Koroonaavaayiras: 'Nu Baraari' - sirna Waaqa araara kadhachuu Oromoo

Maanguddoota bahuun 'nu baraarii' kadhatan

Madda suuraa, Komnikeeshini Godina Arsii Lixaa

Dhibeen Koronaavaayirasii kuni erga gara Itoophiyaa seenuun dhagahamee, uummanni aadaa fi duudhaa dur itti dhimma bahuun, kaan araara Waaqaa kadhata, kaan nurraa dabarsi jedhee iyyee iyya dabarsa.

Tibba kanas Godinoota Oromiyaa adda addaa keessatti sirni 'Nu Baraari' jedhamu kadhaa waaqa dhageessisuu malkaa, dirree fi tulluutti bahuun kadhatamaa jira.

Bakka adda addaatii namoota walitti yaa'anii sirna araara waaqaa kadhachuu kana gaggeessaa turan dubbifneerra.

Obbo Nugusee Gammachuu namoota sirna kanarratti hirmaatan keessaayi. Isaanis dhibee hamaan amma gara biyya keenyaa dhufe kana 'nurra dabarsi' jennee kadhanne jedhu.

"Yaa Rabbi nuuf araarami, nu hiiki, nu dhiisi. Xiqqaa keenya, guddaa keenya nuuf araarami jennee kadhanne," jedhu.

Killa feessee

Rabbiyyoo sitti dheesse (2x)

jechuun kadhatu.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa

Akka Obbo Nuguseen jedhanitti araara waaqaa kadhachuu kana maddiitti balaa dhufe Kanaan waan walqabatu abbootiin Gadaa murtiis ni kennu yookan ni seerratu..

"Har'alleen murtii kenninee jira. Dhibee amma dhufe kanaaf jecha namni akka walirraa fagaatu, akka harka wal hin fuune, akka Lafa Gabaatti walitti hin baayyanne, warri cidha barana qaban akka cidha isaanii dabarsan murree jirra.Awwaallis yo jiraate namni akka xiqqaatee gaggeessu murteessine" jedhan.

Aanaa Kofalee irraa sirna 'Nu Baraarii' kanarratti kan hirmaatan Obbo G/Amlaak Guyyees waaqatti balleessaa keenya itti himannee Rabbii dhiifama gaafannee galle jedhu.

"Dhibee hamaa amma biyyatti dhufe kana akka nurraa buqqa'u waaqa kadhanne. Biyya keenyarraa, addunyaarraa buqqisi jennee kadhanne," jedhan.

Waan jedhanii Malkaatti araara kadhatan yoo himanis

"Saayya muchi afurii

Rabbi muddii nufuri

Killaan bahee

sirraan dahee

killa beessee

sitti dheessee Rabbiyyoo

Kombolchi Toora jiraa

Tokkichi moo'e sumaa" jennee Rabbi araara gaafanne jedhan.

Maanguddoota bahuun 'nu baraarii' kadhatan

Madda suuraa, Komnikeeshini Godina Arsii Lixaa

Sirna waaqa araarfachuu kuni Rabbiin badii namni dalageen dheekamee adabbiidhaaf akka dhukkuba kana buusetti wana fudhatamuuf badii keenya hin ilaalini adabbii kana nurra dabarsi ergaa jedhu qaba.

Nubaraarii kanarratti dubartoonnis Siinqee qabatanii malkaa bu'anii kadhata araara dhiheeffatan qabu.

Aadde Girjaa Aannotaa jiraattuu aanaa Shaashamannee sagantaa 'nu baraarii' kanarratti hirmaatani.

"Maraaroo, Araaroo Rabbiyyoo, rabbi araara hin didu Araaroo…. jennee waaqa araara kadhanne.

Dubartiinimmoo yoo kadhatte Rabbi biraa hin dhabdu. Duris yeroo rakkoo kadhannee furamne, ammas yoo kadhanne irraa milkoofna jennee sagantaa kana gaggeesine," jedhan.

'Farda luugamanii, sangaa camadanii, dhiiraa dubartiin bahanii araara kadhatu'

Maanguddoota bahuun 'nu baraarii' kadhatan

Madda suuraa, Komnikeeshini Godina Arsii Lixaa

Yunvarsiitii jimmaati Qorataa seenaa kan tahan Dheeressaa Dheebuu (PhD), sirni 'Nu baraarii" kuni achii dhuftee duudhaa Oromoo keessa kan turedha jedhu.

"Ummanni Oromoo yeroo dhibee hamaan akka Golfaa dhufu, yeroo roobni badu sirna kana qopheessee malkaa fi tulluutti bahee kadhata.

Yeroo dhibeen akka ammaa kuni dhufu yeroo baayyee Tulluurratti kadhatama," jedhan.

''Yeroo rakkoo hamtuun akkanaa biyyatti dhufe farda luugamanii, sangaa camadanii, dhiiraa dubartiidhaan bahanii araara kadhatu.

Ijoollee xiqqoon, Durbi qarreen, jaartiin cifireen, jaarsi Gadamoojjiiin kan gulantaa Gadaa keessa jiru hundi bahanii kadhatu.

Yoo caama ta'e rooba kadhatu, yoo dhibeen dhufe nubaraarii kadhatu," jedhan.

Ummanni Oromoo durirraa kaasee rakkoowwan hamoo isa mudachaa ture sirna nubaraarii kanatti dhimma bahaa turuus himan.

Koroonaavaayiras