Gareen WHO madda Koronaavaayirasii qoratu Chaayinaa ga’e

Gabaa qurxummii

Madda suuraa, Getty Images

Gareen Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) ka'uumsa Koroonaavaayirasii qoratu Chaayinaa magaalaa Wuhaan galan.

Qorannoon yeroo dheeraaf eegamaa ture marii ji’oota hedduuf WHO fi Beejiing gidduutti taasifamaa erga ture booda eegaluufi.

Gartuun saayintiistota 10 of keessa qabu kun dhabbilee qorannoo, hospitaalaa fi gabaa nyaataa jalqabbi vaayirasichaan wal qabatu keessa namoota jiran waliin gaffii fi deebii gaggeessuuf qophaa’aniiru.

Covid-19 jalqaba kan argame dhuma 2019 keessa magalaa Wuhaanittidha.

Gareen kun kan achi ga’an yeroo Kaaba Chaayinaa keessatti koronaavayirasiin namoota haaraa irratti yeroo argametti fi Wuhaanitti jireenyi gara barametti yemmuu deebi’eetti.

Qorattootni kun torbee lamaaf adda of baasanii erga turanii boodaa qorannoo isaanii saamudaa fi ragaa qondaaltota Chaayinaan kennamuuf irratti hundaa’uun ni eegalu.

Torban muraasa dura Chaayinaan miseensota garee kanaa lamaa kan jalqaba gara Chaayinaatti imalaniif Viizaa kennuu dhabuun ishee hooggansa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa biratti mufii kaasee ture.

Hoogganaan dhaabbatichaa Dr. Teediroos Adihaanoom ''gocha kanatti baayyee aarieera'' jechuun Jenevaatii ibsa kennanii turan.

Aanga'oota biyyattii waliiniis yeroo gabaabaa keessatti qorattoota kana gara biyyaatti galchuuf akka hyyamaniis mariirra akka jiran himanii ture.

Qorannoon kun maddaa bineensa weerara kanaa qorachuuf kan karoorfate yoo ta’u kana dura gufuu ture darbuun eegala.

Beejing garuu mariin qorannichaa adeemsifamaa akka tureefi wal hubbachuu dhabuu akka ta’e himti.

Yeroo dheeraaf Chaayinaan vaayirasichii asitti hin maddine jechaa turte.

Hogganaan to’annoo weeraraa WHO Piroofesar Deel Fisheer, akka BBCtti himetti addunyaan daawwannaa saayinsaawaa kana akka simatu hawwaa jedheera.

''Kun siyaasaa ykn balleessaa dabarsuu utuu hin taane gaaffii saayinsaawaaf deebii argachuudha'' jedha.

Dabalataanis saayintistonni hedduu vaayirasichii , ''balaa uumamati'' jedhanii akka amanan himeera.

Chaayinaatti guyyaa Kamisa ji’a saddeet keessaatti yeroo jalqabaaf Covid-19’n namni du’eera.