Ameerikaatti sababa Covid-19’n umriin jireenyaa ni hir’ise

Weerarri Covid-19 hammi umrii jireenyaa lammiilee Ameerikaa akka hir'atu taasise keessaa isa ijoodha jedhameera

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Weerarri Covid-19 hammi umrii jireenyaa lammiilee Ameerikaa akka hir'atu taasise keessaa isa ijoodha jedhameera

Ameerikaatti umrii jireenya namaa waggaa walakkaa 2020tti gadi bu’eera, weerarri koronaavaayirasii immoo sababa jedhame.

Umriin jireenyaa uummata waliigalaa gara waggaa 77.8tti gad-bu’eera jedhe Wiirtuun To’annoo Dhukkubaa Ameerikaa (CDC).

‘’Kuni hir’ina guddaa dha,’’ jedhan Roobart Andarsan, CDC’tti hogganaan lakkoofsa du’aa yeroo Asooshiyeetid Pireesitti dubbatan.

Hawaasa saba xiqqoo jedhaman keessatti jijjiirama guddaatu jiras jedhan.

Dhiiroti gurraacha tahan umriin jiraatan baayyee yoo hir’isu baatii Amajjii-Waxabajjii 2020tti umriin isaanii waggaa sadiin hir’iseera.

Dhiiroti Hispaaniikis [Ispeen] akkasuma waggaa 2.4 umriin jireenya isaanii hir’ateera. Kan dubartoota Hispaaniik 1.1 qofaa ture kan hir'ise.

‘’Yeroo Waraana Addunyaa Tokkoffaa, 1940 ture gad-bu’uun umrii akkasii kan mul’ate,’’ jedhu Dr Andarsan.

Sabooti lakkoofsa xiqqoo qaban ba’aa weerara kanaa baataniiru sababinsaa immoo hojii gad-aanaa irratti waan bobba’aniifi jireenya hoomaadhaan jiraachuu dirqama waan taheefi.

Umriin jireenyaa hir’isuu jechuun dhiiroti Ameerikaa waggaa 75.1 jiraatu - kunis bara 2019 irraa qabee 1.2 hir’iseera. Dubartoonni garuu waggaa tokkoon irraa hir’iseeyyuu waggaa 80.5 jiraatu.

Duuti koronaavaayirasii waliin wal-qabatee dhufe hir’ina waliigalaaf sababa yoo tahu harka lama sadaffaa qabata.

Namoonni 490,000 tahan sababa Covid-19 du’aniiru, kunis akka addunyaatti sadarkaa tokkoffaarra jira.

Xiinxaltoonni garuu lakkoofsi kuni du’a Covid isa gara jalqabaa qofa agarsiisa jedhan. Baatii jaha dhufanitti lakkoofsi kuni kanarra hammaataa tahuu mala jedhan.

Lammiileen Ameerikaa gurraachi warreen adiirra harka sadii du’a kanaaf saaxilamoo dha. Umriin jireenyaa dhiirotaa waggaa sadiin yoo gad-bu’u kan dubartootaa 2.3 dha.

Xiinxalli Institiiyuushinii Biruukiingisdhaan maxxanfame: ‘’Gulantaa umrii kamirrattiyyuu namooti gurraachaa Covid-19'n caalaatti du’aa jiru,'' jedha.

Gama biraan dhiiroti adii umriin isaanii waggaa xiqqoon hir’ise –dubartoonni waggaa 0.8, dhiiroti 0.7.

Odeeffannoon CDC ammaa kuni ragaa du’aa waggaa walakkaa 2020ti. Gabaasichi dhiibbaa Covid-19 waliigalaa 2020 hin agarsiisu.

Kana malees vaayirasichi waggaa jalqabaarratti hawaasa magaalaa akka malee miidhe.

‘’Dhimmi kuni kan xiyyeeffannoon itti hin kennemne sababa namoonni ittiin miidhaman gurraachotaafi warra Hispaaniik magaala jiraatani gatii taheefi,’’ jedhe gabaasichi.

Haa tahu malee lakkoofsa umrii kanaarratti Covid qofa miti kan shoora qabu. ‘’Baala sammuu namaa si’eessu fudhachuunis’’ eerameera.

Umriin kunis waggaa jireenyaa isa guddaa Ameerikaa 78.9 irraa hir’atee kan argamu yoo tahu umrii jireenyaa 80 biyyoota badhaadhoo irraas ni hir’ata.