Raashiyaa: Namtichi koronaavayirasiin qoose hidhaa seene

Madda suuraa, Getty Images
Poolisiin Raashiyaa magaalaa Mooskoo namticha dhukkubsataa koronaavaayisiin qabame akkeessuuf buufata baaburaatti qoosaaf kufe qabee hidhuu qondaaltonni biyyatti himan.
Viidiyoon toora intarneetiirratti maxxanfame, namni golgaa(mask) funyaanitti haguuggatee dhaabachuu akka waan dadhabeetti iddoo buufata baaburaa imaltootni itti heddumatan keessatti kufee tokko agarsiisa.
Wayita akka waan dhaabbachuu dadhabeetti dadarbatamee kufu namni muddamaan biraa baqatan.
Boodarra pooliisiin beekamu seeran ala jeequmsa uumuudhaan shakkee qorachuu eegale. Namni kun balleessaa raawwachuun irratti raggaasifamnaan waggaa shaniif hidhama.
Ministirri Dhimma biyyaa keessaa biyyatti Wixata kana hidhamuusaa mirkaneessaniiru.
Vidiyoo waraabame kanarratti namoonni shakkamaan kun vaayiraasiin qabamuusaa iyyaanii dubbatanis barbaadamaa jiraachuus himaniiru.
'Namni shakkamaa kana deeggaru vaayirasii hamaatu keessa jira jedhee imaltoota wareersaa ture' jedhan dubbi himtuun Ministira dhimma biyya keessaa Raashiyaa Iriinaa Voolk himteetti.
Marsariitiin oduu Raashiyaa Vest jedhamu toora tiwitaraa gubbaatti ''Qoosaa garmalee to'annaan ol ta'e' jedhee barreesse.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Viidiyoon jalqaba marsariitii Kara.prank jedhamurratti Guraandhala 2 maxxanfame tooricharraas haqameera.
Ogeessi seeraa akka abukaatootti shakkamaa kanaaf dhaabbate, 'naasuu hamtuu keessa jira. Namni kun kanatu dhufa jedhees akka hin eegne' dubbate.
Qondaalli dhimmicha qorataa ture galmeen himannaa kun tarii adda cituu mala jedhee gaazexaa Raashiyaa tokkotti himeera.
Weerarri koroonaavayirasii Chaayinaatti lubbuu namoota 1,000 olii galaafateera. Vaayirasiin kun biyyoota 20 olittis tamsa'eera- isaan keessaa lama Raashiyaatti mul'ate.
Qondaaltonni Raashiyaa namoota 144 Saayibeeriyaatti sakatta'aniiru. Bakki kuni iddoo namoonni dhibichaan qabaman itti yaalamanitti dhiyootti argama.
Fuulatti golgaan keewwatamu vaayirasichaan akka hin qabamne daangeessuuf fayyada, ogeeyyin garuu shakkii qabu.
Dhibee kanaan namni qabamee hoo'i qaamaa olaanaa qabaata, ni qufaasisa, harganuu dadhabuu fa'aatu irratti mul'ata.













