Koronaavaayirasii: Ameerikaan deeggarsa maallaqaa WHO'f kennitu ni dhaabdi jedhan Tiraamp

DOnaald Tiraamp ibsa gaazexeessitootaaf kennan Eebla 14, 2020

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp bulchiinsi isaanii deeggarsa maallaqaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa (WHO)f kennaa ture akka dhaabu ajajuu beeksisan.

Akka Tiraamp jedhaniitti, dhaabbatichi weerara koronaavaayirasii to'achuurratti 'dirqama bu'uura irraa eegamu' hin baanee jedhanii himatan.

WHO'n weerara vaayirasichaa sirnaan to'achuu dhabuufi vaayirasichi erga Chaayinaatti mul'atees tatamsa'ina vaayirasichaa dhoksaniiru jechuun himannaa dhaabbaticharratti dhiyeessu.

Kanaafuu dhaabbatichi itti gaafatamuu qabas jedhaniiru.

Tiraamp kanaan duras Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Chaayinaaf looga jechuun himatanii turan.

Pireezidant Tiraamp mataan isaanii Ameerikaatti weerara vaayirasichaa to'achuurratti tarkaanfii sirrii fudhachaa hin turree jedhamanii qeeqamaa jiru.

Ameerikaan biyya weerarri dhibichaa itti hammaachuun namoota 608,377 qabee fi lubbuu namoota 25,981 itti galfaatedha.

"Weerara vaayirasichaa sirnaan to'achuu dhabuu fi tatamsa'ina vaayirasichaa awwaaluu keessatti WHO qooda akka qabu erga xiinxalleen duuba bulchiinsi koo deeggarsa WHO'f taasisu akka dhaabu ajaja kenneera" jedhan.

Waajjira WHO Jeneevaa Siwiizarlaand 2020

Madda suuraa, Reuters

Barreessaa olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees haasaa Tiraamp booda yaada wayita kennan, deeggarsa dhaabbatichirraa kutuuf 'yeroo sirrii miti' jedhan.

Ameerikaan biyya kophaa ishee maallaqa guddaa WHO'f kennitudha.

Bara darbe doolaara miliyoona 400 kennite - kun bajata biyyattii waliigalaa dhibbeentaa 15 jala siqa.

Dhabbanni Fayyaa Addunyaa ji'a Bitootessaa keessaa weerara koronaavaayirasii to'achuuf deeggarsa maallaqaa doolaara miliyoona 675 gaafata ture, boodarra doolara biliyoona tokkotti ol guddise.

Deeeggarsi Ameerikaas gaafatamaa ture. Pireazidantiin Ameerikaa Tiraamp garuu dhaabbatichi weerarichi Wuhaanirraa wayita jalqabu miidhaa qaqqabsiisu malu WHO madaalaa hin turree jedhanii qeequ.

Kana malees, dhaabbatichi ogeeyyii fayyaa Chaayinaatti ergee haala qabatamaa mul'ate hin qorachiifne jedhani himatu.

"Osoo silaa WHO ogeeyyii fayyaa gara Chaayinaa erguun wanta achitti ta'aa ture bilisa ta'anii akka qoratan hojii isaa hojjeteera ta'e akkasumas Chaayinaan iftoomina dhabuu ishee dubbateera osoo ta'ee, osoo namni hedduun hin du'iin vaayirasicha achumatti to'achuun ni danda'ama ture," jedhan Tiraamp.

Otoo tarkaanfiiin akkasii fudhatamee, miidhaa lubbuu namaaf dinagdeerra gahe hambisuun danda'ama ture garuu, WHO mootummaa Chaayinaaf deeggaranii falmuurra turanii jedhan.

Kana haa jedhan malee garuu Amajjii keessa Tiraamp ofuma isaaniiti "carraaqqii gochaa jirtuu fi iftoomina isheef" Chaayinaa jajanii turan.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: qabiyyeen qaama sadaffaa beeksisa qabaachuu malu

Xumura maxxansa X

Hogganoonni addunyaa maal jedhu?

Hogganoonni addunyaa hedduun Donaald Tiraamp deeggarsa maallaqaa WHO adda kutuuf murteessuu isaanii akka gaariitti hin simanne.

Barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Guterees: "Yeroon duubatti deebinee akkamitti vaayirasichi akka dhalatefi sadarkaa addunyaatti akka tamsa'e qoranno jiraachuu qaba, amma garuu yeroo isaa miti, sochii WHO irraa leeccaloo kutuufis yeroo isaa miti" jedhan.

MM Niwuziilaand Jaasiindaa Ardarni: "Yeroo akka kanaa odeeffannoo walii qooduun barbaachisutti, yeroo gorsi itti hirkachuu dandenyu nu barbaachisutti, WHO sana nuuf gochaa ture. Deeggaruu itti fufna."

Qondaala Dhimma Alaa Chaayinaa Eliyot Eengil: "Yeroon hammaataa kana keessatti pireezidantiin Ameerikaa siyaasa taphachaa jiru. WHO, Chaayinaa, Mormitoota isaanii, akkasumas warreen isa dura turanitti quba qabaa jiru."

Tiraamp hoggantoota paartii isaanii Rippablikaan irraa ammoo deeggarsa argachaa jiru.

WHO battala weerarichi mudate maal dalage?

Koronaavayirasiin dhaabbatichatti ji'a Muddee gabaafame. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ji'a itti aanuu keessa tarkaanfiwwan kanaa gadii fudhate.

Amajjii 4: Waa'ee vaayirasichaa yeroo jalqabaaf midiyaa hawaasaarratti '"cluster of pneumonia " jechuun maxxanse

Amajjii 5: "Namarraa gara nama birootti akka darbu ragaa qabatamaan hin argamne" jechuun odeessaa jalqabaa baase.

Amajjii 10: Imalaarratti gorsa jalqabaa maxxanse, garuu 'imala idil-addunyaa dhorkuu otoo hin gorsiin'.

Amajjii 14: Hooggansi garee teekinikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhibichi namarraa gara nama birootti hamma tokko darbu akka danda'u akeeke.

Amajjii 20: Ogeeyyiin dhaabbatichaa naannichatti argaman 'yeroo gabaabduuf Wuhaan daawwatan'

Amajjii 22: Daawwannaa Wuhaan booda ibsa kennameen 'Wuhaanitti vaayirasichi namarraa gara namoota birootti darbaa jiraachuun ibsame'

Amajjii 22-23: Koreen dhaabbatichaa weerarri kun 'yaaddoo fayyaa hawaasaa idil-addunyaa' ta'uu irratti waliigaluu dhaban.

Amajjii 24: Gorsii imalarratti yeroo 2ffaaf kenname, barri haaraa Chaayinaa dhiyaachuu eeree garuu 'imala dhorkuu irratti homaatuu hin jenne'.

Amajjii 27: Gorsi imalaarratti kennamu inni sadaffaan maxxanfame. Imalli sadarkaa idila addunyaatti taasifamu otoo hin dhorkamiin, vaayirasichi akka iddoo kaanitti hin tamsaane of eeggannoon akka taasifamu himame.

Amajjii 28: Qondaltonni olaanoon Dhaabbatichaa daarektara olaanaa dhaabbatichaan durfamu Beejingitti hoogansa Chaayina bira dhaqan.

Amajjii 30: Vaayiresichi 'yaaddoo fayyaa hawaasaa idil addunyaa ta'uun labsame.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa