Koronaavaayiras: Sodaa vaayirasichaaf sanyiin qamalee karra cufatan

Madda suuraa, Getty Images
Sanyiin qamalee goorillaa sodaa weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'een akka hin sochoone taasifamaniiru.
Turiizimiin Goorillaa (sanyii qamalee) daawwachuu Afrikaatti beekamaa ta'e sababa weerara kanaatiin dhaabbatee jira.
Bakkawwan sanyiin qamalee kan akka Oraanguuten jedhamanii jiran ummanni naannooleellee akka hin daawwanneef karri cufameera.
Hanga ammaatti vaayirasiin kun sanyii qamalee kana ni qabataafi hin qabatuun isaa wanti beekame hin jiru, garuu lubbu qabeeyyiin sanyii namaa waliin walitti dhiyeenya qaban jedhaman carraa guddaa saaxilamuu qabaachuu danda'u sodaan jedhu jira.
Torban darbe qeerransi tokko Ameerikaa Niiw Yoork keessatti koronaavaayrasiin irratti argamee ture.
Sababa kanarraa kan ka'eenis qeerransaafi sanyii adurree, akkasumas warreen isaan kunuunsaniif of-eeggannoon addaa akka taasifamu ta'eera.
Dr Kirsten Gilaardii ogeettii fayyaa beeyladaa biyyoota Ruwaandaa, Yugaandaafi Dimokiraatika Rippabilika Koongoo keessatti Goorillaa kunuunsitudha.
"Goorillaawwan baddaa miidhuu akka danda'u hin beeknu; sanaaf ragaa arganne hin qabnu," jetti.
"Gorillaawwan baddaa weerara dhala namaaf saaxilamuu waan danda'aniif dhukkuba qaama argansuu isaan mudachuu danda'a."

Madda suuraa, Gorilla Doctors
Sanyiin qamalee Goorillaa baddaa jedhaman kun gosa lafarraa baduutti dhiyaatan bosona Ruwaandaa, Yugaandaafi Dimokiraatawa Rippabilika Koongoo keessatti qofa argamanidha.
Biyyoonni sadan kunneen ammoo namoonni koronaavaayirasiin irratti argamuu mirkaneessaniiru. Kanarraa ka'uudhaanis turiizimii daawwannaa goorillaa dhorkaniiru.
Walirraa fageenya hawaasummaa
Ogeessonni fayyaa beeyladaafi kunuunsa goorillaa irratti hojjetan hojii isaanii itti fufanii jiru garuu of eegannoo cimaatiin.
"Sanyiiwwan qamalee kana balaarraa eeguudhaaf yeroo ammaa wanti nuti gochaa jirru qajeelfamoota akka walirraa fageenya hawaasummaa eeggachuufi adda of baasuudha," jette Dr. Gilaard.
Osoo weerarri kun hin qaqqabiiniyyuu namoonni meetira torbaaf akka goorilloota irraa fagaatu ni gorfamu turan.
Qajeelfamni haaraan Gamtaa Kunuunsa Uumamaa Idil-addunyaa (IUSN) baase ammoo meetira 10 qamaloota ykn goorilootarraa fagaadhaa jedha.
Nageenyaafi fayyaa isaanii mirkaneessuudhaafis namoonni itti dhiyaatan hir'ifamaniiru.
Namni dhukkuba kamiyyuu ykn namoonni nama dhukkubsatetti dhiyaatan kamiyyuu yeroo kamuu goorillaatti hin dhiyaatan.
Bosonniifi dahoon sanyiiwwan qamalee manca'uun lafarraa akka badaniif yaaddoo akkuma ta'e vaayrasiinis yaaddoodha.
Dhukkuboonni daddarboon wantoota jiraachuu sanyii qamaleef yaaddoo ta'an gurguddoo sadii keessaa tokkodha.
Qorannoon yeroo darbe keessa gaggeeffame akka agarsiisutti sanyii qamalee keessaa tokko kan ta'e chimpaanzii qufaan qabachuu ni danda'a.
Vaayirasiin Iboolaas chimpaanziiwwaniifi goorillaawwan kumaatamaan lakkaa'aman Afrikaa keessatti ajjeeseera.

Madda suuraa, Getty Images
Yunivarsiitii Joon Muurs UK keessatti argamutti qorataan bineeldotaa Pirof. Seerji Wiich akka jedhanitti, mootummoonni hedduun turiizimii sanyiiwwan qamalee cufaniiru. Qorattoonniifi saayinstisoonni garuu of eeggannoo gochaa jiru.
Akka qorattonni jedhanitti dhukkubni daddarbaan akkasii kun sanyii qamalootaa kan akka Oraanguutan duraanuu baduutti dhiyaataniif baayyee yaaddoodha. Kanaaf, of eeggannoon cimaan taasifamuun barbaachisaadha jedhu.
Sanyii qamalee akaakuu afuritu lafarra jira yeroo ammaa. Isaanis: Goorillaa (Afrikaa), bonbos (Afrikaa), oraanguutan (Eeshiyaa Kibba Bahaa) fi chimpaanzii Afrikaa.
Namoonni sanyii qamalee kana waliin walitti dhiyeenya qabu. Waggoota miliyoona baayyee irraa kaasanii hidda walfakkaatu qabu jedhama.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














