Koronaavaayiras: 'Adurree keessan manatti dhorkadhaa' jedhan hakimoonni fayyaa beeyladaa

Madda suuraa, Victoria Gill
Tatamsa'ina koronaavaayirasii ittisuuf namoonni adurree qaban, adurree isaanii manaa akka gadi hin baane dhorkuu qabu jechuun saayintiistonni fayyaa beeyladaa hubachiisan.
Waldaan Hakimoota Fayyaa Beeyladaa Biritish "namoonni sarees ta'e adurree manaa qabanirraa vaayirasichi natti darbaa jedhanii yaadda'uu hin qabani" jedha.
"Nama saree ykn adurree isaarraa koronaavaayirasiin isa qabe tokkollee hin agarre," jedhu Dr Anjel Almeendiroos yuunivarsiitii Siitii Hongi Koongi irraa.
Adurreen tokko adurree biraa irraa vaayirasichi itti darbuu akka danda'u garuu qorannoon mul'isee jira.
Kanaafis namoonni qulqullina adurree isaanii eeguu akka qabaniifi, adurreen manaa akka hin baane dhorkuu akka qaban dhaamu ogeeyyiin.
Maaliif adurree manatti tiksuu qabna?
Vaayirasichi saree ykn adurree irraa namatti darbuun isaa mirkanaa'uu baatus garuu namootarraa sareetti ykn adurreetti darbuu ni danda'a.
Kanaafis namoonni of-eeggannoo gochuu qabu jechuun gorsu.
"Adurreefi saree tuttuquu, hammachuu, fuula ofii arraabsiisuufi wantoota kana fakkaatan irraa of qusadha. Yeroo gadi baatanis saree fi adurree namaa harkaan hin qabatina," jedhu pireezidantiin Waldaa Veteriinarii Biritish Dani'eelaa Dos Saantoos.
Hongi Kongi keessatti sareen ganna 17 tokko vaayirasichaan qabamauuan mirkanaa'ee ture jedhu Dr Anjel, vaayirasichis abbaa saree sanaarraa itti darbuu himu.
"Bineensonni poozatiivii ta'uun isaanii mirkanaa'us garuu hin dhukkubsatani," jedhu.
Weerara koronaavaayirasii kana dura ture SARS-COV jedhamunis ta'e kan ammaan bineensonni koronaavaayirasiin qabaman wayita dhukkubsatan hin mul'anne.
Akkamitti namarraa bineensotatti darba?
Adurroonni akkuma namaa namatti darbu dhangala'aa xixiqqoo yeroo namni qufa'u ykn axxiffatu afaan ykn funyaan keessaa bahuun vaayirasichaan qabamuu danda'u.
Beeljiyam keessatti adurreen abbaan adurrittii mallattoo koronaavaayirasii agarsiise tokko qoratamtee poozatiivii taateetti.
Kana hordofuun saayintiistonni Chaayinaa qorannoo taasisanii adurreen tokko adurree biraatti vaayirasicha adabarsuu akka dandeessu mirkaneessanii jiru.
Namoonni ammoo vaayirasicha adurreefi sareetti qofa osoo hin taane jaldeessatti dabarsuu akka danada'an mirkanaa'ee jira.
Kun ammoo namoota gosa bineensotaa addunyaarraa badaa jiran kunuunsaniif yaaddoo guddaa uumeera.
Jalqaba vaayirasiin kun bineensota irraa gara namaa dhufuun ni beekama garuu sun waan namoonni bineensota kana nyaataniifi.
Yoo hin nyaatamiin bineensoti vaayirasichaa deebisanii nama qabsiisuu danda'uu isaaniif amma dura ragaan hin argamne.

- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras
















