Koronaavaayirasiin dhiirota umuriin isaanii ganna 50 ol ta'an caalaa miidhaa?

Namoonni baayyeen mallattoon koronaavaayirasii irratti mul'atee osoo mana hakiimaa deemuun isaanirra hin jiraatiin torban tokko keessatti dandamachuu danda'u.
Haata'u malee, dandamachuudhaaf kanneen wallaansa fayyaa isaan barbaachisu ni jiru.
Namoonni umuriin isaanii ganna 70 tareefi dhukkuba biraa duraan qabaatan caalaa saaxilamoodha.
Koronaavaayirasiin dhiirota umuriin isaanii waggaa 50fi 60 keessa jiranis osoo miidhuu argaa jirra. Dhukkubicha isaan qofaa miidha jechuu baatullee hanga ammaatti sirriitti kan mul'ate dhiirota umurii kana keessa jiran irrattidha.
Dhiironni umuriin isaanii deeme maaliif vaayirasichaan miidhamuu?
Qorattoonni gaaffii kanaaf deebii sirrii ta'e hin qaban.
Odeeffannoon UK keessaa argame akka agarsiisutti, umuriin giddu-galeessaa namoota dhukkubbiin itti jabaatewaggaa 60. Baayyeen isaanii ammoo dhiirota yoo ta'an warra dhukkuba onnee qabaniifi furdina gara malee qabanidha.
Dubartootas ta'an dhiirota umuriin isaanii deeme carraan isaan du'uuf qaban dargaggoota kan caalu yoo ta'u dhiironni umuriin isaanii deeme garuu carraan isaan du'uuf qabanii kan dubartoota umurii kamiirrayyu jiranii ni caala.
Odeeffannoon bakka jalqaba weerarri kun itti jalqabe magaalaa Wuhaan, Chaayinaatii argames kanuma agarsiisa.
Haata'u malee jedhu qorattoonni carraa vaayirasii kanaaf saaxilamuu saala qofa waliin walqabsiisuun hin danda'amu. Sijaaraa xuuxuufi wantonni biroos akka saaxilaman taasisuu danda'a.
Yunvarsiitii Nootinghaam irraa Pirofesar Hin Hool , "Dhiirota akka saaxilaman kan taaisu kana qofaadha jedhee hin yaadu, ammallee kan bira ga'uuf jirru ni jiraata," jedhu.
Dhiironni dubartoota caalaa dhibee onnee, sukkaaraafi sombaan ni qabamu.
Qorattoonni tokko tokko qacceen sanyiifi hormaaniin carraa dhukkubaaf saaxilamuu waliin walitti dhufeenya qabaatu jedhanii tilmaamu.
Dubartoonni dandeettii dhukkubicha ofirraa ittisuu qabuu?
Yunvarsiitii Oksifoorditti qorataa dandeettii qaamni dhukkuba ofirraa ittisuu danda'uu irratti qorannoon kan gaggeessan Piroofesar Fiiliip Gooldar kana irratti kan jedhan qabu.
Dubartotaafi dhiirota gidduu garaa garummaan dandeettiin dhukkuba ofirraa ittisuun ni jira. Garaa garummaan kun ammoo irra caalaa kan mul'atu dhukkuboota daddarboo irrattidha.
DUbartoonni dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu caalaa kan qabaataniifi Kiromoozomii X lama (X chromosome) waan qabaniif akka ta'e qorattoonni ni ibsu. Isaan kana irratti qacceewwan sanyii dhukkuba ittisan akka jiran dubbatu.
UK keessatti waggaatti namoonni kuma 600 ni du'u. Baayyeen isaanii namoota dulloomaniifi dhukkuboota gara garaa kan qabanidha. Du'aatii sababa kornaavaayirasii waliin walqabsiiseellee kan mul'ate kanuma fakkaata.
DHukkuba ofirraa ittisuudhaaf sochii qaamaa yeroo baayyee hojjechuufi nyaata madaalawaa nyaachuu barbaachisa. Tamboo harsuu dhaabuus ni barbaachisa.
DHiironni dubartoota caalaa tamboo haarsu, nyaata soogiddi itti baayyate nyaatu, foon diimaa nyaatu, dhugaatiis ni dhugu, muduraafi kuduraa ammoo hin nyaatan jedhameera.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras

















