Koronaavaayiras: Weerarri dhibee COVID-19 hariiroo maatii ni jabeessamoo ni aaffisa laata?

Miseensota maatii

Madda suuraa, Getty Images

Weerara koronaavaayiras dura abbaan warraafi haati warraa guyyaa tokkotti giddu galeessaan sa’aatii lamaafi walakkaa qofa wal argaa akka turan qorannoowwan ni mul’isu.

Yeroo ammaatti ammoo wantoonni jijjiiramaniiru.

Keessumaayyuu eega biyyoonni muraasni tatamsa’inna vaayirasichaa ittisuuf sochii namoota ugguranii booda abbaan warraafi haati warraa guyyatti hanga sa’aatii 16 waliin dabarsu.

Ijoolleensaaniis manaa hin bahan.

Namoota sa’aatii kana hunda mana turuu hin baranneef yeroon kun baay’ee isaan yaachisaara.

Yeroo kun maatii gargar akka fagaatan godhamoo mana keessatti waldhabdeen akka jiraatu taasisa laata?

Yuunivarsiitii Ooppinitti piroofeesara kan ta’an Jiikwii Gaab, “haalli jireenyaa akkanaa na mudatee hin beeku,” jedhan. Haalli kunis walitti dhufeenya maatii rakkoorra akka buusu dubbatu.

Kanarrattis guyyaan boruu maal qabatee akka dhufu hin beeknu; waa’ee maallaqaa muddamuu, wantoonni dura nu gammachiisaa turan gochuu dhabuufi waa’ee dhukkubichaa hedduu yaaduunis itti dabalameera.

Qorattuu xiinsammuu kan ta’an Dr Kaarolaayini Shuustar akka jedhanitti, namoonni hedduun yeroo kanatti bilisummaa dhabuun itti dhagahamuu danda’a jedhu.

Miirri “bilisummaa dhabuufi kophummaan isaan mudachuu,” danda’a jedhu.

Dr Kaarolaayiniifi Prof Jaakwiin sodaa miidhaan mana keessatti namarra gahu dabaluu danda’a jedhu qabu.

Fakkeenyaaf, UK’tti namoonni miidhaan mana keessatti nurra gahaara jedhan %25 dabalee ni mul’isa.

Yeroon walitti dhufeenyi dhuunfaa fi hojiinillee osoo hin hafne kan miidiyaa hawaasummaarratti hundaa’eedha. Pirof Jaakwiin akka jedhanitti maxxansaaleen miidiyaa hawaasummaarratti maxxanfaman xiin-sammuu namoota muraasaa miidhuu danda’u jedhu.

Namoonni nyaata gaggaarii bilcheesan waraabanii yeroo maxxansa namoonni ijoolleesaaniif nyaata kennuu hin dandeenye immoo miirasaanii miidhuu danda’a jechuun fakkeenya kaasu.

Maatiin ijoolleesaanii akkamitti nyaata akka dhiheesaniifi, akkamitti barnootasaaniirratti gargaaruunii danda’an ni yaada’u. Gama biraatiin immoo ijoolleen maatiisaanii keessaa namni tokko dhukkubichaan qabamuu danda’a jedhanii yaada’u.

Hanqinni nyaataa fi hiriyyootasaanii arguu dhabuun isaan yaachisa.Namoonni waan adeemaa jiru kanaaf to’annaa tokkollee qabaachuu dhabuun waan isaan yaachisu kan biraati.

Ogeettiin xiinsammuu Dr Puuniit Saaha “dhalli namaa wantoota to’achuu yoo dadhabe ni dhippata,” jedhu. Dhippinna kana balleesuufis muraasnisaanii ispoortii yoo hojjatan muraasni immoo mana qulqulleesuu fi kuduraa dhaabuu irratti boba’u.

Ogeettiin tun akka jedhanitti miseensonni maatii waliin akka turan dirqamuunsaanii walitti dhufeenya maatii jijjiiruu danda’a. Miseensonni maatii yeroo biraa caalaa waliisaaniiti haalan walitti dhufuuf isaan gargaraa jedhan.

“Walitti dhufeenyi kun hamaadha jennee yaaduu hin qabu,” jedhan. Hedduunsaanii waan miira gaarii itti hour barbaadaa jiru. Muraasni isaanii yeroo manaa hojjatan uffata yeroo gara waajjiraa deeman uffachuunsaanii akka fakkeenyatti kaasu.

Manneen barnootaa cufamuusaaniitii ijoolleen teeknooloojii akka Zoom jiratti barachuuf carroomaniiru.

Yeroo kanatti maatiin ijoolleesaanii gama barnootaan akka deeggaran eegama. Ta’us garuu maatiin hedduun ijoolleesaaniitiif barnoota barbaachisu kennaa akka hin jirretti waan itti dhagahamuuf ni yaada’u.

Hogganaan mana barnootaa sadarkaa tokkoffaa UK’tti argamuu kan ta’an “Maatiin hin cinqaminaa, eenyullee goota akka taatan isinirraa hin eegu,” jechuun dubbii jajjabinna isaanitti horu dubbachuunsaanii waan isaan akka cinqaman arganiif.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa