Gootota koronaavaayirasii Afrikaa ja'an: Shubbistuurraa hanga dizaayinaroota faashiniitti

Shubbistuu mudhii Tuniiziyaa

Madda suuraa, Reuters/Adene's Farm Flowers

Afrikaa keessatti yeroo weerara koronaavaayirasii irratti duulamaa jiramu kanatti namoonni kaan ammoo carraaqicha gargaaruu waan addaafi ajaa'ibaa ta'e hojjechaa jiru.

Oduuwwan hamilee namaa jajjabeessan jaha kan gootonni guyyaa guyyaan hojjetan akka itti aanutti dhiyeessineerra.

1) Faashinii uffata dubartootaa irraa gara gaawonii ogeessota fayyaa qapheessuutti

Uffata dubartootaa qopheessuurraa gara gaawonii hakiimotaatti

Madda suuraa, Fashion House

Ibsa waa'ee suuraa, Uffata dubartootaa qopheessuurraa gara gaawonii hakiimotaatti

Biyya Liibiyaatti faashinii uffata dubartootaafi ufannaa manneen amantaa qopheessuun maqaa gaarii qabu gara gaawonii hojjetoota fayyaa haalaan miidhagaa ta'e hojjetee dhiyeessuutti jijjiirame.

Magaalaa guddoo Liibiyaa, Tiriipoolii keessatti dubartoonni ja'a warshaa huccuu Faashin Hawuus jedhamu keessatti doktorootaafi narsootaaf uffata yeroo wallaansa fayyaa kennan uffachuuf mijatu tolchaa jiru.

Dubartoonni warshaa faashina itti qopheessaa turan kana gara uffata ogeessonni fayyaa uffataniitti kan jijjiiran fedhuu isaaniitiin. Hundi isaanii fedhii guutuufi gammachuudhaan kan hojjechaa jiran yoo ta'u gariin isaanii hojjetaadhuma warshichuma keessa bulaa jiru.

Marsaa duraatiin uffannaa ogeessota fayyaa guutuu 50 kan qopheessan yoo ta'u marsaa lamaffaaf qopheessuufis hojiitti jiru.

Hojjetoonni mana Faashin Hawuus uffata ogeessota fayyaa yeroo hojjetan

Madda suuraa, Fashion House

Ibsa waa'ee suuraa, Hojjetoonni mana Faashin Hawuus uffata ogeessota fayyaa yeroo hojjetan

Hojjetoonni fayyaa hospitaala magaalaa Tiriipoolii jalqaba torban kanaa yeroo uffanni kun isaaniif tolfamuuf safarataa turan baayyee gammadanii, kaka'umsa jirus jajatan.

"Yaadni qajeelaa kun kan jalqabame yeroo doktarri hospitaala al-Jalaal magaalaa Tiriipoolii keessatti argamu tokko abbootii qabeenyaa gargaarsaaf gaafatetti ture," jechuun warra Faashin Hawuus hundeessan keessaa tokko kan taateefi shamarreen umurii ganna 26 Naajwaa Xaahir Shukurii BBCtti dubbatte.

Mana biraandii uffataa kana kan jalqabde waggaa dura yoo ta'u yeroo fedhii qabdu guuttachuuf baballisaa jirtutti ture rakkoo uffata ogeessota fayyaa jiru guutuuf garasitti kan jijjiirte.

Isheeniifi namoonni hodhuun ishee waliin hojjetan uffata wallaansa fayyaa caalmaatti omishuu barbaadu meeshaafi maashina ittiin hodhan dabalataa argachuudhaaf magaalaa walitti bu'insaan diigamte sana keessatti argachuun rakkoo itti ta'eera.

2) Mana kunuunsa fayyaa dura abaaboon faayuu

Namoonni hojii faayaatti bobba'an manneen kunuunsi fayyaa itti kennamu bira deemuun abaaboon hedduun faayuun miidhagsu

Madda suuraa, Adene's Farm Flowers

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni hojii faayaatti bobba'an manneen kunuunsi fayyaa itti kennamu bira deemuun abaaboon hedduun faayuun miidhagsu

Weerarri koronaa kun sagantaawwan cidhaa hedduu qabamanii turan hedduun akka haqaman taasiseera. Sababa kanarraa kan ka'een abaaboowwan hedduun faayidaa malee akka cooligan ta'aa jira.

Hata'u malee, gareen hojii abaaboon faayuutti bobba'an handhuura magaalaa wayinii omishuun Afrikaa Kibbaa keessatti beekamtu Paarl, walitti dufanii waan badaa keessaa kan baayyee gaarii ta'e hojjechuuf murteessan.

Warshaa Abaaboo Adenee jedhamurraa abaaboo 600 gumaachameen mana maanguddootaa Huis Vergenoegd Old Age Home jedhamu dura miidhagsan.

Jiraattota mana Huis Vergenoegd Old Age Home kan Paarl, Afrikaa Kibbaa keessatti argamu yeroo faayaa abaaboo daawwatan

Madda suuraa, Adene's Farm Flowers

Ibsa waa'ee suuraa, Jiraattota mana Huis Vergenoegd Old Age Home kan Paarl, Afrikaa Kibbaa keessatti argamu yeroo faayaa abaaboo daawwatan

Walakkeessa ji'a Bitootessaa irraa kaasee jiraattonni mandara maanguddotaa mana cufatanii jiru. Garuu foolii gaarii abaaboo qe'ee isaanii faaye kana gadi bahanii suufaniif hayyamameef ture, jedhu aanga'aan omisha ababoo fuula feesbuukii isaarratti.

Namoonni hojii kana argan hedduun gocha kana baayyee jajan.

"Konkolaatonni baayyeen kilaaksi gochuun gammachuufi dinqisiifannaa isaanii dhageessisaa darbu, namoonni lafoos ta'e kan karaa sana darbu hunduu dhaabbatanii daawwatu. Abaaboon sun naannoo sanatti gammachuu horeera," jedha namni ababoo omishu tokko.

3) Abbaan qabeenyaa mana jireenyaa 'Dream' jedhamu kiraa manaa hin gaafadhu jedhe

Keeniyaatti abbaan qabeenyaa mana kireessu tokko kireeffattoota isaa 34 ta'aniin kiraa manaa kan ji'a Bitootessaafi Eblaa irraa hin fudhadhu jedhan. Abbaan qabeenyaa kun weerarri dhibee kanaa kireeffattoota isaa rakkoo maallaqaa yaaddessaa keessa isaan waan galcheeruuf isaan kaffalchiisuu hin qabu jedhe.

Namni Mikaa'el Mununee jedhamu kun appartaamaa 28 kaawontii gama lixaa magaalaa Naayiroobii Niyaandaarawu jedhamuu kan qaban yoo ta'u, tokkoo tokkoo isaanii shilingii Keeniyaa 3,000tti kireessu.

Kana malees, manneen biizinasiif oolan ji'atti shilingii 5000tti kireeffamus ni qabu.

Abbaan qabeenyaa kun yoo kireeffattoonni isaa hunduu hin kaffaliiniif hafan shilingii 200,000 dhaba.

Mr Muneeneen TV dhuunfaa NTV jedhamu irratti dhiyaatanii hojii qajeelummaa hojjetan kana erga dubbatanii namoonni baayyee isa galateeffachaa jiru.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Presentational white space

Yeroo tokko kireeffataan ture, kanan kaffalu dhabee manaa akka isa ari'an kan yaadatu duubata abbaan qabeenyaa kun.

"Kireeffattoonni koo kun yeroodhaa ana bira jiru kiraan isaan anaaf kaffalanis wanta baayyee akkan ittiin hojjedhu na gargaareera," jedhan.

"Kanaaf, ani yeroon kun yeroo isaan waliin hojjetaniifi walgargaaran akka ta'en murteesse."

Gaazexaa tokko irrattis maqaan isaanii ka'ee abbaa qabeenya manaa "gara laafessa" jedhameera.

4) Shamarree shubbisa mudhiin karaa toora interneetii namootaaf shubbistu

Shamarree shubbisa mudhiin karaa toora interneetii namootaaf shubbistu

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Shamarree shubbisa mudhiin karaa toora interneetii namootaaf shubbistu

Biyya Tuniiziyaatti shubbisa mudhiitiin kan beekamtu Nermiin Sifaar namoota mana cufatanii jiraniif shubbisa karaa toora interneetitiin gadhiisuun biyyoota Afrikaa Kaabaa boharsaa jirti.

Galgala yeroo mara mana ishee keessaa shubbisaa kallattiin kanisheen tamsaastu namoonni hedduu itti gammadu. Torban darbe keessa viidiyoo isheen gadhiistu kana namoonni miliyoonaan lakkaa'aman daawwataniiru.

Viidiyoon shubbisaa kun osoo dhorkaan mana turuu hin jalqabamiin ture kan eegale. Tuniiziyaa keessatti qajeelfamni mana turuu Bitootessa 29 ture kan jalqabame.

Nermiin Sifaar namoota mana cufatanii jiraniif shubbisa karaa toora interneetitiin gadhiisuun biyyoota Afrikaa Kaabaa boharsaa jirti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Nermiin Sifaar namoota mana cufatanii jiraniif shubbisa karaa toora interneetitiin gadhiisuun biyyoota Afrikaa Kaabaa boharsaa jirti.

Duula karaa miidiyaa hawaasummaa akka namoonni mana turan jajjabeessituun "Mana turaa animmoo isiniif nan shibbisaa" kan jedhuun baayyee beeksisaaa jirti.

Duulli isheen gaggeessitu kunis galma ga'eeraaf. Namoonni kuma hedduutti lakkaa'aman galgal galagala haalaan daawwatu. Viidyoon torban darbe ishee gadhiiste ammoo miliyoona lamaa ol daawwatameera.

5) Weellistuun beekamtuu Hamalmaal Abaatee mana jireenyaashee wiirtuu kunuunsaa akka ta'uuf kennite

Weellistuun beekamtuu Hamalmaal Abaatee mana jireenyaa ishee wiirtuu kunuunsaa akka ta'uuf kennite
Ibsa waa'ee suuraa, Weellistuun beekamtuu Hamalmaal Abaatee mana jireenyaa ishee wiirtuu kunuunsaa akka ta'uuf kennite

Weelistuun beekamtuu Itoophiyaa Hamalmaal Abaatee mana jireenyaashee namoonni sababa koronaavaayirasiif adda baafamanii turaniif akka oolu kennite.

Dhuma ji'a darbee mootummaan Itoophiyaa nanigara biyyattii dhufu kamiyyu baasii ofii isaatiin guyyoota 14f hoteela keessatti adda of baasee turuu qaba jedhee ture.

Hamalmaal Abaatee baroota 1990 keessaa siboota afaan Amaaraafi Afaan Oromootiin baayyee beekamti.

Hamalmaal Abaatee manashee fuulduratti
Ibsa waa'ee suuraa, Hamalmaal Abaatee manashee fuulduratti

"Namoonni adda of baasanii turuu barbaadanis namoota keenyadha," jette Hamalmaal.

"Namoonni biyya alaatii dhufan tokko tokko hoteela adda itti of baasanii akka taniif qophaa'e kaffalatanii turuu danda'u. Hata'u malee, warri kaffalachuu hin dandeenyes ni jiru. Isaanis warruma kaaniin qixa keessumeeffamuu qabu."

Manni Hamalmaal kun mana jireenyaa naannoo Makkaanisaa, Finfinneetti argamudha.

Hamalmaal namoota baayyee mana jireenyaa isaanii tolaan akka namoonni biyya alaatii dhufan kaffalachuu hin dandeenye kaassatti adda baafamanii turaniif gumaachaa jiran keessaa tokkodha. Namoonni hedduun yeroo biyya alaatii galan bakki baayyeen keessatti adda of baasuun turan hir'inni jiraachuu mala kan jedhu sodaan jira.

6) Taphataan beekamaa yeroo dhorkaa manaa bahuu deggartootaa nyaata danda'uu

Karra eegaan Pilaatiwuu Yunaayitid Chineduu Anoozii

Madda suuraa, LMC Media

Ibsa waa'ee suuraa, Karra eegaan Pilaatiwuu Yunaayitid Chineduu Anoozii

Diviziyoonii Piriimerii biyya Naajeeriyaatti taphataan kubbaa miilaa beekamaa deggertoota isaa afuriif yeroo weerara koronaavaayirasii akka mana keessa turamuuf labsametti kan ittiin nyaatan hin qabneef akka ittiin dabarsaniif maallaqa kenneef.

Karra eegaan Pilaatiwuu Yunaayitid Chineduu Anoozii tokkoo tokkoo deggartoota isaa afraniif naayiraa 5,000 kenneef.

Kennaan kun guddaa ta'uu baatus ergaa kan qabanirraa walgargaaruu yeroo itti barbaachisu akka ta'e garuu ni dabarsa.

Gaazexeen Naajeeriyaa Vaangaard jedhamu akka barreessetti harki Anoozii diriiree goolii qolatu hiyyeessotaafis diriireera jedhe.

Gareen Anooziin keessa taphatu dursaa kan jiru yoo ta'u, taphoota darba 10 keessatti gooliin itti hin lakkoofsifamne.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa