Koronaavaayiras: Magaalaan Wuhaan Covid-19 jalqaba keessatti argame akkamiin jireenya duriitti deebite

Kunneen maaskiillee hin godhanne, walirraas hin fagaanne

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kunneen maaskiillee hin godhanne, walirraas hin fagaanne

Namooti kumaatamaan lakkaa’aman gatiittii fi gatiitti wal hammatanii, haguugduu fuulaa otoo hin godhatiin sirbaan gammadaati jiru.

Suuraan kun waan bara 2020 keessatti mul’atu hin fakkaatu. Garuu magaalaa Chaayinaa Covid19 yeroo jalqabaaf keessatti argame keessa waan tahaa jiru dha.

Jiraattoti magaalattii lafa bashannanaa bishaanii Wuhaan Maayaa jedhamutti walitti qabamanii jiran.

Weerara addunyaan ammallee wal-aansoo qabdee jirtu kan irraanfatan fakkaata. Suuraan isaaniis miidiyaa hawaasummaa irratti baay'ee qoodamaati jira.

Magaalaan kun yeroo jalqabaaf ji’a Amajii keessa Covid19 argame ugguramtee,namaafi konkolaataan keessa hin deemu ture.

Ji’a Eblaa keessa uggura haa kaastuyyuu malee, Caamsaa keessa namoonni haaraa dhukkubichaan qabaman argamaati turan.

Akka duriitti deebi’uu…

Magaalaan sun kan ugguramte Amajjii 23, yeroo dhukkubichi nama 17 ajjeese, 400 immoo dhukkubichaan qabaman ture.

Yeroos vaayirasichi namaa namatti akka darbu Chaayinaan yeroo jalqabaaf barte. Isa dura hin beekamu ture.

Magaalaan uummata miiliyoona 11 qabdu naannolee Chaayinaa biroo irraa addaan citte.

Sana booda namoonni kumaatamaan lakkaa’aman qoratamaniitu adda bahuu jalqaban.

Namoonni lakkoofsa guddaa qaban walitti qabamuun dhorkame. Baatii Bitootessaa keessa garuu uggura salphisuun jalqabame.

Maatii tokko keessaa namni tokko akka bahu yoo eeyyamamu, ala turuun garuu sa’atii lamaaf qofa eeyyamama ture.

Wiirtuuwwan gabaa, geejjibaa banamuu fi namoonni suutuma suuta karaatti bahuu jalqaban. Haa tahu malee, maaskii uffachuu fi fageenya eeggachuun ammallee akkuma hojiirra ooleetti jira.

Gaafa Ebla 8, Wuhaan uggura guutummaan guutuutti kaaste

Jaalalleewwan cidha isaanii tursan wal-fuudhuutti fiigan.

Manneetii barnootaa fi daldalaa illee hojiitti deebi’uu jalqaban. Haa tahu malee Caamsaa 12, namoonni haaraa jaha vaayirasichaan qabaman.

Kana booda biyyattiin uummata miiliyoona 11 qorachuuf karoora baaste. Weerarichis waan to’annoo jala oole fakkaate Waxabajjii keessa gabaawwan halkanii hojii eegalan.

Adoolessaa keessa jireenyi kutaalee Chaayinaa keessatti gara duraaniitti deebi’uu jalqabe.

Siniimaawwan, paarkiiwwan, manneetiin kitaabaa fi godaambaaleen banamuu jalqaban.

Har’a Wuhaan keessa waan hunduu iddoo duriitti kan deebi’e fakkaata.

Suuraan namoota bishaan keessatti walitti qabamuun Sanbattan isaanii sirbaan dabarsan kanaaf ragaa bahu.

Warreen qophii kana qindeessan turistoota dubaraaf tikeetii gatii cabsaniitu kennaafii turan.

Iddoon bashannanaa Wuhaan Happy Valley jedhamu Waxabajjii 25 banamus Adoolessa keessa maamila argachuu jalqabe jedhu hogganaan dhaabbatichaa.

Fayyadamtoonni miidiyaa hawaasummaa Chaayinaa namoonni hanga kana baay’atan Wuhaan keessatti akka walitti qabaman eeyyamamuun akka isaan dinqe himu.

Wuhaan keessa baatii Caamsaa asitti namni Covid19 qabame haaraan hin mul’anne.

Namoonni lakkoofsa guddaa qaban akka walitti hin qabamne seerri dhorkus hin jiru.

Haa tahu malee, akka addunyaatti namoota miiliyoona 21 tahantu vaayirasii kanaan qabame.

Biyyoonni dursanii weeraricha to’atan Kooriyaa Kibbaa fi Niiw Ziilaand illee weerara marroo lammataan rakkataa jiru.

Biyyoonni kaan namoonni baay’inaan akka walitti qabaman eeyyamuuf sichi yeroo dheeraa fudhata.