Covid: WHO vaayirasichi Chaayinaa Wuhaanitti akkamitti akka eegale qorachuufi

Madda suuraa, Getty Images
Saayintistoonni idil-addunyaa 10 Covid19 maalirraa akka ka’e qorachuuf gara magaalaa Chaayinaa Wuhaanitti ji’a dhufu imaluuf akka jiran Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksise.
Chaayinaan qorannoon walabaa gaggeeffamusaa hin mormine, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa garuu biyyattiin magaalicha dhaquu akka eeyyamtuu ji’oota darban gaafataa ture.
Koronaavaayirasiin jalqaba gabaa Chaayinaa bineensonni itti gurguraman Wuhaan irraa ka’uu hin oolle jedhameetu yaadama ture.
Madda vaayirasichaa barbaaduun garuu, Ameerikaa fi Chaayinaa gidduutti muddama uumees ture.
Bulchiinsi pireezidantii Ameerikaa Doonaald Tiraamp kanaan dura Chaayinaan madda vaayirasichaa dhoksuuf yaalti jechuun himataa turani.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa qorannicha kan gaggeessuuf biyya tokko ittin balaaleffachuuf otoo hin taane, weerarri vaayirasii fuulduratti akka hin uumamne ittisuufi jedhu ogeeyyii qorannoo garas imaluuf jiran keessaa tokko APtti yoo dubbatan.
‘’Dhugaan jiru, biyya balleessaa raawwate barbaadu miti,’’ jedhan Faabiyaan Liindirtiz ogeessii jaarmiyaa Roobert Kooch.
Dr Liindirtiz ‘’waan ture hubannee, ragaarratti hundaa’uun sodaa fuulduratti jiru akka hin uumamne hir’isuufi’’ jedhan.
Ogeessi kun kaayyoon qorannoon kun barbaachiseef yoom vaayirasichi tamsa’uu akka eegalee fi Wuhaanitti jalqabuufi dhiisuu isaa qorachuuf akka ta’ellee himaniiru.
Itti dabaluun, ergamni qorannoo kun torban afur ykn shaniif tura jedhaniiru.
Guyyoota gara jalqabaarratti vaayirasichi gabaa Wuhaan "wet market" jedhamee beekamutti argamutu amanamaa ture.
Bakka kanatti bineensarraa gara namaatti darbuu hin oolle jedhame yaadni dhiyaataa ture.
Ogeeyyiin garuu, achitti tamsa’uu vaayirasichaa qofa amanu.
Gabaasni miidiyaaleen Chaayinaa tibbana qabatanii bahan sirumayyuu Covid-19’n jalqaba Chaayinaa alatti eegale jedhu.
Xiinxaltoonni garuu gabaasichi bu’uura hin qabu jechuun maddiitti, hooggansi Chaayinaa weerarri vaayirasichaa maqaa biyyattin addunyaarratti qabdu akka hin balleessineef ykn hin xureessine duuluu isaanii agarsiisa jedhanii qeequ.












