Covid-19 sammuu keenyarratti miidhaa akkamii geessisuu mala?

Nama yaalamuufi dooktara

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Nama yaalamuufi dooktara

Itituu dhiigaa(Istirookii), abjuu gadhee(wareeruu), bitaa namatti galuu, dadhabbii, itti fufa...Covid-19 qaamolee hargansuu keenya qofa miidha jettanii yaaddu taanaan dogoggortanii jirtu.

Akkuma yeroon deemaa jiruun, miidhaan Covid-19 qaamaafi sammuu keenyarratti geessisu jijjiiramaa deemaa jira.

Namoonni vaayirasichi irratti argame hedduun jalqabarra dhukkubbii hin yaaddessine kan isaan mudatu yoo ta’u, takka turaa mallatttoolee ciccimoo kan akka waa dagachuufi dadhabbii mul’isuu eegalu.

Pool Maayiliriyaa sababa koroonaavaayirasiin istirookiin (dhiigni sammuu keessatti itituu) si’a lama isa mudateera.

Namni ganna 64 Pool, Yunivarsiitii Kaambiriijitti hogganaa kominikeeshinii yoo ta’u, waan yaaddoo fayyaa itti ta’u hin qabu ture.

Hoospitaala baqaqsanii yaaluu Landan keessa jiru keessatti dhukkubsataa fooyya’iinsa guddaa mul’isaa jiru ta’ee jira. Istirookii isa mudateen booda akka gaariitti goommateera.

Istirookiin jalqabaa kan isa mudate kutaa ICU keessa osoo jiruu ture.

Sababa kanaanis carraan lubbuunsaa itti darbuu malu guddaa ture. Kanaafis qoricha dhiiga qal’isu fudhachaa ture.

Guyyoota muraasa boodas yeroo lammaffaaf mudateeni. Inni marroo lammaffaa garuu lubbuusaa daran balaarra kan buuse ture.

Gorsaafi haakima sammuu kan ta’an Dr Arviindi Chaandiraateev, wayita Pool hoospitaalatti ambulaansiin fidamu hojii fixanii ba’aa turan.

''Fuula Poolirra bitaa galuutu mul’ata ture. Ilaaluu kan danda’us kallattii tokko qofaan ture, mobaayiliisaatti fayyadamuuf paaswordii galchuufillee rakkachaa ture’’ jedhani haakimichi.

Suuraa sammuu mul'isu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa sammuu mul'isu

Akka Dr Arviindi jedhanitti, itituun dhiigaa sammuu Pool keessatti mul’ate, kana dura arganii kan hin beekne ta’uudha.

Qorannoo irratti taasifameen mallattooleen itituu dhiigaa rratti mul’atanii turani. Bu’aan qorannoo isaas waan kana dura argamee hin beekneefi kan nama yaaddessu ture jedhu.

Jireenyakoo keessatti itituu dhiigaa olaanaa ta’e akkasii argee hin beeku kan jedhan dooktarichi, koroonaavaayiras dhignisaa akka walitti maxxanu gochuu dubbatu.

Giddu-gala qorannoo sammuu Laanseetitti qorannoo taasifameen, hoospitaalota UK keessatti namonin 125 ta’an sababa koroonaavaayirasiin rakkoon sammuu isaanii keessa mudateeraani.

Walakkeessi isaanii istirookiin kan mudateen yoo ta’u, dhiita’uu sammuufi mallattooleen maraannaa fakkaatanis irratti mul’ataniiru.

Qorataan sammuu lammii Kaanaadaa Piroofeesar Adiriyaan akka jedhanitti, namoonni koroonaavaayirasiin miidhaan cimaa erga irra ga’ee booda yoo itti wayyaa’u manatti galan jechuun fayyaniiru jechuu miti. Dhukkubsattoonni adeemsa fayyuu torbanoota hedduuf turu keessa darbuun irra jiraachuu mala.

Sababa kanaafis mallattoolee dhukkubsattoonni Covid-19 mul’isaniifi rakkoo inni sammuu isaaniirraan yeroo gabaabaafis ta’e yeroo dheeraaf geessisu sirriitti qorachuun, rakkinoota gara fuulduraatti mudataniif furmaata ta’uu akka danda’u piroofeesarichi himani.