Koronaavaayiras: Qorattootni WHO ka'umsa Covid qoratan Chaayinaa akka hin galle dhorkaman

Bulchiinsa Hubeetti bakka qirxummiin itti gurguramu

Madda suuraa, Getty Images

Gareen Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO) ka'umsa weerara Covid-19 magaala Chaayinaa Wuhaan qorachuuf jedhu Chaayinaa akka hin galle dhorkame.

Miseensonni lama imala kan eegalan ta'uus tokko akka ofirra deebi'u, inni biroon ammoo biyya sadaffaa akka turu ta'eera.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa rakkoon Viizaa argachuudha jedhe.

Dhaabbatichi Beejiing waliin yeroo dheeraaf erga mariyachaa turee booda ji'a darbe qorannoo gaggeessuuf hayyama kan argate.

Vaayirasiin kun dhuma bara 2019'tti Chaayinaa bulchiinsa Wuuhaan keessatti jalqaba mul'ate.

Daayireektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Teediroos Adihaanoom Chaayinaan qorattoota isaaniif hanga ammaatti hayyama kennuu dhabuuttii ''hedduu aaruu'' ibsaniiru.

Ibsa Jeneevaarraa Kibxata kennaniin ''adeemsa keessoo hojii kanaaf hayyama keennuu yeroo gabaaba keessatti akka xumuramu Chaayinaarraa wabii argachuu'' himaniiru.

Qondaalota olaanoo Chaayinaa waliin haasa'aa akka jiraniifi ''Ergamni kun WHO fi gareen idila-addunyaa kan dursa kennuufi'' akka ta'e ibsuu himan.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaa Vaayirasii jalqaba Chaayinaa keessatti bineensota irraa ka'uun namatti ce'e jedhamu kana akkamiin akka eegaleefi akka namatti ce'e qorachuuf garee ogeeyyii 10 qabu kan ji'ootaaf Chaayinaa turan ergaa jira.

Ji'a darbe qorannoon kun ji'a jalqabaa bara faranajootaa 2021'tti akka eegalamu gabaafamee ture.

Ogeeyyii lama dhaabbatichi Chaayinaatti erge keessa tokko deebi'uufi inni biroon biyya sadaffaa akka turu godhamuu hoogganaan yeroo balaa dhaabbatichaa Maayiik Riyaan ibsuu Rooyitarsi gabaseera.

Vaayirsiin kun jalqaba Chaayinaa bulchiinsa Huubee Wuhaan keessatti bakka gurgurtaa bineensoota nyaatamaniitti dhalatee jedhamee yaadama. Vaayirasichi Wuhaan keessatti bineensotarraa namatti ce'es jedhama.

Haata'u malee dhufaatiin vaayirasichaa falmisiisaadha. Ogeeyyiin gariin gabaan bineensotaa madda vaayirasichaa miti jedhu.

Qorattootni tokko tokko hin beekamne malee simbirroo halkaniitu vaayirasicha waggoota kurna hedduuf baatee deema jedhu.