Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO): Koronaan laabratoorii Chaayinaa keessaa miliqe kan jedhu 'waan ta'u miti'

Madda suuraa, Reuters
Gareen qorattootaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan ka'umsa Koronaavaayiras qorachuuf torbanoota dura Chaayinaa galan, vaayirasichi laabraatoorii keessaa miliqe yaada jedhu kufaa godhan.
Ergama garee qorannoo kanaa kan hoogganan Peter Ben Embarek, vaayirasichi kutaa yaalii (laabraatoorii) Chaayinaa magaalaa Wuhaan keessaa miliqee yaadni jedhu ''haalaan mamsiisaadha'' jedhan.
Haata'u malee hojii guddoon madda vaayirasii kanaa adda baasuurratti hojjetamuu qaba jedhan.
Ogeessi kan biroon ammoo qorannoon kun amma Kibba Baha Eeshiyaarratti xiyyeeffata jedhaniiru.
Gareen Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) Chaayinaa torbanootaaf qorannoorra ture amma qorannoo isaa gara xumuraan gaheera.
Chaayinaatti magaalaan bulchiinsa Hubee, Wuhaan jedhamtu bara 2019'tti addunyaarraa bakka vaayirasiin kun jalqaba itti argamedha.
Ergasii addunyaarratti namootni miiliyoona 106 ta'an qabamanii, kanneen miiliyoona 2.3 ta'an ammoo lubbuu isaanii sababa dhibee kanaan dhabaniiru.
Dr Embarek ibsa miidiyaaleef kennaniin, qorannoo isaaniin wantoota haaraa argachuu ibsanii, ta'us garuu waayee vaayirasichaa waan kana dura beeknu guutummaatti waan jijjiiru miti jedhan.
Vaayirasiin kun jalqaba bineensota qabatee booda gara namaatti ce'e jedhanii kan amanan ogeeyyiin, akkamitti gaaffii jedhu ibsuu hin dandeenye.
Dr Embarek akka jedhanitti ka'umsi vaayirasichaa bineensota akka simbira halkanii fa'a irratti akka xiyyeeffatu dubbataniiru.
Hojiin qorannoo bineensotaan walqabatu itti fufee jiraachuus himaniiru.
Ogeessi Komishinii Fayyaa Chaayinaa, Liang Wannian, vaayirasichi Wuhaan keessatti eegaluun dura naannoo biraatti mul'achuu hin oolu jedhan.
Miseensi qorannoo Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Petere Daszak xiyyeeffannaan madda Covid-19 gara Kibba Baha Ezhiyaa ta'a jedhan.
Qorannoo hanga ammaatti taasifameen ka'umsichi gara naannoo daangaatti akeekaa jira, gama naannolee Kibba Baha Eshiyaan akka ta'utti hin qoranne jedha.
Dhiyeessiin nyaataa kanneen qaama bishaanii keessaa argamanii ka'umsa ta'a jedhamee shakkamu, biyyoota ollaa biroorraa hedduminaan gara Chaayinaa galu. Kanaaf adeemsa dhufaatii nyaata kanaa qorachuun barbaachisaadha jedhu.
Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa ji'ootaaf mootummaa Chaayinaa waliin haasa'aa erga ture booda, ogeeyyii isaa garasitti qorannoof erguuf kan milkaahe ji'a dabarsine keessa ture.














