaayirasii hin jiru jedhanii vaayirasichi jiraachuusaa haalaa turan.
Abbaan amantaa dhimma walfalmisiisaa dubbachuun beekaman kun ajaja fayyaa hawaasaaf bahe hojiirra oolchuu didnaan, Ebla darbe akka hin barsiifne, Caamsaa keessammoo mirgi masqalii keewwachuusaanii irraa mulqameera.
Abbaa Sergiy gadaamiin Isridniralisk jalqaba bara 2000 kessaa akka hundaa’u nama gargaaaranillee turan.
Hordoftoonni isaanii dhibbaan lakkaa’aman waggootaaf lallabasaanii dhaga’uuf garasitti yaa’aa turan.
Qondaaltonni Raashiyaa ji’oota muraasaan dura iddoo kadhannaa isaanii cufuun, tibbana luba kana hidhaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Abbaa Sergiy Kibxata darbe poolisiin wayita to’atu, hordoftootonni isaanii poolisii waliin sa’aatii tokkoof walitti bu’aniiru.
Namoonni qawwee hidhatanii gadaamicha eegan mormitoota Raashiyaan deeggartuu kanneen walitti bu’iinsa Baha Yuukireen keessa qoodan qaban jedhamee yaadama.
Walitti bu’iinsa kana hordofee Monooksee sadii dabalatee, namoota hedduurra miidhaan salphaan qaqqabeera.
Sana booda hordoftootnni qeesichaa dhaamsa viidiyoo tokko maxxansaniiru.
Lubni kun ’’Yaa gooftaa dhiifama godhiif, waan godhan hin beekanii, siruma yoo kana raawwataniyyuu dhiifama godhiif’’ jechuun namoota qabuu dhaqanitti dubbatan.
Himannaan Abbaa Sergiy irratti dhiyaate marsariitii tajaajila oduu biyyattii Ura.ru jedhamurratti maxxanfame, ‘‘monoksoonni 10 gadi hin taane akka of ajjeesaniifatti ifatti gaafatan’’ jechuun viidiyoo waraabame Yuutiyuubiirratti maxxansaniiru jedhuuni.
Yeroo amantootatti lallaban abbaan amantii kun daa’imman dabalatee, amantoota kaanittis ‘Raashiyaaf fannifamuuf qophiidhaa?’ jedhanii gaafataa turan.
Aabba Sergiy eenyu?
Duraan poolisii kan turan yoo ta’u, ajjeechaa raawwachuun waggoota 13 hidhamanii turan. Maanguddoon kun bara 1990 keessa mana hidhaatii gadhiifamani turan. Maqaan isaanii jalqaba Nikolayi Romanoov yoo ta’u, maqaasaanii kana jijjiirrataniiru.
Lubni kun duraaniis dhimmoota walfalmisiisaa hedduu kan uuman yoo ta’u, Kiristoosiin kan morman dhiyeenyatti akkuma gitasaanii Vilaadimiir Puutiniitti Raashiyaa keessaa ni ka’u jechuun yaadni dhiyeessan yaada walfalmisiisa dubbatan keessaa isa tokko.














