Raashiyaatti namoonni torba saanitaayizara harkaa dhuganii du'an

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaa naannoo Saayibeeriyaa bahaatti namoonni torba erga saanitaayizara harka qulqulleessuuf oolu dhuganii booda lubbuu dhaban.
Saanitaayizarri kun metaanoolii %69 of keessaa qaba jedhameera.
Garee kanniin keessaa, dubartiin tokko ganda Tomtor jedhamtu mana keessa oggaa duutu, kaan ammoo hospitaala keessa du'uu miidiyaaleen Raashiyaa gabaasaniiru.
Ammallee namoonni lama kutaa hordoffii addaa keessa, deeggarsa ventileetaraan jiru.
Bakka jarri kun walitti qabamanii turanitti, jeerikaanni abbaa liitra shanii kan saanitaayizara of keessaa qabu argameera.
Miidiyaan REN TV akka gabaasetti, gareen hiriyootaa kun saanitaayizara kana kan dhugan, irbaataaf walitti qabamanii bakka turanitti.
Erga taateen kun dhagahamee oomishni kun kutaa biyyaa Yakutia jedhamtu keessatti akka hin gurgurmane, gabaa keessaa baheera.
Yaakutiyaan naannoo bal'ina lafaa guddaa qabu wayita tahu, wayita qorraatti qilleensi hanga digirii seentigireedii -20 gadi bu'a.
Akka gabaasaaleen jedhanitti, oomisha kanarratti metaanolii hangam akka qabu sirriitti itti maxxanfamee hin ibsamne.
Waggaa waggaan Raashiyaatti gabaasaalee kanneen alkoolii garmalee dhugan du'uu dhagahuun kan baratamedha.
Jarri kun sababa fedhii dhugaatii isaanii vodka dhuguu waan hin dandeenyeef, dhangalaa'oo miidhaa geessisan dhuguun balaaf saaxilamu.
Taateewwan akkasii keessaa inni hamaan dhiyeenyatti mudate bara 2016'tti oggaa tahu, Saayibeeriyaa bakka Irkutsk jedhamutti, namoonni 62 looshinii qaama dhiqannaa metaanol of keessaa qabu dhuganii du'ani.
















