'Koronaavaayirasiirratti qofa xiyyeefatamee dhukkubsattoonni dhibee biraa dagatamaa jirra'

Madda suuraa, Getty Images
Erga dhibeen koronaavaayirasii dhufee namootni dhukkuboota akka sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaafi onnee qaban yaalaa argachuuf rakkachuu himu.
Ji'oota shan dura biyya Hindiitti wal'aanasa Baqaqsanii Yaaluu Onnee fudhatee deebi'uu kan himu Gaazexeessaa Gaarii Lammaa, ergasii yeroo yeroodhaan Hospitaalatti deddeebi'ee hordoffii taasisaa ture.
Erga dhibeen koronaavaayirasii kun dhufee garuu hospitaalatti deddeebi'ee hordoffii gochuuf rakkadheera jedhu.
"Ani torbee lama lamaanin hospitaalatti deddeebi'ee hordoffii taasisaan ture. Amma erga dhibeen koronaavaayirasii kun dhufee garuu tokkoffaa geejjibni hin jiru, lammaffaa bakka hospitaalaa kanattis namni waan baayyatuuf dhibee dabalatatu na qaba jedhee waanin sodaadhuuf amma deemuu dhiiseera," jedhu.
Dhukkuba sukkaaraa qaban yaalamuuf hospitaalati akka deddeebi'an kan himan namni BBC'n dubbise kan biraa Obbo Simee Gaarradoo, dhibeen koronaavaayirasii dhufe namoota dhukkuba cimaa akka keenyaa qaban akka dagataman godheera jedhu.
" Namni akka kiyyaa sukkaara qabu, kanneen dhiibbaa dhiigaafi dhukkuba onnee qaban erga koronaavaayirasiin kun dhufee rakkoo keessa galle. Hospitaalonni kan xiyyeefannoo kennanii hojjechaa jiran dhukkubuma haaraa kana.
Geejjibni rakkoodha, yoo dhaqxes tajaajila gahaa hin argannu" jedhu.
Mootummaan koronaavaayirasii qofarratti xiyyeefachuu osoo hin taane yoo warra akka keenyaa kanas dagate namni hedduun miidhamuu dandaha yaaddoo jedhus qabu Obbo Simeen.
"Ani amma qoricha hakiimni yeroo kaan naaf ajeju sanan faarmaasiidhaa bitadhee fayyadamaa jira. Mana yaalaa dhaquun baayyee nayaaddessa. Sababnisaas bakka akkanaa kana deemee dhibeen koronaavaayirasii kun yoo na qabe carraa irraa hafuullee waanin hin qabneef," jedhan.
Koronaavaayirasii caalaatti sababa qorichaafi hordoffii gahaa hin qabneef dhiphina keessa gallee dhukkubni keenya nutti hammaachaa jiras jedhan.
Erga dhibeen Koronaavaayirasii kuni dhufee gaafa beellamni isaanii gahu bilbilumaan akka hordofamanii fi qaamaan gara hospitaalaa akka hin deemne gorfamanis kunis rakkoo biraa qaba jedhu Obbo Gaariin.
" Gaafa beellama keessanii bilbilumaan waan irra jirtan isin hordofna nuun jedhan. Gaafa beellama keenyaa yoo bilbillummoo hin kaasan. Kanaafuu, manuma teenyee waan ta'u eegachaa jirra, " jedhan.
Namoonni kunneen mootummaan bakka addaa itti yaala argatan yoo qopheesse malee adeemsi amma jiru rakkisaa ta'uu eeru.
Hospitaala Shaashamnnee irraa kan dubbifne Dr. Nureddiin Lukee, erga tajaajilli Geejjibaa adda citee namootni dhukkuboota yeroo dheeraa ture qabaniifi qoricha yeroodhaan hordofan mana yaalaa dhufuun haalaan hir'ateera jedhu.
" Namoonni dhibee akkanaa qaban bakka hedduutti mana yaalaa dhufuu hir'isaniiru. Namni dhibee akkanaa qabu sodaadhaan yoo qoricha addaan kutummoo dhibeen daran itti hammaata. Kanaaf, namoota akkanaatiif haalli geejjibaa mijachuufii qaba," jedhan.
Namoota akkanaatiif qoricha ji'oota dheeraaf itti fayyadaman kennameefii manumatti akka of eegannoon turan gochuunis fala kan biraati jedhu.
Gara fuuladuraatti weerarri koronaavaayirasii kun yoo hammaate hospitaalonni yaala dhibee kanaarratti qofa waan fuullefataniif namoonni dhibee akkanaa qaban rakkoo keessa seenuu maluu sodaa jedhus qabu Dr. Nureddiin.

Madda suuraa, Getty Images
Yeroo ammaa sodaa koronaavaayirasiitiin lakkoofsi dhukkubsattoota mana yaalaa dhufan kan biraayyuu haalan hir'achuus himu.
"Yeroo ammaa hospitaalonni baayinaan duwwaa tahaa jiru. Kan duwwaa tahaa jiraniif namni dhukkubsate jiraachuu dhiisetii miti. Geejjibni hin jiru.
Sodaan koronaavaayirasiidhaanin qabama jedhanii hafuutis ni mul'ata. Kutaan daa'immaniifaa haalan hir'ate. Kanaaf, manuma keessatti rakkoon ummama jira jechuu nama dandeesisa," jedhan.
Hogganaa Kolleejjii Fayyaa Hospitaala Adaamaa kan tahan Dr. Mokonnin Fayyisaa gamasaaniin, namoota dhibeewwan yaala daddeebi'uu qabaniif yaaliin kan duraarraa hir'isne hin jiru jedhu.
"Akka hospitaala keenyaatti namoota dhibeewwan sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaa, akkasumas deddeebiin yaalamuu qaban akkuma idileetti kennaa jirra. Namoonni sodaa dhuunfaa isaanitiin manatti hafuurra, dhufanii yaalamuu qabu," jedhan.
Deddeebii gara hospitaalaa hir'isuuf beellama dheeressaa akka jiraniifi qorichootas kan yeroo dheeraaf itti fayyadaman kennaa jiraachus himu.
Qorichoota dhiheessiin isaanii xiqqaa ta'erratti garuu yeroo dheeraaf kennuu akka hin dandeenyes himu.
Hospitaala keessattis bakki namoonni dhibee Koronaavaayirasiidhaan shakkaman itti yaalaman yaala kaanirraa fageesinee waan jirruuf namoonni ofeeganoodhaan sodaa malee yaala fayyaa isaanii hordofuu akka itti fufuu qabanis dhaamaniiru.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras















