Tuuniziyaatti namootni jaha Iida irratti alkoolii falame dhugan du'an

Madda suuraa, Getty Images
Tuniiziyaatti Dilbata irraa eegaluun namoota alkoolii faalame dhugan keessaa namootni jaha du'an. Namootni 30 ammoo yaalamuun bayyaannataniiru.
Alkoolii namootni kunneen dhugan manatti kan qophaa'e yoo tahu xumura sooma ramadaanaa irratti ture.
Namootni alkoolicha dhugan magaalota garaagaraa keessatti ture.
Tajaajilli oduu mootummaa TAP jedhamu dubartii fi namni biraa tokko magaalaa Hajeb Al Ayoon alkoolicha manatti oomishuun rabsan jedhamuun shakkaman to'atamuu ibseera.
Poolisiin alkoolii faalame litira 87 tahu to'achuus ibsameera. Keemikaalli Meetaanol jedhamu alkoolii manatti oomishuuf itti fayyadaman hanga jaamsutti balaa qabaachuu danda'as jedhama.
Tuniiziyaatti waggoota baay'eef namootni hedduun sababa keemikaala metanool jedhamu kan alkooliin ittiin hojjetamu kanaan miidhamaa turan.
Gatiin ittiin gurguramu rakasa waan taheef alkoolii manatti oomishamu kana namoota hedduun karaa seeraan alaa bitanii fayyadamu.
Keesumaa namootni harka qalleeyyiin alkoolii kana bituun fayyadamu. Tuniiziyaan weerara koroonaavaayirasii ittisuuf jecha biyyoota Afrikaa jalqaba irratti tarkaanfii cimaa fudhatan keessaa tokkodha.
Biyattiitti namootni 1000 caalan vaayirasichaan qabamanii namootni 48 du'uun namootni 919 tahan bayyaannataniiru.
















